ODUUSIYAASA

Oduu: Boordiin filannoo yaa’ii ABUT gaggeessuuf“beekamtii hin kennu” jedhe

 Finfinnee, Hagayya 13, 2024 – Boordiin filannoo biyyaaleessaa yaa’ii Addi Bilisummaa Ummata Tigraay (ABUT) gaggeessuuf deemuufi murtii yaa’ichi dabarsuuf beekamtii kan hin kennine ta’uu ibse. 

ABUT, gamasaatiin, yaa’ii waliigalaa paartichaa guyyaa har’aa akka gaggeessu miidiyaaleen naannichaa gabaasaniiru. Akkasumas, ibsa Hagayya 7, 2016 baaseen, hirmaattonni yaa’ii waligalaa 14ffaa irratti hirmaachuuf magaalaa Maqalee galuu isaanii paartichi karaa miidiyaa hawaasaatiin beeksisee ture. Yaa’icharratti muudamni haaraas ni taasifama jedhamee eegama. 

“ABUT yaa’ii waligalaa gochuuf akka ta’e gabaasalee miidiyaa hubadheera.  Haa ta’u malee, boordichi duraa beeksifamu qaba ture. Osoo boordichi hordoffii hin taasisiniifi taajjabdoota osoo hin hirmaachisin walga’ii waligalaa gaggeessuun hin danda’amu” ibsa boordichaatu jedhe. 

Yaa’iin  waligalaa kun beekamti Boordii Filannoo Itoophiyaatiin ala waan ta’eef murtoo yaa’ichi dabarsuuf beekamtii kan hin kennine ta’uu boordichi beeksiseera.  

ABUT walga’ii waligalaa gaggeessuun guyyaa 21 dura boordii filannoo beeksisuu akka qabuu fi walga’ii waligalaa godhu irratti tajjabdoonni boordii filannoo argamuu akka qaban eerameera. 

ABUT xalayaa miidiyaalee naannichaatiif barrreesseen, miidiyaaleen naannichaa odeeffannoo dogoggoraa tamsaasaa jirtu jechuun komateera. Paartichi xalayaa Televiziyoona Tigraay, Sagalee Wayyaanee fi FM Maqaleetiif barreesseen, yaa’ii Hagayya 13, 2024 gaggeeffamu jaamsuu fi burjaajessuuf jecha gabaasa dogoggoraa dhiheessaa waan jiraniif kana gochuurraa akka of qusatan akeekkachiiseera. AS

Related Articles

Back to top button