ODUUSIYAASA

Oduu: Bulchiinsi Geetaachoo Raddaa hoggansa ABUT Dabratsiyooniin durfamu irratti tarkaanfii akka fudhatu ibse

 Finfinnee, Onkoloolessa 08/2024 – Bulchiinsi Yeroo Naannoo Tigraay Geetaachoo Raddaatin durfamu “hoggansa Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (TPLF) [Dabratsiyoon Gabramikaa’eliin durfamu] irratti tarkaafii seeraa nan fudhadha” jechuun akeekkachiise. 

Bulchiinsi yeroo naannichaa ibsa kaleessa Onkoloolessa 07, 2024 galgala baaseen, garee ABUT Dabratsiyoon Gabramikaa’eliin durfamu “naannichatti jeequmsa uumuuf hojjechaa jira” jechuun himateera.

Bulchiinsi Geetaachoo Raddaa kana kan jedhe ABUT Dabratsiyoon Gabramikaa’eliin durfamu ibsa kaleessa baaseen pireezidaantii naannichaa Geetaachoo Raddaa dabalatee miseensota kaabinee naannichaa shan aangoorraa kaasuu beeksisuu hordofeeti.

Kana hordofuun bulchiinsi yeroo naannichaa ibsa baaseen ABUT lamatti qoodamuu hordofee gareen Dabratsiyoon “fonqolcha mootummaa narratti labsee jira” jechuun balaaleffateera.

Kana malees gareen ABUT Dabratsiyoon Gabramikaa’eliin durfamu “naannicha keessatti seera dhabdummaa babal’isuu fi jeequmsa uumuuf socho’aa  jira” jechuun, amma booda garuu garicha irratti “tarkaanfii seeraa” fudhachuu akka jalqabu akeekkachiiseera.

Tarkaanfii seeraa yeroo fudhatamu “miidhaa mudachuu malu kamiifuu gareen kuni fi hoggantoonni isaa qofti itti gaafatamummaa akka qaban ummanni haa beeku” jechuun ibse.

Gareen Dabratsiyoon “akkamitti fi haala kamiin aangoo mootummaa akka qabamu hubachuu dhiisee osoo hin taane, naannichatti jeequmsa uumuuf kaayyoo qabatanii haala itti gaafatamummaan hanqateen socho’aa waan jiraniifi” jedhe. 

Ibsa gareen lamaan hordofee humni nageenyaa Tigraay ibsa baaseen, bulchiinsa yeroo naannichaa ilaalchisee gareewwan ABUT lamaan ibsa wal faallessu kennu isaanii fi kunis ummata naannichaa biratti burjaajii uumuu akeekeera.

Sababa ibsa gareewwan lamaan baasaniin jeequmsaa fi rakkoo nageenyaa uumamu kamuu akka hin obsine ibsuun, “sochiiwwan nagaa fi nageenya naannichaa balaadhaaf saaxilan hin hayyamnu” jechuun akeekkachiisaniiru.

Adda Bilisummaa Ummata Tigraay Dabratsiyoon Gabramikaa’eliin durfamu ibsa Fulbaana 24, 2024 baaseen “rakkoolee bu’uuraa bulchiinsa yeroo keessatti mul’atan furuuf tarkaanfii nan fudhadha” jechu isaa gabaasuun keenya ni yaadatama. AS

Related Articles

Back to top button