DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Daballiin mindaa eegamaa ture ji’a Onkoloolessaatti akka hin taasifamin hojjatoonni mootummaa himan

Finfinnee, Sadaasa 12, 2024 – Komishiniin Sivil Sarvisii Itoophiyaa daballiin mindaa hojjattoota mootummaatiif taasifamu ji’a Onkolooleessaatiif kan gadhiifamu ta’uu haa ifoomsu malee daballiin mindaa ji’a kanatti akka hin taasifamin hojjattoonni biiroolee garaagaraa Addis Standard’tti himan.

Miseensi poolisii federaalaa maqaansaa akka hin eeramne gaafate Addis Standard dubbise akka himetti, “Ji’a Onkoloolessaatti nuuf dabalama jennee eegaa turre. Haa ta’u malee, hanga yoonaatti daballiin mindaa nuuf hin kaffalamne,” jedheera.

Hojjataan Yuunivarsitii Sivil Sarvisiitti piroofeesarummaadhaan tajaajilaa jiru tokko daballiin mindaa isa qaqqabe akka hin jirre mirkaneesseera. Mindaasaanii akka dabalamuyyuu abdiin amansiisaa ta’e isaan qaqqabe akka hin jirre himaniiru.

Hojjattoonni Nageenya Hidhata Odeeffannoo fi Tjaajila Oduu Itoophiyaa daballiin mindaa akka hin taasifaminiif addeessaniiru. Akkasumas, daballiin mindaa isaan qaqqabe akka hin jirre hojjattoonni bulchiinsa magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Yakkaa, Booleefi Lammii Kuraa Addis Standard’tti himaniiru.

“Ji’a kanatti daballiin mindaan na qaqqabu hanga ta’e na gargaara jedheen eegaa ture. Amma garuu yoom akka dabalamu tilmaamuunuu ulfaataadha,” hojjataa mootummaa kutaa magaalaa Boolee tokkotu jedhe.

Komishinarri Sivil Sarvisii Obbo Makuriyaa Haaylee, ibsa Sadaasa 08, 2024 baaseen, ministeerri faaynaansii mindaan akka dabalamuuf eeyyamuu eeruun “biiroon keenya mindaa ji’a Onkoloolessaa sirreeffame gadhiiseera” jedheera.

Biirooleen hedduu kaffaltii kana raawwachuu ibsuun, “kanneen kaffaltii hin xumurin qophii gochaa jiru,” jedheera. Qophiin akkuma xumurameen mindaa haaraa kana ji’a Onkoloolessaatiif gadhiisuu akka qaban eereera.

Odeeffannoon mindaa akka harkifatuufi daballiin taasifamu akka hin jirre naanna’aa jiraachuu amanuun “odeeffannoo amansiisaa” komishiniin Sivil Sarvaantii baasu qofarratti akka xiyyeeffatan dubbateera.

Hojjattoonni mootummaa, gama biraatiin, daballiin mindaa yeroodhaan taasifamuu dhabuun keesumaa ji’oota dhiyoo darban keessa jireenyasaanii “gadadoo” keessa akka galu taasisuu himu.

Hojjata Hospitaala Phaawuloos tokko, “Mindaan ni dabalama jennee eegaa turre. Haa ta’u malee, ammas ji’a kanas akka harkifatu barreerra,” jedheera.

Abbaa ijoollee sadii ta’uu kan himu kuni daballii mindaatiin walqabatee yaadachiifni biiroorraa isa qaqqabe tokkoyyuu akka hin jirre dubbata.

Hojjataan mindaansaa ji’aa birrii 6,000 ta’u himu kuni yeroo inni fi waahillan isaa daballii mindaa osoo eegatanii qaala’iinsi jireenyaa dabalaa jiraachuu hima. “Mindaan amma argadhu kuni maatii koo horachuu gonkumaa nan dandeessiisu. Jireeenyi gadadoo ta’eera. Waa’ee jireenyaa yaaduunuu sammuu nama jeeqa,” jedheera.

Rakkoo hojjataa mudatu ilaalcha keessa galchuun daballii mindaa kana hatattamaan akka gadhiisu mootummaa gaafateera.

“Yeroo ammaa kana baajata waliin gahuuf jecha nyaata osoo hin nyaatin yeroon dabarsitu ni jira. Galiin xiqqoon nuti argannu nun gahu. Jireenyi garmalee ulfaataa ta’aa dhufeera. Jireenyi ulfaachaa dhufeera,” jedheera.

Hojjataan mootummaa kan ta’e biraa mindaa ji’aa birrii 10,000 argatu harkifachuun daballii mindaa sodaa isatti uumuu ibseera. Mindaa akka dabalamu erga itti himamee ji’a lama darbuu himeera.

“Hanga yoonaatti wanti argine hin jiru. Daballiin taasifameyyuu qaala’iinsa jireenya moo’achuuf gahaa miti,” jedheera. Mindaa mootummaa qofaan jiraachuu ulfaataa ta’uu dubbateera.

“Qaala’iinsi jireeenya daballii mindaa taasifameen wal hin gitu. Yeroo ammaa kana iddoo jireenyaa hiriyooota koo waliin waloon jiraachaa jirra. Innis rakkisaadha,” jedheera.

Mootummaan daballii mindaatiif baajata birrii miliyoona 2.4 ta’u ramaduu yeroo jalqabaaf ji’a Hagayya 2024 keessa beeksisee ture. Yeroo sabantti dabaliin hanga 300% kan taasifamu ta’uu

Beeksifni kuni kan taasifame jijjiirama diinagdee guddaa Waxabajjii 2024 taasifamee ture jireenya hojjattoota mootummaarratti dhiibbaa uumuu danda’u salphisuu yaadameeti.

Jalqaba ji’a Fulbaanaa keessa minsiteerri Faaynaasnii wixineen labsiin daballii mindaa paarlaamadhaan akka raggaasifamu taasisee ture.

Ministeerri faaynaansii xalayaa Fulbaana 03, 2024 biiroo MM Abiyyiif barreesseen daballiin mindaa kuni ji’a Fulbaanaatii kaasee hojiirra akka oolu gaafatee ture.

Akkaataa labsiii kanaatiiin, hojjattoonni mindaa gadiaanaa argataniif daballiin hanag 332% taasifamuun mindaa birrii 1,100 argatan gara birrii 4,760tti kan guddifamu yoo ta’u kanneen mindaa 20,468 argatanimmoo daballii hanga 5% argatu.

Haa ta’u malee, daballiin kuni ji’a tokkoo oliif harkifateera. Daballiin kuni kan raggaasifame jalqaba ji’a Onkololeessaa keessa ture.

Ministeerri faaynaansii Ahmad Shidee daballiin mindaa kan ji’a Fulbaanaa dabalatee xumura ji’a kanaarratti akka kaffalamu qajeelfama dabarsee ture.

MM Abiy ibsa paarlaamaadhaaf tibbana keennaniin rakkoon qindoomina mootummoota federaalaafi naannoofi odeeffannoo walxaxaatiin daballiin mindaa harkifachuu dubbataniiru.

“Mindaadhaan walqabatee akka daballiin akka taasifamu murteessineerra. Mootummaa federaalaa qofa osoo hin taane kan naannoos tumsa taasisuu qabu,” jedheera.

Odeeffannoon mootummaa federaalaaf dhiyaate rakkoo akka qabu Abiy dubbateera. “Naannoleen tokko tokkotti lakkoofsi poolisii dhiyaate milishaa dabalateetu sana hin gahu,” jedheera.

Akka haasaa MM Abiyyitti daballii mindaa kana deeggaruuf ji’a Sadaasaatii kaasee mootummaan baajata birrii biliyoona 91 ramadeera. Baajanni ramadame kuni sirnaan hojiirra hin oolu yoo ta’e jijjiramni kan daqamu ta’uu dubbateera.

Hojjattoota mootummaa miliyoona 2.4 ta’an keessaa kan miliyonna 1.1 (47.94%) ta’an mindaa 6,000 gadi kan argatan ta’uu qorannoo ministeerri faaynaansiifi komishiniin tajaajila ummataa gaggeessan mul’iseera. Hojjattoonni miliyoona 1.1 ta’an kunneen jireenya hiyyummaa jiraatu jedhame.

Hojjattoonni 946,306 ta’animmoo birrii 6,000 hanga 10,000 kan argatan yoo ta’u hojjattoonni 253,297 ta’an birrii 10,000 ol kan argataniidha. Hojjattoota mootummaa keessa walakkaatti kan dhiyaatan jireenya hiyyummaa keessatti akka argaman qorannichi mul’iseera. AS

Related Articles

Back to top button