Finfinnee, Sadaasa 08, 2024 – Mootummaan Itoophiyaa daldaltoonni meeshaa gara biyyaa galchan maallaqa biyya alaa mataasaaniitiiin bitachuu akka dhaaban labse.
Daldaltoonni maallaqa biyya alaa ofiisaaniitiin meeshaa gosa tokko tokkoo alaa akka galchan Fulbaana 2024 kaasee ministeerri faaynaansii eeyyamee ture.
Xalayaan ministeera faaynaansii Ahmad Shideetiin Sadaasa 07,2024 mallattaa’e akka mul’isutti, daldaltoonni maallaqa biyya alaa mataasaaniitiin bitachuu akka dhaabanqajeelfama dabarseera. Akkasumas, daldaltoonni meeshaalee bitachaa jiran daldala eegalan torban lama keessatti akka xumuran labseera.
Qajeelfamni daldaltoonni maallaqa biyya alaa qaban fayyadamuun akka bitatan eeyyamu hojiirra oolfamuu yaadachiisuun kuni kan taasifame jijjiirama diinagdee guddaa taasifame deeggaruufi rakkoo jijjiirrama ce’umsa kana mudachuu danda’u dhabamsiisuuf ta’uu xalayichi ibseera. Akkaataa qajeelfama kanaatiin daldaltoonni meeshaalee akka zayita nyaataa, omisha soorataafi meeshaalee dheedhii industirii maallaqa biyya alaa qabaniin akka bitatan eeyyamameera.
Tarkaanfiin kuni rakkoo qaala’iinsa jireenyaa salphisuurratti bu’aa gaarii argamsiisuu xalayichi ifoomseera. Kana booda garuu, baankiileen daldalaa maallaqa biyya alaa waan dhiyeessaniif daldaltoonni maallaqa ofiisaaniitiin akka hin bitachuu akka dhaaban labsameera.
Murteen mootummaan kuni kan darbe MM Abiy Ahmad jijjiiramni imaammataa gama kanaan akka taasifamu eeruu hordofeeti. Abiy yeroo tibbana paarlaamaadhaaf ibsa kennetti, daldaltoonni maallaqa mataasaniitiin meeshaa akka galchan taasisuun kan barbaachise maallaqni biyya alaa kanaan dura biyyaa bahee ture gara biyyaa akka deebi’uufi adeemsi meeshaalee alaa gara biyyaa galfamuu qabanii akka hin danqamne yaadamee ta’uu dubbatee ture.
MM Abiy adeemsi daldaltoonni maallaqa ofiisaaniitiin akka bitatan eeyyamu kuni akka itti hin fufne akeekuun jijjiiramni imaammataa akka barbaachisu addeessee ture.
Ministeerri faaynaansii daldaltoonni maallaqa biyya alaa ofiisaaniitiin meeshaa alaa akka galchan Fulbaana 2024 kaasee eeyyamee ture. Meeshaaleen ulaagaa kana guutan maal faa akka ta’anis eeruun murteen kuni jijjiirama diinagdee gaggeeffame guddaa hojiirra oolfame deeggaruuf ta’uu xumura Adooleessa 2024 keessa ibsee ture. AS