ODUUSIYAASA

Oduu: Buqqaatota Lixa Tigraay gara qe’ee isaanitti deebisuuf gama mootummaa federaalarraa sochiin godhamaa hin jiru - Lt. Janaraal Taaddasaa Warrade

Finfinnee, Caamsaa 20/2024 – Pireezidaantii Itti Aanaa Bulchiinsa Yeroo Tigraay Letanaant Janaraal Taaddasaa Warrade, bulchiinsi yeroo Tigraay namoota sababa waraanaan Lixa Tigraay irraa buqqa’an gara qe’ee isaanitti deebisuuf qophii xumuruus, “gama mootummaa federaalarraa tarkaanfiin qabatamaa fudhatamaa hin jiru” jedhan. 

Letenaant Janaraal Taaddasaa Warrade dhimma buqqaatotaa fi haala yeroo naannichaa ilaalchisee kaleessa Caamsaa 19, 2024 miidiyaaleef ibsa laataniiru. 

Ibsa isaaniin naannawaa Raayyaa Kibbaatti gama mootummaa federaalaa irraa harkifannaa akka mul’atu kan eeran Lt. Janaraal Taaddasaa, harkifannaan kunis bulchiinsi naannichaa tarkaanfii itti aanu akka hin fudhanne danqaa itti ta’uu dubbatan. Gama biraatin, rakkoon buqqaatota Lixa Tigraay hanga ganna dhufutti akka furamuufis hojjechaa jiraachuu ibsan. 

Kana malees, “warreen gara walitti bu’iinsa nu seensisuuf nu dhiiban waliin hin tumsinu, waldhabdee keessas hin seennu” jedhan. Buqqaatonni yeroo deebi’an nageenyi isaanii akka eegamu, gama kanaan Raayyaa Ittisa Biyyaa tumsuuf qophii ta’uu ibsaniiru. 

Buqqaatota Lixa Tigraay gara qe’ee isaanitti deebisuuf “qophii keenya xumurreerra” kan jedhan Lt. Janaraal Taaddasaa, “adeemsi kana booda jiraatu Raayyaa Ittisa Biyyaan kan raawwatamudha, nuti sagantaa qabanneef itti deemna,” jedhan. AS

Related Articles

Back to top button