ODUUSIYAASA

Oduu: Daandiin Qilleensa Itoophiyaa sababa 'herreegni baankii jalaa uggurameef' gara Asmaraa balali'uu dhaabuu ibse

Finfinnee, Fulbaana 03/2024 – Daandiin Qilleensa Itoophiyaa sababni balalii gara magaalaa guddoo Eertiraa, Asmaraatti taasisu addaan kuteef “maallaqni Asmaraatti qabu waan uggurameef” ta’uu ibse.

Daandiin Qilleensichi har’a Fulbaana 03, 2024 irraw eegalee balalii gara Asmaraa taasisu addaan kutuuf “dirqameera” jedhe.

Dhimma kana ilaalchisee har’a gaazexeessitootaaf ibsa kan laatan hoji gaggeessaan dhaabbatichaa Masfin Xaasaw, Daandiin Qilleensichaa Hagayya 31, 2024 herreega baankii isaa Eertiraa keessa jiru ugguramuu itti himameera. “Maallaqa ittiin sochoonu waan uggurameef haalli kun balalii gara Asmaraatti taasifamu hunda dhaabuuf nu dirqisiise,” jedhan.

Kana malees, daandiin qilleensichi balalii torbanitti taasisu 14 irraa gara 10 akka hir’isu, akkasumas xiyyaarota xixinnoo akka fayyadamu Abbaan Taayitaa Siviil Aviyeeshinii Eertiraa irraa qajeelfamni laatameefi akka turees kaasaniiru.

Boodarra balaliin torbanitti gara 15 akka ol guddatu waliigalteerra gahamuus, herreega baankii fi maallaqni daandii qilleensichaa jalaa ugguramuu eeraniiru.

Ta’uus, Daandiin Qilleensichaa samii Eertiraa irraa balali’uu kan hin dhaabne ta’uu fi maallaqa jalaa qabame karaa marii dippilomaasiin gadhiisisuuf akka yaalu ibseera.

Daandiin Qilleensichi imaltoonni gara Asmaraatti imaluuf dursanii tikkeetti muratan kaffaltii dabalataa tokko malee Daandiiwwan Qilleensaa biroon akka imalan haala kan mijeessu, ykn kaffaltii raawwatan guutuu kan deebisuuf ta’uu eereera.

Abbaan Taayitaa Siiviil Aviyeeshinii Eertiraa ibsa kanaan dura baaseen, “imaltoota irratti dararaa qindaawaa fi itti yaadame gahuu” akka sababaatti eeruun Fulbaana 30, 2024 irraa eegalee Daandiin Qilleensa Itoophiyaa balalii gara Eertiraa taasisu hunda akka addaan citu murteessuu beeksisuu ni yaadatama. AS

Related Articles

Back to top button