DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Buqqaatonni magaalaa Dabra-Birhaan argaman rakkoo dhiyeessii nyaataa isaan mudachuu ibsan

Finfinnee, Onkoloolessa 29/2024 – Buqqaatonni Naannoo Oromiyaa Godina Wallagga Bahaa fi Shawaa Lixaa irraa buqqa’anii Naannoo Amaaraa magaalaa Dabra Birhaanitti buufata buqqaatotaa Baaqeloo keessa qubatanii jiran rakkoo dhiyeessii nyaataa cimaan isaan mudachaa akka jiru Addis Standard’tti himan.

Gargaarsi kanaan dura dhaabbilee tola ooltummaatiin kennamaa ture dhaabbachuu hordofee kaampii kana keessatti hanqinni dhiyeessii nyaataa mudachuu buqqa’aan Akliluu jedhaman ibsaniiru.

”Kaampii keenya keessatti hanqinni nyaataa jira. Dhaabbileen dhuunfaan nyaata gargaaraa turan amma hin jiran. Amma gargaarsa mootummaa irraa guyyaa 45tti nu kennamu qofa qabna. Deeggarsi dhaabbileen tola ooltummaan haadholii fi namoota dadhaboo ta’aniif godhan maaliif akka dhaabbate hin beeknu,” jedhan.

Akliluun itti dabaluudhaan, kaampii buqqaatotaa Baaqeloo jedhamu keessatti buqqaatonni 5100 akka argamanii fi namoota hundaaf gargaarsa gochuun rakkisaa ta’uu ibsaniiru. Yaala fayyaa ilaalchisee dhaabbatni tola ooltummaa “Goal” jedhamu tajaajila kennaa akka jiru ibsuun, isaan alatti Hospitaalli Rifaraalaa Dabra Birhaan tajaajila kennaa jiraachuu himan. 

Itti dabaluunis, gara qe’ee isaanitti akka deebi’aniif haalli nagaa akka uumamu gaafataniiru.

Buqqa’aan kan biraa Mallasaa Getaahun yaada Addis Standarditti laataniin kaampicha keessa maatiin gara 714 ta’an gargaarsi isaanii addaan cituu himan. 

“Yeroo ammaa kana wiirtuu kana keessatti maatiin 714 gargaarsa hin argatan. Kanaan dura namoota gara qe’ee isaanitti deebisuuf hojjetamaa ture. Garuu kanneen ammallee yaaddoo nageenyaa waan qabaniif as hafantu gargaarsa argachaa hin jirre,” jedhan. 

Itti dabaluun, “dhaabbileen tola ooltummaa kanaan dura gargaarsa kennaa turan deeggarsa isaanii waan dhaabaniif waan qabnuun wal gargaaraa as jiraachaa jirra” jedhan.

Buqqaatota kaampii kana keessaa gara qe’ee irraa buqqa’an, godina Wallagga Bahaatti akka deebi’an taasifaman keessaa tokko kan ta’an Yusuf Muhaammad, buufata buqqaatotaa keessaa bahanii yeroo gara qe’ee isaanitti deebi’an wanti itti himamee fi yeroo bakka sana ga’an wanti argan adda akka ta’e ibsu.

”Guraandhala 2016 ALI namoota 33 taanee kaampii sana keessaa baane. Hojjechuu ni dandeessu, deebi’aa, hanga yoomitti kadhattu nuun jedhaniiti deebine” kan jedhan Yusuf, erga deebi’anii booda gargaarsa aanaa isaaniin jireenya isaanii itti fufaa akka jiran himaniiru.

“Aanaan Leeqaa Dullachaa bakka nuti jirru, ji’atti daakuu kiiloo 15 nuuf kennuun jiraachaa jirra. Yeroo asi dhufnu mana firaa barbaanne akka itti siqnu nutti himame. Nuti firas hin qabnu. Erga gallee hanga ammaatti kiraa manaa kaffalaa jiraanna. Hojiis hin qabnu” jedhan. 

”Hanqinni nyaataa jira, nyaanni nuuf kennamus madaalawaa miti. Baay’ee miidhamaa jirra. Daakuu ji’atti nuuf kennamu irraa hir’isne kiraas kaffalla.” 

Itti dabaluun, dhaabbileen miti mootummaa haala jiru hubatanii akka isaan gargaaran gaafachuun, dabalataan “mootummaan garagalee nu haa ilaalu” jedhan. AS

Related Articles

Back to top button