ODUUSIYAASA

Oduu: Bulchiinsi Aanaa Arxummaa Fursee yeroo hin murtoofneef sochii geejjibaa fi meeshaalee waraanaa dhorke 

Finfinnee, Waxabajjii 21/2024 – Naannoo Amaaraa Godina Addaa Saba Oromoo Aanaa Arxummaa Furseetti har’aa eegalee yeroo hin murtoofneef sochii geejjibaa fi meeshaalee waraanaa irratti daangeeffamni kaawwame. 

Manni maree nageenyaa bulchiinsa aanaa Arxummaa Fursee ibsa kaleessa baaseen, haalli nageenyaa aanichaa yeroorraa gara yerootti hammaataa dhufuu eeruun daangeffamoota har’a eegalee hojiirra oolan ifoomseera. 

Manni marichi tarkaanfii kanaan akka sababaatti kan kaase sochii Waraana Bilisummaa Oromoo, kan inni Shanee jedhee waame aanaa Arxummaa Fursee keessatti taasisu ta’uu ibseera. 

“Bulchiinsa aanaa keenya keessatti finxaaleyyiin shanee ajjeechaa, saamicha fi darara ummata keenya irratti gochaa jiru yeroodhaa gara yerootti dabalaa deemuu isaatiin manni marichi nageenya ummataaf jecha labsii armaan gadii dabarsee jira,” jedha ibsichi. 

Jiraataan Aanaa Arxummaa Fursee Addis Standard dubbise tokko ammoo aanicha keessa rakkoon nageenyaa jiraachuu mirkaneessuun “sochiin Shanee jira jedhamee ibsame garuu sirrii miti” jedhe.

“Isaan yeroo baay’ee ‘shaneetu nageenya booressaa jira’ jedhu. Garuu dhugumatti shanee kan jedhan numa jiraattota fakkaata. Nuti shanee kan jedhamu jiraachuu hin beeknu. Inumaayyuu darbe darbee uummata keenya fixaa kan jiru finxaaleeyyii Amaaraa ollaarraa nutti galaniidha,” jedhan. 

Bulchiinsi Aanaa Arxummaa Fursee har’a eegalee daandii guddicharraa kilometira 5 meeshaa waraanaa kamiyyuu qabanii socho’uu, akkasumas sochii bajaajii fi konkolaataan dhorkamuu ibseera.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Dabalataan, daandiin caffaa arxummaa fi caffaa fursee deemu guutummaa guutuutti cufaa ta’uu ibseera. 

Kana malees, tajaajilli bu’uuraalee misooma kilaastera arxummaa fi fursee cufamuu fi hidhataan meeshaa waraanaa qabu kamiyyuu waamicha aanichi dabarse bu’uura godhachuun gara giddu gala Aanaa akka seenan beeksiseera. 

“Qaamni kamuu murtee kana ykn dhorkaman hin kabajne, hin kabachiifne fi akka kabajaman deeggarsa irraa eeggamu hin taasifne seeraan kan gaafatamu ta’a,” jedha ibsichi. 

Arxummaa Fursee dabalatee aanaalee godina addaa saba Oromoo keessa jiran yeroo garaagaraatti walitti bu’iinsa keessummeessuun lubbuun namoota nagaa darbeera. 

Ji’a Onkoloolessa 2023 keessa haleellaa hidhattoonni “Faannoo” jedhamuun waaman aanichatti raawwatan hordofee walitti bu’iinsa hidhattoota kanneenii fi jiraattota aanichaa gidduu uumameen jiraattota 18 ol ajjeefamuu Addis Standard jiraattota wabeeffachuun gabaasuun isaa ni yaadatama. AS

Related Articles

Back to top button