
Finfinnee, Amajjii 14/2025 – Dhaabbatni Daandii Baaburaa Itiyoo-Jibuutii erga hojii jalqabee as yeroo jalqabaaf kurmaana dhumaa bara 2024tti bu’aa argachuu isaa hoji gaggeessaan dhaabbatichaa Taakkalaa Uumaa beeksisan.
Hoji gaggeessaan dhaabbatichaa kana kan jedhan madaallii raawwii hojii daandii baaburaa Itiyoo-Jibuutii kan bara 2024, Amajjii 14, 2025 gaggeeffame hordofeeti.
“Bu’aan argame kun karoora tarsiimowaa waggoota sadii dhufaniif dhaabbaticha gara bu’aa argamsiisutti jijjiiruuf qabanneef bu’uuraa kan ta’udha,,” jechuun Taakkalaan fuula miidiyaa hawaasaa isaanirratti ibsaniiru. “Bu’uura bu’aa qabeessummaa cimaa amma kaa’ameen, gara fuulduraatti gara milkaa’ina caalutti gahuuf adeemsa gaariirra jirra.”
Bu’aan kun kan argame Obbo Taakkalaan waggoota sadii keessatti dhaabbaticha gara dhaabbata bu’aa argamsiisutti jijjiiruuf waadaa erga galanii ji’a shanii boodadha. Obbo Taakkalaan itti dabaluun, “dhaabbaticha bu’aa qabeessa taasisuuf karoorri tarsiimowaa waggaa sadii fi hojimaanni haaraan qophaa’eera,” jedhan.
Hagayya 2024 keessa Taakkalaan dhaabbatichi baabura fe’umsaa 32 keessaa 15 qofti hojiirra akka jiran eeruun, haala yeroo daandii baaburaa kanaa irratti yaaddoo qaban ibsanii turan. Hanqinni kunis hamma fe’umsaa waggaa dhaabbatichaa haalaan hir’isuu himan.
”Hammi fe’umsaa keenya waggaatti toonii miiliyoona 6.3 ta’u qaba ture. Garuu yeroo ammaa waggaatti toonii miiliyoona 2.4 qofa hojjechaa jirra,” jechuun hoji gaggeessaan dhaabbatichaa dubbatan. Kunis hamma fe’umsa guutuu isaa keessaa 38% qofa akka ta’e ibsaniiru.
Kiiloo meetira 750 ol kan dheeratu fi Finfinnee buufata doonii Jibuutii waliin kan walqunnamsiisu pirojektiin daandii baaburaa kun walta’iinsa Itoophiyaa, Jibuutii fi Chaayinaatiin kan ijaarameedha.
Invastimantii waliigalaa Doolaara biiliyoona afuriin kan xumurame yoo ta’u, pirojektichi adda durummaan kan deeggarame baankii Chaayinaa Egziim jedhamuuni. Baankichi maallaqa waliigalaa keessaa 70% bifa liqiitiin kan dhiyeesse yoo ta’u, 30% ammoo mootummaan Itoophiyaa fi Jibuutiin kan uwwifame ta’u ibsame.
Dhaabbanni Ijaarsa Baaburaa Chaayinaa (CRCC) hojii daandii baaburaa kun bara 2018 eegalamee irra kaasee hanga Caamsaa 2024tti hogganaa kan ture yoo ta’u, amma itti gaafatamummaa hoggansa mootummaa Itoophiyaa fi Jibuutiif dabarfameera.
Fulbaana bara 2024tti Daandiin Baaburaa Itoophiyaa-Jibuutii hojii loowwan baaburaan geejjibsiisuu jalqabuu isaa beeksisuun ni yaadatama. AS