ODUUSIYAASA

Oduu: Buqqaatota fi milishoonni gara Raayyaa Allaamaaxaa wayita deebi’aa jiranitti sodaa fi tasgabbii dhabuun itti fufee jira

Finfinnee, Adoolessa 23/2024 – Bulchiinsi Yeroo Naannoo Tigraay guyyoota sadan darbanitti milishoota fi poolisoota duraanii dabalatee buqqaatota biyya keessaa gara 17,000tti dhiyaatan gara Raayyaa Allaamaaxaa fi naannoo isheetti deebiseera.

Bulchaan Godina Kibba Tigraay Haaftuu Kiroos, buqqaatonni 16,868 magaalota Maayicaw fi Mahonniitti qubatanii turan gara Raayyaa Allaamaaxaa fi naannolee ishee kan akka Waajjaa fi Ximmuggaatti deebi’uu Addis Standarditti mirkaneessaniiru.

Akka bulchaan godinichaa jedhanitti, namoota deebi’an keessaa milishaa fi poolisoota waraanni Tigraay osoo hin jalqabin dura naannolee kanneen keessa jiraachaa fi hojjechaa turan argamu. Buqqaatonni siiviilii kanneen manni isaanii barbadaa’e irraa kan hafe buqqaatoonni hedduu gara mana isaanitti kan deebi’an yoo ta’u, milishaa fi poolisoonni yeroof manneen barnoota keessa qubataniiru. 

“Isaanis, qindoomina Raayyaa Ittisa Biyyaa fi poolisii federaalaa waliin suuta suutaan gara mana isaaniitti ni deebi’u,” jechuun Haaftuun hubachiisaniiru.

Haata’u malee, milishaa fi poolisii dabalatee buqqaatonni gara Raayyaa Allaamaaxaa yeroo deebi’an Sanbata darbe dargaggoota Amaaraa irraa mormiin isaan mudachuu gabaafameera. Wiixata BBCn akka gabaasetti, jiraattota dhalootaan Amaaraa ta’an hidhattoota Tigraayiin butamaniiru

Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay jalatti kantiibaan magaalaa Allaamaaxaa himannaa dhiyaate kanaaf deebii BBCtti laataniin, namoonni milishoota Tigraayiin qabaman kunneen “jeequmsa uumuun” to’annoo jala ooluu isaanii fi Raayyaa Ittisa Biyyaaf dabarfamuu dubbatan.

Jiraataan Addis Standard dubbise ammoo adeemsa buqqaatota gara qe’ee isaanii deebisu kana gidduu naannichatti sodaa fi tasgabbii dhabuu mul’achuu hime. ”Namoonni sodaa guddaa keessa jiru. Yeroo humni Amaaraa bulchaa turetti kanneen akka deeggartoota Tigraayitti ilaalaman irratti xiyyeeffatama. Amma yeroo humnoonni Tigraay to’atan kanneen deeggartoota Amaaraa jedhaman sodaa wal fakkaataa keessa jiru,” jedhe.

Bulchaan godina Kibba Tigraay garuu “Itti gaafatamummaan nagaa eegsisuu kan kennameef Raayyaa Ittisa Biyyaa fi poolisii federaalaa qofa waan ta’eef adeemsi buqqaatota deebisuu yaaddoo nageenyaa uumu hin jiru” jedhan. 

Akkaataa waliigaltee Piritooriyaatin naannoowwan kunneen yeroo dhiyoo keessatti Bulchiinsa Yeroo Tigraay jalatti akka bulfaman akeekaniiru. AS

Related Articles

Back to top button