ODUUSIYAASA

Oduu: Dabratsiyooniin kan durfamu ABUT “Geetaachoo Raddaatin aangoo pirezidaantummaa irraa kaasuu" ibse

Finfinnee, Onkoloolessa 07/2024 – Addi Bilisummaa Uummata Tigraay (TPLF) Dabratsiyoon Gabramikaa’eliin durfamu ibsa har’a Onkoloolessa 07, 2024 baaseen, Pireezidaantii Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay Geetaachoo Raddaa dabalatee miseensota kaabinee naannichaa shan aangoorraa kaasuu beeksise. 

Bakka Geetaachoo Raddaa nama pireezidaantii bulchiinsa yeroo naannichaa ta’an mootummaa federaalaa waliin mari’achuudhaan akka beeksisuus ibseera.

Pireezidaantii Geetaachoo Raddaa dabalatee qondaaltonni bulchiinsa yeroo kana keessatti miseensa kaabinee fi itti gaafatamaa waajjiraalee adda addaa ta’uun tajaajilaa jiran har’a Onkoloolessa 07 irraa eegalee “hoggansa kamiyyuu kennuus ta’e murtoo kamiyyuu dabarsuu hin danda’an” jedhe.

Haaluma kanaan Geetaachoo Raddaa, Piroofesar Kindayaa Gabrahiwoot, Argos Godafaay fi Almaaz Gabratsaadiq aangoo irraa kaafamuu ibse. 

Murtoo kanas dhaabbileen mootummaa fi miti mootummaa, qaamoleen bulchiinsaa sadarkaa sadarkaan jiran, qaamoleen nageenyaa Tigraay, mootummaa federaalaa fi naannolee, hawaasni idil addunyaa fi qaamoleen dhimmi ilaallatu akka beekan barbaanna jechuun ibseera.

Gareen Adda Bilisummaa Uummata Tigraay Dabratsiyooniin durfamu bakka miseensota kaabinee aangoorraa kaasee jedhetti namoota haaraa muuduu beeksiseera.

Bakka isaaniis Ministira Maallaqaa Itoophiyaa duraanii Abrahaam Takasta dabalatee hoggantoota torba muuduu ibseera. 

Ergamni bulchiinsa yeroo naannichaa “nagaa fi tasgabbii mirkaneessuu, hojii deebisanii dhaabuu raawwachuu, Waliigaltee Piritooriyaa sirnaan hojiirra oolchuu, yakka duguuggaa sanyii raawwateef itti gaafatamummaa mirkaneessuu fi haala mijeessuu fi mootummaan karaa dimokiraatawaa filatame hundeessuuf haala mijeessuudha” jedhe ibsichi.

Ibsichi itti dabaluun, “gareen bulchiinsa yeroo jala dhokate argamu humna nageenyaa Tigraay of jala galchuudhaan ofii gara mootummaa abbaa irreetti of jijjiiruuf yaalii godheera” jechuun qeeqaniiru.

Erga yeroo dhiyoo asii garee Dabratsiyoon Gabramikaa’eliin durfamu waliin waldhabdee keessa kan gale gareen Geetaachoo Raddaa ibsa har’a bahe irratti hanga ammaa waan jedhan hin jiru. AS

Related Articles

Back to top button