DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Daballiin mindaa ji’a Onkololeessaatiif waadaa galame hanga ammaatti akka isaan hin qaqqabin hojjattoonni mootummaa himan

Finfinnee, Muddee 17, 2024 – Ji’a Onkololeessaatii kaasee  sirreeffamni mindaa akka taasifamu mootummaan haa ifoomsu malee hanga ammaatti daballiin isaan qaqqabe akka hin jirree hojjattoonni mootummaa Addis Standard’tti himan.

Naannoo Amaaraa Godina Shawaa Kaabaa aanaa Xaarmaatti hojjataa mootummaa kan ta’e Ashaagiree Qalamuu (maqaan jijjiirame) daballiin mindaa waadaa galame akka isa hin qaqqabin hima.

Hoggantoonni biiroolee mootummaa daballiin mindaa akka taasifamu ibsuun odeeffannoo hojjattootaa haa sassaaban malee ragaan qabatamaa isa qaqqabe akka hin jirre hojjataan kuni eereera.  “Daballii mindaatiin walqabatee tajaajilli sivil sarvisii xalayaa hojjattootaaf kennuuf qophaa’uu nan beeka. Haa ta’u malee, hanga ammaatti ragaan nu qaqqabe hin jiru,” hojjatichatu jedhe.  

Akka Ashaagireen jedheeti, biiroon faaynaansii aanaa Xaarmaa xalayaa daballii mindaa mirkaneessu hojjattoota biraan gahuurratti duubatti harkifateera.

“Ani amma mindaan koo 10,150 dha. Daballiin yoo naaf taasifame mindaan koo 11,634 ni gaha. Daballiin dhufu kuni baasii intala koo kutaa shanaffaa uwwisuuf na fayyada ture,” Ashaagireen dabalee jedheera.

Kana malees, daballiin mindaa ni taasifama oduu jedhu hordofee qaala’iinsi gabaa dabalaa jiru yaaddessaa ta’uu Ashaagireen dubbateera. Gatiin midhaan nyaataafi geejjibaa yeroodhaa gara yerootti daran dabalaa jiraachuu eereera.

Rakkoo qaala’iinsaa kana salphisuuf mootummaan waldaa bitattootaaf deeggarsa taasisuuf waadaa galuu Ashaagireen dubbateera. Haa ta’u malee, waadaan galame hojiitti akka hin hiikamin hojjataan kuni ni komata.

“Fedhiin hojjataan mootummaa qabu olaanaa waan ta’eef meeshaaleen waldaa bitattootaatti argaman hatattamaan bitamanii dhumu. Tajaajilichi hojjattoota aanichatti argamaniif gahaa miti,” jechuun hanqinni dhiyeessii jiraachuu ibseera.

Daballiin mindaasaarratti taasifamu birrii 900 ta’uu baruu himuun maallaqni kuni hanga ta’e baasii qabu uwwisuuf akka isa fayyadu Ashaagireen dubbateera.

Hojjataan biraa magaala Baahirdaar kutaa maagaalaa Faasilootti ogeessa sab-qunnamtii ta’e maqaansaa akka hin eeramne gaafate akka jedhetti, daballiin mindaa akka taasifamu miidiyaarraa dhagahuu eeruun hanga ammaatti akka isa hin qaqqabin dubbateera.

“Mindaan akka dabalamuu miidiyaarraa dhagaheera. Fulbaana nu qaqqaba jennee eegnee ture. Sana boodammoo ji’a Onkololeessaatti ni kaffalama oduun jedhu himamaa ture. Hanga ammaatti garuu homaa nu harka hin geenye. Ani mindaan koo ji’aan birrii 3600 dha. Qaala’iinsa jireenyaa jiruurraa kan ka’e mindaan koo gahaa miti,” jedheera.

Kutaa magaalaa Faasiloottu hojjattuu qulqullinaa kan taate mindaan ishee ji’aa gadi aanaa waan ta’eef jireenyi qormaata itti ta’uu himti.

“Ani qulqulleessituudha. Isaanan jiraadha. Daa’ima takka qaba. Mindaan koo ji’aan 1300 dha. Waaqa galateeffachaa jiraachuu wayya jenneeti malee haalli jiru ulfaataadha,” jechuun daballiin mindaa ni taasifama jedhame ishee akka hin qaqqabin dubbatteerti.

“Daballiin mindaa ni jira oduu jedhu dhagaheera. Namoonni waliin hojjannu raadiyoodhaan akka dhagahan natti himaniiru. Hanga ammaa daballiin taasifame garuu hin jiru. Namni waan baay’ee haasa’a. walakkaan ji’a Muddee kanatti ni gala jedhu,” jechuun daballiin taasifamu kuni yoo harkashee gahe baasii uwwisuuf akka fayyadu hojjattuun kuni himteerti.

Hojjattoonni mootummaa magaala Finfinnee kutaa magaalaa Lammii Kuraa keessa jiraatan lama Addis Standard dubbise daballiin mindaa jedhame isaan akka hin qaqqabin ibsaniiru.

“Ji’a Onkololeessaatii kaasee herregame ji’a kanatti daballiin akka kaffalamu oduuwwan garaagaraa biiroo keenyatti himamaa jira,” jechuun daballii kanaan walqabatee xalayaan isaan qaqqabe akka hin jirre himteerti.

Hojjattoota mootummaatiif ji’a Onkololeessaatii kaasee daballiin mindaa taasifamuuu komishiniin sivil sarvisii haa ibsu malee hojjattoonni biiroolee federaalaa hedduu daballiin isaan qaqqabe akka hin jirre Addis Standard gabaasee ture.

MM Abiy Ahmad (PhD) turtii paarlaamaa waliin taasiseen daballii mindaatiin walqabatee rakkooleen akka sassaabbii odeeffannootiin walqabatan isaan mudachuu eeruun rakkoo kana furuuf mootummaaleen federaalaafi naannoo waloon hojjachuun barbaachisaa ta’a jedhaniiru.

“Mindaadhaan walqabatee daballii taasisuuf waliigalleerra,” jechuun kana hojiitti hiikuuf tumsi mootummaalee naannoo akka barbaachisu Abiy dubbateera.

Sirreeffama mindaa taasifamuuf birriin biliyoona 91 ramadamuu eeruun, “tarkaanfiileen fudhatama haala sirrii ta’een hojiirra yoo hin oolfamin qabeenyi qisaasa’uu danda’a,” jechuun Abiy dubbateera.

Ministeerri ministeera faaynaansii Ahmad Shidee, ibsa miidiyaaf laateen, “dhaabbileen sirreeffama kaffaltii haaraa hojjatanii xumuraniif skeeliin daballii mindaa haaraa hojiirraa oolfamuu dubbateera.

Ji’oota sadan itti aananitti daballii mindaa kana hojiirra akka oolchaniif mootummaa naannooleetiif deeggarsi maallaqaa akka taasifamus Ahmad eeree ture. AS

Related Articles

Back to top button