ODUUSEERA FI HAQA

Oduu: Boordiin Filannoo haala hoggantoota ABO mana hidhaa jiran irratti hordoffii taasisaa ture bu’aa akka hin argamsiisne ibse

Finfinnee, Caamsaa 30/2024 – Boordiin Filannoo Biyyaaleessaa dhimma hoggantoota Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) mana murtiidhaan bilisa jedhamanii hanga ammaatti hin hiikamne ilaalchisee hordoffii taasisaa ture “bu’aa waan hin argamsiineef” Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti Koreen Dhaabbii Dhaabbilee Dimokraasii gama isaatin “yaalii akka godhu” xalayaadhaan gaafate.  

Addi Bilisummaa Oromoo, qondaalli dhaabichaa Battee Urgeessaa Ebla 09 erga ajjeefaman booda haalli qondaaltota paartichaa torba biroo mana hidhaa keessa jiran akka isa yaaddeessu xalayaa Ebla 14 boordichaaf barreesseen beeksisuu ibsameera.  

Xalayaa boordichi koree dhaabbii dhaabbilee dimokraasiif ergeefi Addis Standard ilaale kun akka ibsutti, ABOn hoggantoonni kunniin mana murtiidhaan bilisa kan jedhaman ta’uus hanga ammaatti hidhaarraa kan hin baane ta’uu, humnoonni nageenyaa mootummaa haala seera biyyattirraa faallaa ta’een to’annoo jala isaan tursiisuu eeruun boordichi haala hidhaa hoggantoota isaa irratti furmaata akka laatuuf gaafateera.  

Qondaaltota Addi Biisummaa Oromoo ammallee ajaja mana murtii malee mana hidhaa akka argaman ibse; Abdii Raggaasaa, Lammii Beenyaa, Mikaa’el Booran, Gadaa Oljiraa, Gadaa Gabbisaa, Kennasaa Ayyaanaa, Daawit Abdataa fi Girmaa Xurunaati. 

Boordiin Filannoo Biyyaaleessaa iyyannoo irra deddeebiin paartichi dhiyeessurra hundaa’uun qondaalonni ABO kunneen manneen hidhaa garagaraatti akka dabarfaman, bakka itti hidhamaniis ifatti kan hin beekamne ta’uu, waggootaaf mana murtii kan hin dhiyaanne ta’uu fi haalli qabiinsi isaanii yaaddeessaa ta’uu eeruun, akkasumas hordoffii boordichi taasisaa ture milkaa’uu dhabuu Amajjii darbe koree dhaabbichaaf xalayaadhaan beeksisuu ibseera. 

Haata’u malee, haalli qabiinsa isaanirratti hordoffiin gama koree dhaabbii mana marichaan godhame jiraachuu isaarratti hanga ammaa odeeffannoo akka hin arganne ibsuun, waan irra gahame akka beeksifamu irra deebiin xalayaadhaan gaafateera. 

Qondaaltonni Addi Bilisummaa Oromoo waggootaaf ajaja mana murtii malee hidhaatti argaman akka gadi lakkifaman paartichi dabalatee dhaabbilee mirga namoomaaf falman gaafachaa turaniiru. 

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Dhaabbanni mirgoota namoomaa Hiyumaan Raayitis Waach (HRW) ibsa Adoolessa 2023 baaseen, mootummaan Itoophiyaa hoggantoota olaanooABO torba kan ajaja mana murtii malee seeraan ala waggootaaf mana hidhaa garaagaraa keessa tursiise “hatattamaan” akka gadhiisu gaafateera. 

Manni Murtiin irra deddeebiin akka hiikaman ajaja dabarsuus Poolisiin Oromiyaa ajaja darbe diduun Abdii Raggaasaa, Lammii Beenyaa, Mikaa’el Booran, Gadaa Oljiraa, Kennasaa Ayyaanaa fi Daawit Abdataa bara 2020 irraa eegale, Gadaa Gabbisaa ammoo 2021 irraa eegale mana hidhaatti dararaa jiraachuu ibsichi addeesseera.

“Mootummaan Itoophiyaa hoggantoota paartii siyaasaa Oromoo torba sababa siyaasaatiif qofa ajaja mana murtii malee seeraan ala waggoota sadiif mana hidhaa keessa tursiise hatattamaan gadhiisu qaba,” ibsi HRW jedhe.

Dhaabni isaanii ABO gama isaatiin qondaalonni fi deeggartoonni paartichaa seeraan ala hidhamaa jiru jechuun mana hidhaa irraa akka gadi lakkifaman gaafachaa turuun ni yaadatama. AS

Related Articles

Back to top button