ODUUSIYAASA

Oduu: “Bulchiinsa yerooratti fonqolchi mootummaa ifatti raawwatamaa jira” – Bulchiinsa Yeroo Tigraay

Finfinnee, Sadaasa 11, 2024 – Gareen Adda Bilisummaa Ummata Tigraay (ABUT) Dabratsiyoon Gabramikaa’eeliin hogganamu bulchiinsa yeroo Tigraay irratti fonqolcha mootummaa “ifatti” gaggeessaa jiraachuu pireezidaantiin bulchiinsi yeroo naannichaa beeksise.

Pireezidaantiin bulchinsa naannichaa Getaachoo Raddaa, ibsa kaleessa baaseen, gareen ABUT Dabratsiyoon Gabramikaa’eeliin durfamu kan ji’a Hagayyaa keessa yaa’ii taasisee ture bulchiinsa yeroo naannichaarraa humnaan aangoo dhuunfachuuf fonqolcha gaggeessaa jira jedhe.

“Gareen kuni hojiilee misoomaa mootummaa danquurra darbee fonqolcha mootummaa gaggeessutti darbuun seera-dhabdummaa bal’isutti darbeera,” ibsichatu jedhe. “Gareen gumii seera-dhabeessa gaggeessee ture kuni hoggantoota olaanoo isaatiin duula narratti gaggeessaa jira,” jechuun hojiiilee misoomaarratti danqaa ta’uu mootummaan naannichaa beesksiseera.

Gochaan gareen kuni magaala Maqaleefi godinoota Kaaba Lixaafi gidduugaleessaa keessatti raawwachaa jiru karoora garichaa kan mirkaneessu ta’uu ibsameera.

“Ummanni keenya [Tigraay] abdii akka kutatuufi burjaaja’ummaadhaan akka camadamuuf hojiin itti gaafatamummaan hir’ate hojjatamaa jira,” jechuun ibsichi ceepheera.

Torban lamaan darban keessa hojii caasaalee hoggansa tika nageenyaa naannichaa waliin hojjachaa turuun caasaalee mootummaa dhuunfachuu ibsuun gareen biraa garuu hojii burjaajessuu bal’aa hojjachaa turuu bulchiinsichi beeksiseera.

Abbootiin Amantaa Tigraay Onkololeessa 22, 2017 ALI garee ABUT lamaan walitti fiduun rakkoo uumame karaa nagaatiin akkaataa dambii ittiin bulmaata paartichaa eegeen akka hiikan waliigalteerra gahuun gabaafamee ture.

Kana malees, gochaan gareen Dabratsiyooniin durfamu kuni adeemsa rakkoo karaa nagaatiin furuu abbootii amantaatiin eegalame “guutumatti akka hin fudhanne” kan agarsiisuudha jechuun bulchiinsi yeroo ibseera.

ABUT, ibsa Onkololeessa 23, 2017 ALI baaseen, gochaan abbootiin amantaa naannichaa raawwachaa jiran qaamolee lamaan “walitti dhiyeessuu” malee araaraafi jaarsummaa miti jedheera. Gorsa abbootiin kennan kan deeggaru ta’uu ibsuun rakkoon jiru garuu akkaataa nagaa, seeraa-qabeessa, qajeelfamaafi dambii hordofeen hiikamuu akka qabu gareen paartichaa Dabratsiyooniin durfamu ibseera.

Gareen ABUT bulchiinsa yeroo jalatti gurmaa’ee argamu, “Qaama kamiyyuu waliin haalduree tokko malee mari’achuuf qophiidha,” jechuun mariin taasifamu garuu rakkoo siyaasaa jiru furuuf malee “aangoo qooduun kan hin yaaadamne” ta’uu ibseera.

Bulchiinsi yeroo, “Aangoo mootummaa eenyu haa qabatu dhimma jedhurratti haala kamiinuu mariif kan hin dhiyaanne akka ta’e ifa ta’uu qaba,” jedheera.

Waldhabdeen siyaasaa hoggantoota ABUT gidduutti uumame adeemsa naannicha deebisanii ijaarurratti danqa akka ta’uu ogeeyyoonnifi beektonni Addis Standard’tti himanii ture. Rakkoon kuni uummata naannichaa gadadoo boqonnaa biraatti dabarsuu akka malu beektonnni eeranii ture. AS

Related Articles

Back to top button