ODUUSIYAASA

Oduu: Daandiin Qilleensa Itoophiyaa himannaa mootummaa Eertiraa irraa dhiyaate “maq-balleessiidha” jedhe

Finfinnee, Adoolessa 30/2024 – Daandiin Qilleensa Itoophiyaa “imaltoota irratti dararaa qindaawaa fi itti yaadame geessisa” jechuun himannaa mootummaan Eertiraa irratti dhiyeesse “hojii maq-balleessiidha” jechuun kufaa taasiseera. 

Ministeera Geejjibaa fi Kominikeeshinii Eertiraatti Abbaan Taayitaa Siiviil Aviyeeshinii ibsa Adoolessa 24, 2024 baaseen, daandiin qilleensichi imaltoota irratti dararaa “qindaawaa fi itti yaadame” geessisaa jira jechuun ji’a Fulbaana booda balalii gara Asmaraatti godhu akka addaan citu murteessuu beeksiseera.

“Boorsaa imaltoota hatamuu”, akkasumas irra deddeebiin harkifannaa balalii fi meeshaalee imaltoota irratti gahaa turuu eeruun, daandiin qilleensichi imaltootaaf “beenyaa osoo hin kaffaliin tureera” jedhe. Kana malees, daballii gatii tikkeetii bu’uura irratti hin hundoofne mul’atu murtoo kanaaf sababa ta’uu eereera.

Hojii gaggeessaan Daandii Qilleensaa Itoophiyaa Obbo Masfin Xaalaw raawwii hojii bara baajataa 2016 ALI ilaalchisee ibsa kaleessa kennaniin, Abbaan Taayitaa Siviil Aviyeeshinii Eertiraa xalayaa Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa Fulbaana 30 irraa eegalee gara Asmaraa akka hin balaliine dhorku erguusaa mirkaneessaniiru. Haata’u malee, “xalayaan sun sababa murtoo kanaa hin ibsine, guyyaa itti aanutti miidiyaa hawaasaarra argine” jedhan.

“Abbaan Taayitichi balalii akka addaan kunnu dhorkuu bira darbee himata dhiyeesse hojii maq-balleessii waan ta’eef himatichi fudhatama hin qabu.” 

Itti dabaluunis, kanaan dura Siiviil Aviyeeshiniin Eertiraa xiyyaara 737 malee geejjiba imaltootaa ol’aanaa akka hin fayyadamne dhorkee akka turee, akkasumas balaliin torbanitti taasifamu 10 ta’ee akka daangeeffamu taasisuu eeran.

Ji’a Bitootessa keessa Abbaan Taayitaa Siiviil Aviyeeshinii Eertiraa imaltoota irratti dararaan gahuu eeruun beenyaa akka kaffalamu iyyatee daandiin qilleensichi tarkaanfii sirreeffamaa fudhachuu dubbataniiru. “Tarkaanfii fudhanneen imaltootni meeshaa isaanii waliin akka deemanii fi baay’ina imaltootaa xiyyaara tokkoon balali’an hir’isuun rakkoon kun furameera.” 

Obbo Masfin ibsa isaaniin Daandiin Qilleensa Itoophiyaa badii jiru furuuf qophii ta’uu, akkasumas mootummaa Eertiraa fi Itoophiyaa gidduu hariiroo gaarii akka itti fufuuf aanga’oota Eertiraa dhimmi ilaallatu dubbisuuf yaalii gochaa akka jiru ibsaniiru. 

Daandiin Qilleensichi “loltoota deddeebisa” jedhamee komii irratti dhiyaatuuf, Obbo Masfin Xaasaw “sadarkaa idil addunyaatti hojimaanni loltoota xiyyaaraan imalan ni jira. Gama kanaan daandiin qilleensichi hojimaata idil addunyaa eegeeti hojjeta. Loltoota deddeebisne jechuun waraana irratti hirmaanne jechuu miti,” jedhan.

Obbo Masfin Xaasaw ibsa kaleessa laataniin, dhaabbatichi bara baajataa 2016 ALI galii Dolaara biiliyoona 7.02 (birrii biiliyoona 402) argachuu beeksisaniiru. Geejjiba imaltoota irraa galii dolaara biiliyoona 5, tajaajila fe’umsarraa dolaara biiliyoona 1.65, akkasumas tajaajila biroo irraa galii dabalataa argachuu dubbatan.

Daandiin Qilleensa Itoophiyaa bara kana imaltoota miiliyoona 17.1 ta’aniif tajaajila geejjibaa kan laate yoo ta’u, kanneen keessaa miiliyoona 13.4 kan ta’an imaltoota idil addunyaa ta’uu hoji gaggeessaan dhaabbatichaa himaniiru.

Waliigalaan bakki gahumsaa idil addunyaa daandii qilleensichaa 139 kan qaqqabe yoo ta’u, kan biyya keessaa ammoo 21 gahuu eerameera. Kana malees, daandiin qilleensichi xiyyaarota haaraa 105 bituuf ajajuu dubbataniiru. AS

Related Articles

Back to top button