SIYAASAYaadannoo
Trending

Damissee Kabbadaa Sardaa Booraa: Nagaatti, Obboloo Qaalii


Maartaa Kuwee Kumsaatin


Damissee Kabbadaa, haadha isaa Aadde Furoo Roobii fi abbaa isaa Obbo Kabbadaa Sardaa Booraa irraa Fulbaana 23, 1945, naannawa Finfinnee, Iluu, Duufaa, Giddugaleessa Oromiyaatti dhalate. Guutummaa jireenya isaa, qabsoo bilisummaa Oromoo fi kan haqa uummata cunqurfamaa hundaa irratti eega dabarsee booda, Bitootessa 3, 2023, dhalatee waggaa 78tti, Toronto, Canadatti jiruu lafa tanaa irraa boqote. Kan wajjin dhalatan obboleewwan shan keessaa inni sadaffaa yoo tahu, dhiirri lama angafoota isaa, dubarri lama ammoo quxisoota isaa ti. Warri isa hore, michuu gaarii ilmoo hinqabne maatii ofii keessaa argatanii Damissee itti guddifatan. Warri isa guddifatanis, akka ilma tokkichaatti ija keessa ilaalaa qananii dhaan kunuunsanii guddifatan. Imala dheeraa bu’aabahii jiruu lafa tanaa raawwatee hogguu boqotu, Oromiyaatti bararee, maatii fi jaallan jallatamoo dhaan simatamee, dachii jiituu biyya isaa keessatti Ebla 9, bara 2024ttii awwaalame.

Finfinnee – Gaafa Ebla 13 bara 2024, maatiin, hiriyoonnii fi jaallan isaa golee addunyaa mara irraa qaamaa fi zuumii dhaan yaa’anii Torontootti wal gahanii wagga tokkoffaa boqochuu Damissee Kabbadaa Sardaa Booraa ayyaaneffataa, goota isaanii qaalii kana leellisaa oolan. Damissee, warri aantii irra aanfatanii mararsiifatan, Damee jedhanii maqaa masootiin waamu. Inni garuu, maqaa akaakaa isaa, kan abbaa abbaa isaa, filatee Sardaa Booraa jedhee maqaa qabsootti of moggaase.   

Maqaan ayyaana hinta’u jedha mammaaksi Oromoo. Jiruu fi jireenyi Damee garuu jecha kana fallessee maqaan inni filattee itti of moggaase ayyaana ta’eef. Kanaaf, Dameen maqaa qofa utuu hinta’in ayyaana akaakaa isaas dhaaleera jechuu dha. Waan Sardaa Booraa ayyaanasaa gammachuudhaan itti uwwisee, Dameen ammoo miidhagsee uffatee bareechee itti jiraate fakkaata.

Dameen guutuu jireenya isaa dhugaa ganamaa, isee Sardaa Booraa lolaafii jiraatee dhaloota dhufuuf dabarsee derbe sanaaf lole. Dameen akaakaa isaati; akaakaan isaas Damee dha. Seenaan isaa seenaa uummata isaa wajjin akka gargar hin hiikamnetti walitti fo’amaa dha. Jiruu waloo uummata isaa irraa waan kalaqameef, hireen isaanii hiree isaati qabsoon isaaniis qabsoo isaati. Dameen waan hojjetu hunda keessatti, kalaqa qabsoo uummata isaa calaqqisaa jiraate.

Mararfata Damee kana keessatti, gootota qabsoo haqaa, kan uummanni cunqurfamoonni empaayera Itoophiyaa geggeessan hunda leellisuun fedha. Maaliif yoo jettan, jireenyi Damee jireenyaa fi qabsoo isaanii wajjin akka gargar hinhiikamnetti walitti fo’amaa waan ta’eef. Dameen gaafa dhalatee qabee hamma gaafa du’eetti qabsoon isaanii kun jiruu fi jireenya isaatti masakamee qama ta’eefii jiraate. Dameenis, seenaan isaa seenaa waloo, seenaa qaccee fi qajjisaa kumaatamaa akka ta’e deebisee deddeebisee himaa ture.

Kabajaa fedhii Dameetiif jecha, seenaa waloo kana akka haasawa seenaa kutaa sadii qabuutti dhyeessuun fedha. Isaanis: Hidda Dhaloota Qabsoo, Tuujii Obomboleettii, fi Biliqii Maayyii fi Fufiinsa Roorroo ti. Tartiibni kun tartiiba isa faaruun Maal Jedhanii gadadoo seenaa roorroo itti seenesse hordofa. Kanaanis, Alii Birraa isa sagaleesaa kiilolee sanaan bareechee wallisee mararfachuu, akkasumas warra walaloo faaruu sanaa barreessuu irratti gumaachanii maqaan ifa hinbahin hunda leellisuun fedha. Maal Jedhaniin, seenaa gadadoo saamamuu, buqqifamuu, fi ariyatamuu ol fuudhee iyyata. Hidda dhaloota qabsoo, akkasumas gadadoo jireenya qabsaawaa tokkoo dhalootaa hamma du’aatti faarfata.

Hidda Dhaloota Qabsoo

Maal jedhanii? Maal himanii?
Yeroo yaadaan dhibamanii
Jiruu afaan wallaalanii
Jiru afaan wallaalanii
Kan lafa dhabee horii saamamee
Kan roorroo jibbee gaaratti gamee
Maal herregaa? Maal dubbata mee?
Maal jedhanii…
Kan jiruun dhabee jaalallee firaa
Kophaasaa hafee ija hihhiraa
Maal abdataa mee jiruu addunyaatirraa?
Maal jedhanii…  

Qaccee Abbaa

Dameen dhugaaf qabsaawuu akaakaa isaa, Abbaa Kabbadaa Sardaa, irraa dhaale. Maal jedhanii hogguu jennu, Sardaa Booraa maal jedhee jennee jalqabna. Yeroo dhibdee hamaan qeyeesaa Tuulamaatti galee mancaase, Sardaa Booraa maal jedhee? Maal himee yeroo maatiin baalabbaata lafa saamee quufuu hinbeeknee, faana Axee Minilik 1880 hordofanii itti duulan? Yeroo gosaa fi qomoo Tuulamaa garajabina guddaan ajjeesanii fi buqqisanii lafa akaakilii irraa fudhatan? Maal haasa’ee yeroo isaan Tuulamni gaarin Tuulama du’e qofa ittiin jedhan? Mee maaluma jedhe yeroo gosisaa buqqifamee aantiin faffaca’e?

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Mee Sardaa Booraa maaluma jedhe yeroo Tuulama dachiin gara itti galtee, jiruu fi jireenyi hiikaa dhabee gubbee mataatiin ejjete? Tuulamaaf lafti hiikaa jiriuuf jireenyaa, hiikaa maalummaa ti, dhama jireenyaa ti.  Lakki, lafti waan kennamuu fi fudhatamu miti. Lafti kan Waaqaa ti. Tuulamaaf lafti isaanii ayyaana akaakilii, maalummaa, fi lammummaa dhaan akka hinhiikamnetti walitti hidhata. Lafti ulfoo bakka lafeen akaakilii keessa boqotu. Humna qaban mara bobbaasanii ulfoo kana tikfatu malee qoosaatti hinlakkisan.   

Lafti keenya lafee keenya jechuun Tuulamaaf jecha salphaa miti. Dhugaa akaakilii kan dhuka lafee keessatti bocame; qariyyoo isaan ittiin addunyaa tana ilaalani. Warri lafa isaanii fudhachuu fedhan warra ulfoo hundee dhugaa akaakilii kanarraa buqqisanii maalummaa fi lammummaa isaanii balleessuu barbaadani. Jeequmsi jabaan akkasii kun, hiikaa jiruu fi jireenyaa raasuu irra darbee ulfoo madda dhugaa Tuulamaa, ulfoo isaan mararsiifatanii fi bu’uura amantaa isaanii duraa jeeqa.

Sardaa Booraa jechuun egaa, nama waraanatti namni isa hingitne, goota onnee sibiilaaf ija barbadaa, kan uummatni isaa kabajaa guddaa dhaan of duratti ilaallatu ture. Onneen gootummaasaa Tuulama warra roorroo jibbee gaaratti game faana deeme. Warra hinsaamamnu, hinbuqqaanuu, hinsarminu jedhee roorro didee ulfoo lafa akaakilii isaanii fi hiikaa maalummaa fi lammummaa isaanii tikfacuuf lolu faana gaara seene. Faana gootota akka Tufaa Munaa bu’uu isaaniitiif itti tuttufee eebbisee geggeesse.  

Garaan Sardaa Booraa, warra humnaan lafarraa buqqifamanii jiruu baqaa mudatan wajjinis baqa seene. Warra ulfoo lafa Tuulamaa yoo dhabanis haqa maalummaa fi lammummaa isaanii garuu dhuka lafee keessatti gudunfatanii deeman wajjin deeme. Egaa, buqqaatonni kun yeroo gosaaf qomoo isaaniitti fiigan, achiis saamichii fi buqqaatiin mataa maree dachii garagalchee isaan eege. Ittuma fufanii gara gosaa fi lammii Oromoo bal’aatti fiigan. Akka callee babbareedaa dirii mormaa irraa citee faca’eetti Tuulamni guutuu biyya Oromoo keessa faca’ee sanyii waltumsaa facaase. Baqattoonni Tuulamaa, caphiinsaa fi gadadoo ofii keessaan Oromoota golee maraa walitti fidanii sanyii walitti qaban. 

Buqqaatonni kun hogguu fiigan, waan hunda caalaa mararsiifatan irraa baqachuu diduudhaan, ulfoo dhugaa isaanii sirba isaanii keessastti kudhaammatanii fudhatanii deeman. Madaa caphaa fi buqqaatii isaanii hunda sirba isaanii mimmi’aawaa dhaan dhiddhiibanii wal’aannatan. Been Sooddoo buunaa, biyya warqee babal’aa; Birraan barihee, beenu Baaletti gallaa jechaa sussukan. Kanaanis Oromoo golee hundaa, Walloo hamma Gujii fi Booranaatti, Harargee hamma Wallaggaatti wal simsiisan.  

Sardaa Booraa akka itti Tuulamni faffaca’aa jiru kana tasumaa hinjaallanne. Hunda caalaa, waanti inni abjuuttillee amanuu daddhabe garuu, Tuulamni inni akkas jaallatuuf kabaju, attamumatti ulfoo dhugaa isaanii onnee keessa awwaallatanii, albaadheyyii saamtota empaayeraa wajjin hojjetu kan jedhu. Warra akkasii inni akka gantootaatti ilala. Akka warra mammaksa saamtotaa simatanii, “hogguu manni abbaakee saamamu atis wajjin saami” jedhanii mana abbaasaanii saamaa jiraniitti isaan ilala. Isa jarri gootota empayeraa warra akka Goobana Daaccee faana bu’anii ijoollee empayeraa ta’an hin jallanne.

Ofiif garuu, Sardaa Booraa, jiruu empayeraaf hojjechuus jiruu baqaas hinfeene. Maalummaa isaatiif ulfoo lafa abaabilii isaatti cichee waan qabu maraan hacuuccaa empayeraa loluu filate. Warri jaalallee fi firoonni isaanii utuu lubbuun jiranii balaa jiruu baqaatiin tasa duraa dhabaman hoo attam ta’u? Warri firoonni isaan jaallatan empayeratti duraa galanii akka waan du’aniitti tasa duraa dhabaman attam ta’u? Warri kophaatti hafanii jaalallee firaa barbaacha ija hihhiran attam ta’u? Warri hiikaan jiruu fi jireenyaa harkaa badee, dhami jiraachuu harkaa conee, jiruu lafa tanaarraa abdii dhaban hoo maal ta’u?

Namasaa akkas dararamee dhiphate kana egaa, Sardaa Booraa capha isaaniitiif wal’aansa, dhukkuba isaaniitiifis qoricha ta’e. Qaawwaa jiru ilaalee duuchuu fi hanqina jiru guutuu dhaan, uummata isaa tajaajile. Namni kun, loltuu onnataa gootummaa dhaan finiine qofa utuu hintaane, nama garalaafessa, ogeessa jabaa, fi beekaa guddaa ture. Dararama hawaasa isaa mudate kana gadi fageessee waan hubateef, namoota isaa biratti dhageettii guddaa qaba ture. Namoonni hiikaan jiruu fi jireenyaa harkaa bade, gorsa isaa barbaacha isa biratti fiigu. Innis arjummaa guddaa dhaan isaan tajaajile.    

Sardaa Booraa egaa hawaasa isaa dararameef gorsaa fi waahimaa, warra hiikaa jireenyaa wallaalee jiruu reeffaa jiraatuuf sagalee ta’e. Ogummaa abukaatoo tiin of kalaqee qaroo jabaa ta’e. Uummatasaa faana mana murtii empayerichaa seenee haqa warra lafa abaabilii isaanii falmataniif dhaabbate. Dhugaa waan harkaa qabuuf, dabaa fi looga mana murtii sana kokkee qabee dura dhaabbate. Qondaaltonnis Sardaa Booraa mana murtii kamiyyuu akka hinseenne murtii irratti dabarsan. Inni garuu balballi tokko yeroo itti cufamu kan biraa saaqqatee uummatasaa gurmeessee sirna saaminsa lafaa irratti kakaasisaa ture.

Maayyii irratti, bara Xaaliyaaniin Itoophiyaa qabate keessa Oromoonni empaayerii Sardaa Booraa goota onnee sibilaa ta’uusaa waan beekaniif, Arbanyoota naannawa sanaa Xaaliyaanii lolan akka inni hogganu gaafatan. Innis Xaaliyaanota battalatti injifachuu dandeenya; bifaan nu hinfakkaatanii, hidda lafa keenya keessatti gad hinjabeeffanne. Kan dursinee injifachuu qabnu isa bifan nu fakkaatee, garuu dhiiga keenya lolaasee ittiin ulfoo lafa abaabilii keenyaa keesaa hidda gadi fageeffataa jiru ta’uu qaba jedhe. Atakaroo Kanaan lolli ka’ee Sardaa Booraa achumatti ajjeefame. Lolli kun gara lachuu irraa nama 37 galaafate.

Sardaa Booraa, goonni ija barbadaa, utuu itti citee daba empaayerii loluu lubbuunsaa darbe. Oromoonni isa ajjeesan kun, booda keessa, ijaa nu bahinnuu jedhanii sodaatanii, dabinaan shiranii, ilmaan Sardaa Booraa sadanuu haxxeedhaan haddhabatti eeggatanii ajjeesan. Isaan kana keessaa Kabbadaa Sardaa, Abbaa Demee ti. Balaa kanaan, Dameen Abbaa isaa fi wasiillan isaa lama dhabe. Obbolaan sadeenuu bolla tokkichatti awwaalaman. Dameen egaa hokkara empayera kanaa mormachuuf jecha, utuu balaa fi gaaga’amasaa hunda beekuu, onnee fi ayyaana Sardaa Booraa dhaalee qabsootti bobba’e.

Qaccee Haadhaa

Dameen waa’ee haadhasaa Furoo Roobii bayyee mararfatee haasaa’a ture. “Maatiin keenya, Sardaa Booraa dabalatee, gootota hedduu horee; gootittiin hunda calltu garuu haadha tiyya” jedha ture. Furoo Roobii falmattuu cimtuu daddhabe hinjenne, tan naamusaa fi gootummaa ajaa’ibaatiin roorroo ofirraa lolaa turte. Empayera lafa saamuuf fooggalu dura dhaabbattee ulfoo lafa abaabiliisee cichoominaan tikfatte. Mana murtii olaanaa empaayerichaa keessa wagga 39 guutuu dhaabattee hamma labsiin lafaa bara 1975tti labsamee wiirtuu sirna abbaa lafaa cabsutti falmatte. Dameen egaa, onnee fi cichoomina haadhasaas dhaaleera. Mee biliqii tokkoof gootummaa qajjisa Furoo Roobiis haa ilaallu.

Abaabayyuun Damee, Badhaaneen, yeroo maatiin Raas Kaasaa lafa Tuulamaa dhuunfatu, Salaalee jiraata ture. Badhaaneenis, akkuma Sardaa Booraa, goota onnee sibiilaaf ija barbadaa, loltuu jabaa ture. Lafa abaabilii isaa gad dhiisee deemuu didee saamiinsa lafaa mormate. Isaafis, “lafti keenya lafee keenya” jechuun jecha salphaa hinturre. Dhugaa bu’uuraa ti; kan abaabilii irraa qabee dhuka lafeetti kudhaamame, kan ija inni ittiin adunyaa tana ilaalu boce. Lafti madda xaliila, tan inni waan amanuuf mararfatuu keessaa waraabbatu. Egaa Badhaaneen ulfoo lafa abaabilii kana tikfachuuf utuu gootummaa guddaa dhaan loluu ajjeefame.

Haati warraa Badhaanee, Akkakkoon Damee, daa’imman isee lamaan, Baalchaa fi Warqee butattee gara kibbaatti fiigde. Reeffa wara jaallattuu dhiqxee kafanuuf yeroo hin arganne. Biliqittii muddama lubbuu sanatti waan haati hundi uumamaan hojjettu hojjette. Daa’imasee butattee sannyiisee qaalii badii oolchitee dhaloota baraaruuf gara gosaatti fiigde. Akkakkoo soortuun hundaa, iseen ofii beeloftee hunda soortu, iseen madaa ofiisee dhokfattee hunda wal’aantu, ammas aarsaa qaalii baaftee, miidhamasee liqimsitee sanyii baraaruuf Salaalee irraa gara Finfinneetti fiigde.

Yeroo biyya kuttee deemtu, yaadaan dhiphataa fi ofiin muggutaa fiigdi. Laftoo kan Waaqaa tii, laftoo ulfoo dhaa, ulfoo tu ulfoo lafee akaakilii hammatee urursaa, namni maaliif irratti wal ajjeesaa jettee of gaafatti. Ilaalcha wal faallaa fi hiikaa wal faallessu tu mataasee garagalcha.  Akkakkoo dhaaf lafti bal’oo dha; nama hunda geessi. Utuu hirmaatanii wajjin jiraachuu danda’anii maaliif irraa wal buqqisuu, maaliif irratti wal ajjeesuu jetti. Albaadheyyiin empaayeraa, warri saamees nyaatees quufuu hindandeenye garuu gahaa, hirmaachuu, fi wajjin jiraachuu waanti jedhu hin galuuf. Isaaniif lafti qalqala waa keessaa bolqan waan taateef, irraa ajjeesanii fi buqqisanii qabachuu malee hiikaan biraa hingaluuf.

Gaaffii deebii dhabeen rakkachaa, Baalchaa dugdaseetti, Warqee ammoo qomaseetti baattee, hamma miillattiinsee fuute fiigde. Faana fuutuuf hafuura fudhattu hundaaf Waaqaaf Lafaaf galata galchite. Utuma hokkarri hamaan dararuu, utuma hiikaa jiruu fi jireenyasee fonqolchee gubbeen ejjechiisuu, Akkakkoon garuu galata galchuu hindhiifne. Iseedhaaf Lafti fira hiddaa-sedhiigaa ti. Lafti Haadha Dachii ti, haadha soortuu uumama hundaa ti. Akkakkoonis jiruusee guutuu, Haadha Dachii sooraa fi hamaa irraa tiksaa jiraatte. Haati Dachiis isee fi daa’immansee akka soortuuf tiksitu shakkii hinqabdu turte.

Haati Dachiis isee hinqaanessine. Yeroo daddhabdee bututtu iseerratti uffee jettee haara baafatte. Haati Dachiis duddasee lallaafaarratti isee baatte. Laggeensee miilla fiigichaan qorcobbaaye dhiqanii fayyisan. Iji mukkeenii ulfoo bosona abaabilii keessaa harca’anii iseef daa’immansee sooran. Simbirroon afaan beettuun faarfattee qalbii haaressite. Yeroo dukkanaa binoon daggalaa fira ta’aniif. Toloonni hamaa irrraa maqsaa, karaa agarsiisaa, walitti daddabarsaa hamma isaan hamaa harkaa bahanitti geggeessan.

Akkakkoon gootittiin takkaa hinfaarfamin, goota goota caaltu. Madaa ofii dhokfattee ijoolleesee fi uummata iseetiif jabaattee dhaabbatte. Sanyii dhamaatee asiin gahatte guddifattee, Waaqnis ija ijasee, dhaloota isee agarsiise. Intallisee Warqeen Furoo Roobii, haadha Damee deesse. Ilmisee Baalchaan
Ejjetaa Fayyisaa, eessuma Damee, dhalche. Asittis garuu maatiin kun nagaan jiraachuu hindahdeenye. Baalchaan waan sanyii ta’ee saamicha lafaa empaayerii akkaan waan loleef summiidhaan ajjeefame.      

Jalqaba 1960 keessa, Ilmi Baalchaa, Ejjetaan, Oromoota waldaa Maccaa fi Tuulamaa (MT) hundeessan keessaa tokko ture. Yeroo kana Dameen dargaggeessa sadarkaa lammaffaa baratu ture. Eessumasaa Ejjetaa wajjin walgahii MT dhaqee waan ijoo isaan marihatan dhaggeeffata ture. Damaqiinsa siyaasaa fi hacuuccaa Oromoon jala ture irrattis asitti qaramee ija banate.  Wanni marihatamu haala ittiin Oromoon dhiibbaa irra jiru irraa dandamatee economy fi aadaa isaa guddifatu ture. Haata’u malee mootummaan Haila Sillaasee MT ukkaamsee hogganootasaas kaan hidhee, kaan fannisee, kaanis biyyaa balleesse.

Yeroo hamaa gidiraa kana Ejjetaan Sudaanitti baqatee ofiis qubatee warra akkasaa biyyattii baqataniifis gargaarsa ta’e. Hawaasa Oromoo isa jalqabaa ijaaree, faajjii Oromoo durii fi rakkoo Oromoon empayera Itoophiyaa keessati argaa ture addunyaatti beeksise. Hojii itti of kennee ofiif kalaqate kana, itti of darbee  cichoominaan hawaasa isaa tajaajile. Hamma har’aatti mandarri Ejjetaa Fayyisaa Sefer jedhamu Sudaan keessa jira. Ejjetaan warra biyya Itoophiyaa baqatu baayyeedhaaf gargaarsa guddaa tahee, qubsiisaa, barmootaa fi hojii barbaadaa fi biyyoota Arabaa keessa qubsiisaa ture. Dameenis tajaajila hawwaasaa, waan qabatan itti of darbanii cichoominaan hojjecchuu qacee haadha isaa irraa akka dhaale hima.

Tuujii Obomboleettii

Maal jedhanii? Maal himanii?
Yeroo yaadaan dhibamanii
Jiruu afaan wallaalanii
Jiru afaan wallaalanii
Kan facaafatee kadhaa mudatee
Kan irraa honghaawe waani abdatee?
Maal odeessa irraa waan isa mudatee?
Maal jedhanii…
Kan har’a ergamu dur ergate
Bantii duroomaarraa konkolaatee
Hiyyummaa duroomaarraa maal dubbatee?
Maal jedhanii…

Daandii Qoreen Xaxamee

Dameen tuujii obomboleettii ka’ee sana hogguu seenu, jibba roorroo qofa utuu hintaane cichoominaa fi onnee ittiin lolanis galaafateeti. Jabina kanammoo akaakiliif abaabilii isaarraa, bakka muummeen qaccee abbaaf haadhasaa walitti yaa’ee wal simatuu dhaale. Qabsoon isaa garuu kan isaan hundaarra walxaxaa ture. Maaliifii? Yeroo isaa bifi roorroo fi cunqursaa kan isaaniirra baayyata ture. Dubbiin lafaa, gaafasis ammas dubbii ijoo ti. Garuu hireen sirni qabiyyee lafaa empaayerii bane nama hamma tokkoo duroomaa fi beekumsaan ol kaasee uummata biyyattii qabeeyyii fi hiyyeeyyiitti gargar hiree haala hamaa ijaare.

Dameen egaa, tuujii obomboleettii bakka yeroof gabii qabu sana keessa taa’ee abjuu guguddaa abju’ate. Utuma bokkaan roobee dhangalaasuu, utuma bubbeen isa marsee fooricuu, utuma obomboleettiin ka’e gigimmisee huura facaasuu, inni barumsa baratee, leenjii fudhatee, hojii qabate. Waan qabate hundattis caalmaa argatee hogganaaf qaadhimame. Akkuma Maal Jedhaniin gaafate sana, Dameenis ija gaarii haammachuu abdatee sanyii filatamaa facaafate. Maal jedhe egaa yeroo gabiin tuujii obomboleettii sanaa ittisa jige ta’ee, bishaan marsee danfee huura facaasu sanatti isa darbe?

Maal hasaasee egaa Dameen yeroo jiruun isaa mataan garagalee innis huura huura keessaa ta’ee bishaanni ittiin kute? Maal himee maaloo hogguu hiikaan jiruu isaa baddee, abdiinsaa biyyee nyaattee, abjuunsaas yaacoo taate? Maal jedhee yeroo bantii aangoo irraa gadi konkolaatee, gadi gombifamee tumame? Maal jedhee hogguu bakka itti ergatetti ergamee ergarame? Hiyyummaa duroomaa fi gadigalummaa aangoo irraa, mee maal dubbate?

Dameen daa’imummaa dhaan barumsa hin jalqabne. Nannoon inni itti dhalate, utuma Muummittii Magaalaa biyyichaatti dhalaawee illee, manni barumsaa hinturre. Kan sadarkaa jalqabaa tokko Holota yoo jiraateyyuu, kiiloomeetra 40 waan irraa fagaatuuf Dameen waruma isaa hojii qonnaa gargaaraa guddate. Yeroo inni gara waqggaa 10 ta’u, haati isaa Finfinneetti godaantee of biratti fudhatte. Achitti barumsa jalqabee hamma kutaa saddeetiitti haatisaa barsiifte. Sana booda, guyyaa hojii hojjetaa, galgala hamma kutaa 12tti baratee sadarkaa lammaffaa bara 1967tti xumurate.

Akkuma sana xumurateen, leenjii raayyaa biyyaa seenee wagga lamaa fi walakkaatti sadarkaa olaanaa dhaan bara 1970tti xumurate. Hojjaasaa dheeraa fi dhaabasaa miidhagaa sanaan tokkichumaan Kibur Zabanyummaatti filatamee warra olaantummaa dhaan Mooticcha Haila Sellassie eeganitti makame. Dameen waan sammuu banaa qabuuf achiis utuu hinturin hojii bulchiinsaatiin muudamee dirqama raayyaa tokko raawwachuuf Asabitti ergamee bara 1972tti gara kaabaa deeme.

Barri 1972-1974 sun bara hongee fi beelli Walloo fi Tigrayii nama fixee gara kibaa fi bahaattis darbaa ture. Tuutni convoy Damee asii ol gara Asabitti yeroo deemu, nama kumaatamaan gara karaatti yaa’ee beelaan dhumaa jiru gidduu qaxxaamuree darbaa ture. Ekeraa namaa, kan foonni irraa baqee dhumee gogaa qofaan lafeetti qabamee ciciisu arguun Damee hara malee rifachiise. Koonvooy isaa keessa minaanni waan tureef, Dameen waa’ellan isaa wajjim daakuu kuntaala muraasa buusaniifii darban.

Dameen hara malee rifaatuudhaan raafame. Garuu kun humna isaanii gararraa ta’uu hubatee hoggana isa waliigalaa wajji marihachuuf murteesse. Yeroo namni kun hundi beelaan akka baalaa harca’u maaliif nami hin dhageenye jedhee dhibame. Hogganni isaa yookiin mootummaa naannoo Eertraatti yookiin ammo mootummaa giddu galeessaatti akka beeksisu gaafate. Hogganis gateettii darbatee kun waan na ilaallatu miti jedheen. Yoona rifaatuun Damee daangaa cabsee kute. Ni ukkaamfame. Warra beelaan dhumaa jiruuf dhaabbachuun hafnaan waa’ee isaaniillee gabaasuun rakkoo ta’e. Loltuun tokko waan itti himame hojjechuu malee huuruusaa waan isa hingalchine keessa hinsuuqu waan jedhu hubatee hollate.

Barri kun bara mootichi Haila Sillaaseen beela kibbaa nama fixaa jiru uummata isaa duraas addunyaa duraas dhoksuu dhaaf batattisu ture. Dameen kan inni homaa hindhageenyeef nama hunda duraa dhokfamaa waan tureefi. Magaalaa Finfinnee keessatti waanumti beelaayyuu hin mul’atu. Miidyaan homaa hindubbatu. Dhaabbileen gargaarsaa akka waa tokko xis hinjenne itti himameera.

Kumaatamaan beelessanii nama fixuun imaammatuma mootummaa akka turee fi kunimmo naannawa warri mootummaa morman cimanitti akka cimu hubachuun Damee baayyee dhukkubse. Fincila Kaaba ture keessaa, Addi Bilisummaa Eertraa (Jabha jedhamu) Eertraa bilisa baasuuf bara 1960 irraa jalqabee lolaa ture. Qoteebulaan Walloo irra deddebi’ee fincilaa yeroo turetti loltoota itti bobbaasanii minaan saamanii, horii irraa offatanii, daldala asshaboo irratti cufuu dhaan namni waan nyaatu dhabee akka beelaan adabamu taasifamaa ture. Fincila Tigrayis xayyaaraan boombii itti roobsanii gab godhan.

Walloo fi Tigray bara dheeraaf beela itti deddeebi’een adabamaa turanillee, inni bara 1970 irraa jalqabe isa hundarra fokkisaa, kan namni akka baalaa itti harca’e ture. Egaa Dameen 1972tti yeroo Kaaba dhaqu, ibidda bolotaa kanatti kan inni ol seenee hara malee ittiin jeeqame. Hojii bareedaan raayyaa akka inni yaade ta’uu didee itti ajaawe. Hoggana isaatiin ukkaamfamuun isaas ukkaamfamuu uummata beelaan dhumaa jiruu sanaan akka wal fakkaatu, dirqamni raayyaa kan inni Kaabatti ergameefis qaamuma uummata fincile kana hacuucuu akka ta’e hubate. Yoo loltuu gaarii ta’uun uummata ficcisiisuu keessatti hirmaachuu ta’e, Dameen roorroo kana lolaan du’a malee itti hin madaqu jedhee waada ofii seene.

Ofii garuu, attamumattan hogganni kiyya akka na callisiisu hayyamee? Jaalalli bolotaan an haqaaf qabu eessa turee? Onneen koo eessa dhaqee? Dameen akkas jedhee gad fageessee qoree eega of gaafatee booda, rorroo akkasii gootummaadhaan lolaa du’uuf ofii kakate. Ayyaana Badhaanee fi Sardaa warra utuu gootummaa guddaadhaan lolanii du’an waammatee kakate. Maqaan koo qabsoo Sardaa Booraa ti jedhee of moggaasee, qabsoo isaan bakkaan gahuu hanqatan sadarkaa itti aanuun gahuuf itti seene.

Dameen utuu kanaan jiruu dhukkuba onnee horatee, dhibdeen kun sababa inni ittiin hojii raayyaa irraa  bilisa of baasu ta’eef. Hoggasuu warshaa Xaalinyaanii tokko keessatti hojii argatee waldaa hojjetee bulaatti makame. Achitti hojjetee bulaa uummatoota Itoophiyaa guutuu irraa dhufan argate. Hojjettoonni kun saamamaa fi roorrifamaa haala dhala namaaf hintolle keessatti akka hojjetan arge. Kun egaa bara Dargiin Haila Sillaasee buusee, ofii fira qoteebulaa fi hojjeteebulaati jedhee as bahe ture. Dameen jijjiirama kanaan onnatee mirga hojjetaaaf loluu yoo jalqabu, hojjetoonnis barreessaa waldaa hojjetootaa taasisanii hojjetaa 200,000 kan of keessaa qaban warshaalee 9 irratti filatan.

Utuu inni warshaa sagaliif barreessaa ta’ee hojjetuu, Dargiin bara 1977tti Waldaa Hojjettoota Itoophiyaa Guutuu (WHIG) sadarkaa guutuu biyyaatti ijaare. Damee fi Jaalli isaa Gezahegn Kaassahun Jaarraa gara dhuma bara 1978tti ittaanaa tokkoffaa fi lammaffa ta’anii WHIGtti filataman. Hoggantummaan sadarkaa olaanaa kun Damee fi warra akkasaa ija qondaaltota Dargii isaan buuse. Qondaaltonni Dargii olaanoonis, kolonel Mangistu Hailamariyam utuu hinhafin, yeroo yerootti gaaffiidhaaf waamanii doorsisaa turan. 

Yeroon kun hamaa sodaachisaa ture. Eeyyee, kun bara 1976tti Dargiin Goolii Diimaa hoggantootaa fi miseensota EPRP irratti bane baayyee isaaniis fixxee booda. Eeyyee eega inni takka jedhee MEISON ittis garagalee geggeessitoonni isaanii bara 1977tti utuu baqatanii qabamanii ajjeefamanii booda. Eeyyee eega Dargiin waraana Itoophiyaa Guddittii fi Sumaaliyaa Guddittiin lafa Ogaadeen irratti walitti banan eega injifatee booda. Mormitoota siyaasaa kumaatamootaan fixuu fi waraana Sumaaliaa injifachuun garuu Dargii hin tasgabbeessine. Inumaa gaaddidduusaa bir’atee nama shakku hundaa ajjeesaa ture.

Mangistuun qaanii tokko malee mormitootasaa Dargii keessaa fi alaa carabee qulleessee waldoota uummataa warra akka WHIGs xuuxilloota Dargii gochuudhaan, aangoo hunda harka isaa keessatti gumeessaa ture. Warri siyaasaa fi birookraasii keessaas amanamtummaa Dargii argatanii balaa du’aa of baraaruuf jecha wixxifataa fi miilla wal jalaa butaa turan. Yeroo hamaa fi bala’amaa dorgommii siyaasaa akkasii keessa egaa Damee fi Gezaheny lubbuu isaanii qabsiisanii, Dargiin WHIG tultullaa dhaadannoo isaa godhee akka hincaraansisne kan irraa eegaa turan. Naamusaa fi qajeelummaa guddaa dhaan mirga hojjettootaa tiksaa, Dargii fi paartiilee siyaasaa biraas irraa eegaa turan.      

Dameen af-gaaffii bara 2014 OMN waliin taasise (Screenshot/OMN)

Yeroo bala’amaa akkasii keessa, haqa dabe hundaaf loluu fi mirga hojjetaa cunqurfamaa tiksuu qofa miti kan Dameen hojjetaa ture. Sana duras sanaa wajjinis sochiiwwan addaa addaa kan qabsoo Oromoo mataa walitti fidan keessatti hirmaataa ture. Diddee fi fincila akaakayyoota isaa, hacuuccaa fi haqa dabeef sarmanii mataa gadi qabachuu diduu isasanii, Dameen duruu dhuka lafeesaa keessatti galaafatee ittiin deemaa waan tureef qabsoo kana keessatti ijoollummaa irraa qabee itti of darbee hirmaate. Warri MT dararama Oromoo irratti uummata dammaqsaa turan; sochiin bartoota Oromoo university keessaa adeemaa ture; ABOnis of gurmeessuuf socho’aa ture. Dameen kana hunda keessaa qooda qaba ture.

Barataa sadarkaa lammaffaa ta’ee walgahii MT hirmaachuu eegale. Achitti warri inni barate, Oromoota akka Koloneel Alamuu Qixxeessaa, Hailamaariyam Gammadaa, fi Maammoo Mazammir qofa osoo hintaane, Uummatoota cunquirfamoo Kibbaa keessaa warra akka Muluu Majaa Walaayitaa irraa, Waldamanuel Dubbaalaa Sidaamaa irraa, Zawdee Otoroo Yem irraa, warri kaanis baayyee turan.

Ogummaa hoggantoota kanaa, akka itti isaan uummatoota cunqurfamoota empayerichaatti walitti fidanii walmarihachiisan, akka itti isaan uummata isaaniis dammaqsanii, mirga isaanii akka gaafatan jajjabeessan, Dameen baayyee dinqifata ture. Uummatoonni kun gibira barmootaa baasu garuu mana barumsaa hinqaban; gibira misoomaa baasu garuu karaa hinqaban; gibira fayyaa baasuu garuu klinikii hinqaban. Kun egaa Dameedhaaf muuxannoo ijoollummaa waan ta’eef barfeechee hubata.

Haata’u malee, socchii MT kana qondaaltonni mootummaa hinjaallanne. Osoo hinturin, MTn balaa nutti fida jedhanii sodatanii cufanii miseensa facaasan. Hoggantoonni kaan hidhamanii, kaan fannifamanii, kaanis biyyaa baqatan. Dubbiin MT diiguu kun, uummatoota cunqurfamoota baayyee aarse. Dameen akka yaadatetti, waldoota Kaabaa kan MT fakkaatan hunda akka looga hinfakkaanneef yeroodhaaf cufanii, eega MT karaa irraa maqsanii booda hoggasuu deebisanii banan. Dameen, gocha mootummaa kanarraa, walitti dhufuun uummatoota cunqurfamoota Kibbaa empaayericha hammam akka yaaddessuu fi sodaachissu hubate. Kanaafis isaan walitti fiduu irratti hojjechuuf waada ofii seene.

Aariin cufamuun MTtiin gallakkifame garuu lafatti hinhafne; bifa addaa addaatiin waal barbaaduu fi walitti dhufuu uummatoota cunqurfamootaa maddisiise malee. Dameen kanneen keessattis hirmaataa ture. Yeros sochiin barattoota university qeeqa jabaadhaan sirna empayeraa sana gingilchaa ture. Agoobara kana jalatti ammoo barattoonni uummatoota conqurfamoo empaayerichaa keessaa dhalatanis dhoksaadhaan walitti dhufaa turan. Yeroon kun dhuma 1960 fi jalqaba 1970 keessa, yeroo dhaadannoon “Lafti isa Qotuuf!”jedhu barattoota hunda gamtaadhaan hiriirsee ture.

Barattootaa alattis, sochiin kun uummata bal’aa keessatti suuta finiinuu jalqabee ture, keessattuu qotee bulaa bal’aa sanaa fi hojjetee bulaa warshaa muraasa keessaa hojjetaa turan gidduutti jechuu dha. Achirraas sochiin kun gara murna hawaasaa fi hojjettoota mootummaa fi kan dhuunfaa, akkasumas bikkabuutota uummataa kan mana gadii paarlaamaa Haila Sillaasee keessaatti babal’ataa ture. Inumaa, miseensonni MT jajjaboon paarlaamaa sana keessattis miseensa turani. Dameen egaa kanarraa wanni hubate, akka ibiddi MTn qabsiise sun babal’atee marsaalee uummata cunqurfamootaa dhuunfataa ture.

MT cufuun, ibidda inni of keessatti qabee ogummaaf qabbanaan tarkaanfaa ture sana hiikee facaase. Ibiddi faca’e kunis bifa hedduun qabatee deebi’ee boba’e. Latiinsi gareewwan Oromoo, maatiiwwanii fi subboontonni Oromoo, barattootaaf dawoo ta’uudhaan, maneen isaanii bananii bakka barattoonnii fi uummatoonni cunqurfamoon biraa iccitiidhaan walitti dhufanii marihatan ta’uu dhaan sochii finiinsan.

Eega MTn cufamee, hogganni ajjeefamee, miseensis faca’ee booda, mariin dawoo kanaa, gaaffiiwwan haqaa MTn kaasee utuu hindeebisin karaatti hafeef itti fufiinsa ta’e. Mariin kun gaaffiiwwan sana irra deddeebisee alanfatee bulleessee, haala yerootiinis masakee bilcheessee as baase. Akkuma marii MT, mariin dawoo kanaas sabboonummaa Oromoo qofa utuu hintaane, dawoo uummatoota cunqurfamoota hedduu waliitti fide ture.

Dawoo marii akkasii keessaa tokko, bakka Dameen itti marii barattoota university keeessatti hirmaataa ture. Yaadannoo oo’aaf jaalalaatiin kan inni irraa dubbatu tokko, dawoo mana maatii Aadde Margee Miijanaa Jammoo fi Obbo Mitikkuu Waaqoo ti. Aadde Margee fi Obbo Mitikkuun, haadhaa fi abbaa  Abboomaa Mitikkuu, Abel Mitikkuu, Giiftii Mitikkuu, fi quxisuuwwan isaanii ti. Abboomaan yeroo tokko hogganaa tokkummaa barattoota university ta’ee filatamee ture. Dawoo kana keessatti Dameen hoggana bilisummaa Oromootiif qaramaa kan turan warra akka Galaasaa Dilboo fi goota ija barbadaa, kan naamusaan gad of qabanii qabsoo Oromoo finiinsaa turan warra akka Muhee Abdootiin wal bare.

Obbo Mitikkuu, warra sabboonummaa isaa jibban tu bakka hojii isaatti summii dhaan ajjeese. Aadde Margee fi ijoolleensee garuu gadda isaanii gad liqimsanii, gootummaa guddaa dhaan marii dawoo isaanii itti fufsiisan. Abboomaan ABOtti makamee, muruqqii haxxee hamtuu takkaan jaalleewwan isaa qaqqaalii wajjin wareegame. Muheen, hidhaa fi tumaa Dargii keessatti wagga torbaaf eega gidirfamee booda, jaalleewwan isaa Gezaheny Kaasahuun Jaarraa, Kabbadaa Damissee, fi Yiggazuu Waaqee wajjin Dargiidhaan rasshaname. Dameen aangoo isaa hoggana WHIG irraa fuudhamee, hidhamee tumamaa turee waggaa kudhatokkoof walakkaa booda gaafa Dargiin kufu hiikame.      

Hidhaa, Tumaa, Hiikaa

Dameen Amajjii 1980tti Oromoota Dargiin ABOtti hidhata qabu jedhee shakke dhibbaatamaa wajjin qabamee hidhaatti darbame. Akkuma fuudhamee ardaa qormaataa mana hidhaa masaraa Minilik ol seeneen kutaa tumaatti darbame. Afarsii fi doorsisi Dargii isaaf haaraa hinturre. Inni ammaa garuu hara malee cimaa fi haddhaawaa itti ta’e. Keenyaanni tuujii obomboleettii sana keessatti isa eegaa ture sun amma ittisa jige ta’eera. Dameenis obomboleetti waaqaaf lafa raasee bishaan urgufaa dhufe san keessatti darbamee, akka waan huura ta’ee huuraa wajjin bishaan keessaa urgufame.

Ijisaa hidhamee afaannisaas darsa xurii fi dhiigaan tortore, kan afaan nama isa dura tumamee keessaa fuudhameen cuqqaalame. Guyyaa saafaa keessa dukkana limixiidhaan liqimfamee sagaleen isaas ukkaamame. Damee namni dheeraa jorga’aan kun maramee dacha’ee akka daa’imaatti jilbasaa akka hammatu eega taasifamee booda harkisaa bakka jilbasaa hammatetti walitti hidhame. Namni biliqii tokko dura ulfaataa fi kabajamaa ture sun amma akka darsa taphaatti mataan gadi gombifamee hamma of wallaalutti faanasaa keessa akka hamaatti tumame.

Biliqittii du’aaf jiruu gidduu isee dhukkubbii tumaa sanaa keessa, Dameen maal akka jedhe beekuun hindanda’amu. Haadhasaa Furoo Roobii waammate moo Sardaa Booraatiif kakatee, Waaqa kadhate moo ni iyyee nami beeku hin jiru. Sagaleensaa darsa dhiiga quufee dhiiga Damees dabalatee afaan nama isatti aanee tumamu seenuuf abbuurratu sanaan ukkaamfameera. Iyyee dhageettii hogguu dhabu maal tu itti dhagahame laata? Maal jedhee mee hogguu bantii aangoo irraa gadi konkolaatee bakka hamaatti lafa dhahe? Mee maaluma jedhee hogguu harka warra nama tumaniitti kufee, ka’i, taa’i, fincaani, kuti jedhanii humna isarratti qaban itti agarsiifachuuf jecha ajeja qallaa dhaan sardanii isa ergaran?

Damee garuu, tumaa fi ergarama ofiisaa caalaa, ergaramaa fi dararama isa guddaa tu yaaddesse. Jaalleewwan inni akka gaaraatti kabaju, guguddoonni Oromoo akka balfaatti gombifamanii hogguu tumaman, warra isaan kabaju hunda hamilee cabsuuf hogguu isaan saphifamanii ergaraman arguu tu isa dhiphise. Warri nama dararan kun toftaa ittiin cuunfanii nama afan kana biyyoota sooshaaliistiitti ergamanii akka leenjii fudhatan, Dameen beeka. Kan hara malee isa rifachiise garuu, akka itti isaan gammachuudhaan bokokanii, ministeerota guguddoo meeqa gombisanii tuman himatan ture. Wallaalumni isaanii fi miidhama namaa biraatiif quuqama dhabuun isaanii hedduu isa yaachise.

Oromoo dhaa alas, namoonni guguddoon ija biyya sanaa ta’an, warri sammuu banaa fi quuqama saba isaanii qaban, dacha’anii mana hidhaa jiraachuun Damee baayyee rifachiise. Hoggantoonni paartiilee siyaasaa, doktooronni, injiniironni, ministeeronni, abukaatoowwan, hundi hidhaa ciciisuuun hedduu isa naasise. Hedduu kan isa naasise, sammuu qaroon mana hidhaatti tortoru sun, baayyeen isaanii ijoollee qaqqaalii hiyyeessi gibira baasee, utuu ofii hinbaratin barsiifate ta’iuu isaanii ti. Warri isaanii utuu ofii gahaa hinqabaatin ijoollee kana nyaachisanii, daara baasanii, hamma humna isaaniitti kunuunsanii guddifatan. Kunis egaa, Damee hara malee isa rifaasise.

Haata’u malee, galaana beekaa fi garalaafessa hidhaa ciisuu sana keessatti qaroon ija Damee, ijoollee empaayeraa fi warra halagaa empayeraa taasifaman gidduutti loogii fi walcaalmaa guddaa hubate. Hamma kana keessaa Oromoon qofti akka halagaa fi  weeyrartoota empayerittii diiguuf duulaniitti ilaalamanii halagoomfamuun Damee hara malee dhukkubse. Ijoollee empaayeraa kan hidhanii gidirsaniif karaatti deebisanii qajeelchuuf, warra halagaa ammo badii qaamaa fi qalbii isaaniitiifi. Hafuura diddee fi fincila Tufaa Munaa, Sardaa Booraa fi Badhaanee isaan keessaa fiilu san, hafuura warra gootummaa guddhaadhaan hacuuccaa empaayera lole sana keessaa dhabamsiisuufi.

Balaa jumlaa kana egaa, qulqulloonni akka Obbo Zegeyyee Asfaw, warri hafuura abaabilii isaanii kan warra empayeraaf loluus kan warra empaayera loluus bareecchee wal simsiifatellee keessaa hinhafne. Obbo Zegeyyeen karaa qaccee haadhasaa onnee Tufa Munaa gooticca empayera lolee fi karaa qaccee abbaa isaas gootota empaayeraaf lole akka Goobana Daaccee dhaale. Oromoo sammuu qaraa fi kan dhageettii sabasaa qabuu ta’uun qofti isa balleessuf gahaa ture. Egaa sodaa cimaa Oromoo irraa qaban kana Damee kan hedduu rifachiise.

Oromoonni guguddoon wari silaa empaayerichaaf amanamoo dha jedhamanii yaadaman kun akkas baay’inaan qabamanii hidhamuun isaanii qondaaltota mootummaas hara malee akka rifachiise, Dameen ni hima. Qabamuu dhiifnaan, siyaasa Oromootiin shakkamuu isaaniiyyuu amanuu daddhabani jedhe. Attamumatti waan akkasii yaaduudhaan ofiin of ajjeesuun isaanii raajii itti ta’e. Kanaafuu kan isaanii gidirfamuu fi agabfamuun kan hunda caala hammaatu ture.

Damee fi Oromoon guguddoonni kun, akkasumas warri hoggana ABOti jedhaman hundi, hidhamtoota kaan hunda irraa adda baafamanii, kophaatti mana hidhaa masaraa Minilik, bakka minaaniif bishaanni hinjirretti, bakka uffanniif qorichi hingalletti hdihaman. Achitti kan jibbiinsa guddaadhaan hamma foonni irraa harca’ee lafeetti bahutti tumamanii, dhiiga lolaasaa du’aaf jireenya gidduutti gataman.

Hamma kana hunda, maatiin isaanii nyaataaf uffata baatanii waaqaaf lafa hanqooqanii jaallatamoo isaanii qaqqaalii kana barbaadaa turan. Bakka isaan itti hidhaman itti himuuf nami haayyama qabu hinturre. Jaallatamoo achibuuteen isaanii dhabame kana barbaacha, masaraa Minilik sana bira  yeroo dhibbaatama darbaa turan, garuu akka maatiin isaanii achi keessatti cuqqaalamanii nyaataaf uttfata dharra’aa, du’aaf jireenya gidduutti gataman utuu hinbeekin jechuu dha.     

Yeroo tokko tokko waardiyyoonni waaqa sodaatan harcaatuu hambaa warri tika masaraa irraa nyaatanii gatan balfa kaaffiteeriyaa isaanii keessaa waan argatan fuudhanii hidhamtoota beelaam dhumaa turan sana nyaacchisaa turan. Yeroo kaan waardiyyoonni biraa garaa hinlaafan. Dameen egaa yeroo aangoo dhaan hojii raayyaatiif gara Asab deeme sana, beeloftoota Kaabaa nyaacchisuu yaaluu isaa yaadatee. Amma tanraan beela’uu kan isaa ta’ee nama nyaachisu dharra’e. Waardiyyoota garalaafeyyii, warra dhoksaadhaan hambaa balfa keessaa coranii isaaf jaalleewwan isaa nyaachisan rakkoo isaanii hubate. Ammas garuu, dhukkuba ofiisaa irra, kan guguddoota qaqqaalii sana, jaallan isaa kabajamoo balfaatti xiqqeeffamanii, harcaatuu minaan balfaa eeggataniif hara malee quuqamee dhukkubsate. Bantii aangoo irraa gadi konkolaacchuun kan isaaniitu caalaa hammaata jedhee gaddeef.

Akkuma Sardaa Booraa, Dameenis bool’a dhiphuu fi gidiraa sana keessatti jaallan isaa kabaju sana jajjabeessuu fi taphachiisuudhaan gidiraa isaanii irraanfachiise. Boolla dararaa fi dukukaa sana keessatti yeroo hiikaan jireenya isaanii gubbeedhaan ejjettetti, Dameen miidhama ofiisaatii liqimsee, jaallansaa bohaarse. Sagantaa qindeessee, caphiinsa qaamaa qalbii sanarraa dandamatanii akka hiikaa jireenya waloo isaanii falatan taasise. Manoo fokkattuu sana keessatti, bakka warri tumanii isaan gidirsan salphisanii, kabajaa namummaa irraa mulqanitti, jaallan wal bohaarsanii, kabajaa namummaa walitti horanii, faaruu bilisummaa waliin faarfatanii hamilee walii ta’an. Gidiraaf hinsarminu jedhanii didanii, abjuu haaraa abju’atanii, seenaa haaraa walitti himanii wal bohaarsan.

Tumiinsaa fi agabsaa waggaa lamaa boodas, Damee fi jaallan isaa du’anii hindhabamne. Utuu lubbuun jiranii  Maakkalaawwiitti dabarsan. Achittis garuu hidhamtoota biraa irraa adda baasanii kutaa kophaa keessatti ugguran. Keessattuu Oromoota haaraa hidhamaniif warra isaan duraan wajjin qabaman irraa adda baasan. Dargiin Damee fi jaallan isaa kana du’a itti murteessee ture jedhama. Haata’u malee, utuu isaan hin ajjeefamin, Mangistuun biyyaa baqatee Dargiinis ofiiyyuu unkutaawe. Damee fi jaallan isaas hidhaa fokkisaa sanarraa wagga kudha tokkoof walakkaa booda, gaafa Caamsaa 23, 1991 bilisa bahan.

Dargiin unkutaawee guyyoota muraasa keesatti, hamma mootummaan cehumsaa ijaaramutti hiree gabaabduu turte saammatanii, Damee fi jaallan isaa murna hunda irraa Oromoota walitti waamanii mariisisan. Oromoonnis golee hundaa yaa’anii dhufaniif. MTn bara Dargiis akkuma cufametti hafuyyuu miseensonni durii yaa’anii dhufan. Abbootiin gadaa, qonnaanbultoonni, dafqaanbultoonni, barattoonnii fi barsiiftonni, akkasumas sabboontonni yaa’anii mariifhatan. Siyaasni biyya kanaa garamitti adeemaa jiraa? Olaantummaa Adda Bilisummaa Uumata Tigray (ABUT) ija baasee as deemaa jiru jalatti, gaaffiin Oromoo maal ta’uu qabaa?  Oromoonni waa’ee sirna olaantummaa garee tokkoo olaantummaa garee biraatiin bikka buusuu kanaaf deebiin isaanii mallii? Kanaa fi yaada kana fafakkaatu kaasanii marihatan.

Akkuma eegame, ABUT gareelee siyaasaa adda addaa hatattamaan walitti qabee, kittillayyoota isaa irraa Adda Demokraatawaa Warraaqaa Uummata Itoophiyaa (ADWUI) ijaaree, ABO ammoo akka mormituutti fudhatee mootummaa cehumsaa ijaare. Dameedhaaf egaa, ABUT garee ADWUI kan tolcheef, ABOn deggersa uummataa bal’aa waan qabuuf, sana sodaatee, meeshaa ittiin miilla jalaa butee, deggersa sana irraa mulqee ofii fudhatu taasisuuf ture. ABO hundeenis fonqolchee mataais kombolchuu herreguun ABUT akka aduu ifaa ture. Hammasitti garuu, miseensota ABO keessaa hangi tokko ministeerummaa fudhatanii, Dameenis bikkabuutota ABO keessaa tokko ta’ee Kaawunsila Cehumsaa seene.

Dameen gama tokkoon dirqama Kaawunsilaa bahataa, gama kaaniin ammoo uummata dammaqsuu fi Oromoon sagalee tokkoon mirgasaa akka tikfatu qopheessuu irratti halkanii fi guyyaa hojjete. Ofqusii fi haarabaafata tokko malee itti of darbee waan tureef, haadhasaa isee wagga 12 caalaaf hinargin, isee dulloomtee ijasaa argitee darbuu dharrate sanallee dubbisuuf hiree hinarganne. Haalli biyyattii saffisaan jijjiiramaa deemee, irra hedduun uummata Oromos ABO duuba waan hiriireef, lolli ABUT fi ABO gidduus hara malee wajiije. ABOn filannoo gandoota Oromoo caalmaa guddaadhaan injifachuuf akka deemus ifa ta’e. Shirri ABUT ittiin ABO salphisee hundeen fonqolchuuf shire isumatti garagale.

Dameen bara 1991 Giddugala Oromiyaa,Jalduutti qondaaltota olaanoo ABO kanneen akka Alamuu Qixxeessaa waliin marii hawaasaa yeroo gaggeessu (Suuraa: Lagatafo Studio)

Haala hokkaraa hammaataa dhufe kana keessatti haarabaafata tokko malee hojjechuun dhibdee onnee isaa itti hammeessee, Dameen hamma of wallaalee kufutti gahe. Warri Amnesty International haala isaa hidhaa keessaa qabanii waan hordofaa turaniif, akka Yuurooppaa deemee wal’aansa baqassaa onnee argatu gargaaran. Dameen ABOn filannoo sana shakkii tokko malee caalmaa guddaan akka injifatu abdii guddaa  galaafatee biraa deeme. Kun egaa ija waan innii fi waa’ellan isaa itti dhama’anii akkaan irratti hojjetan ture. Warri ABUTis kana akkaan waan beekaniif, injifannoo nuti dhiigaan fidne, Oromoon quba ol qabee nurraa fudhata jedhanii yaadda’an. Kun akka hintaaneefis jabeessanii irratti hojjetan.

Dameen akkuma tubboo haaraan onneesaatti galeefii dhibdeee irraa dandamateen biyyatti harreeduu fedhe. Yerositti garuu ABOn duruu dhiibbaa hamaa ABUT irraan gaheen sirna cehumsaa sana keessaa of baasuf dirqamee gara qabsoo hidhannootti deebi’ee ture. ABUT injifannoo isaa kana dhugaa hinseenee, hoggasuu ABO miilla jala deemee, biyya keessaas biyyoota olla keessaas bakka miillisaa gad dhaabbatu akka hinarganne cimsee irratti hojjete. Hundeen fonqolchee mataan kombolchuun sagantaasaa ture.  

Kun egaa Dameedhaaf waanuma beekamaa ture. Irra deddeebissee akka inni jedhetti, imaammatni mootummoota empaayera sana keessatti aangoo qabatan hundaa Oromoo halagoomsanii akka diina Itoophiyaattis hadheessuudha. Hiyyummaa fi ergarama keessatti qancarsanii gadi xiqqeessanii dachii balloo fi dureettii biyya abaabilii isaanii harkatti galfachuu dha. Irra deddeebi’ee kan inni himaa ture mootummoonni dhufaa-darban kun maqaa fi ideolojii haa jijjiirratan malee, imaammati empaayerichi Oromoof qabu hinjijjiiramne. Amma egaa Dameen biyya itti galu waan hinqabneef, hiree baqattummaa fudhachuuf dirqamee bara 1992 keeessa Canadaatti qubsuma argatee jiruu baqataa jalqabe.  

Jiruu fi Jireenya Baqataa

Dameen waan darbee bade faana gadooduutti yeroo hinballeessine. Akkuma qabsaawota kaayyoo isaaniitiif of kennan hundaa, innis dhukkubbiisaa of keessatti gad liqimsee, abdiisaa haaromfatee, haqa sabasaa akkaan dabee fi dhugaasaa akkaan dhokate ifoomsuuf jiruu baqaa keessa taa’ee qabsoo itti fufe. Akkuma biyyatti sagalee Oromoo waaltessaa ture biyya baqaattis waldiddee fi faffacaatii baqataa faallachuu didee, sagalee Oromoo tokkoomsuu fi hawaasota walitti fidee kaayyoo Oromoo guddaadhaaf hiriirsuu irratti bobba’e. Hanqina tajaajila hawaasa isaa keessa jiru ilaalee qoodasaa gumaachuu dhaan qaawwaa sana cuqqaaluuf haala haaraa keessatti qabsoo bifa addaa addaatti bobba’e.

Ayyaana Ejjetaa Fayyisaa fi kan Sardaa Booraa waammatee, haqa Oromoo dabeef falmachuuf qabsoo Oromoo lellisuutti bobba’e. Akkuma Ejjetaan Sudaanitti hojjetaa ture, Dameenis haala baqattummaa keessa taa’ee baqatoota empaayera Itoophiyaa dheessan gargaaruu irratti qooda guddaa gumaache. Iyyata koolugaltummaa galmeessuu irraa kaasee, hamma abukaatoo rakkoo Oromoon empaayera Itoophiyaa keessatti keessumsiisu hubatu arguufii, dhaddachatti dhihaachuu, fi qubsiisuu irratti tajaajila jabaa kenne. Akkuma Sardaa Booraa, Dameenis hojii ofii bocee tolfate sana irratti kabajaa guddaa horatee, baqattoota Itoophiyaa dheessan dhibaatamaan qubsiisuu irratti hedduu milkaawe.

Hojii kanarratti rakkoon Oromoon Itoophiyaa keessatti qabuu, keessattuu hacuuccaa hamaa ADWUI irraan gahe beekkamtii akka argatu gumaacha guddaa kenne. Yeroo qeerroon biyya keessaa qabsoo nagaa finiinsan, Dameenis dhibame daddhabe utuu hinjedhin, qabsaawota biraa wajjin hojii tumsa fincila qeerroo itti of darbee gumaacha guddaa kenne. Maayyiirratti yeroo dhiibbaan qeerroo ABUTiin  kombolchee unkuteessee, OPDOn dugda qeerroo koree kooraa aangootti ol bahe sana, Dameen gammachuu machii fakkaatu sana keessa wagga 27 booda biyya deemee ture. Abjuu guguddaa fi abdii haara’e galaafatee deeme. Abjuun haqaa fi nagaa kan sabni isaa bara dheeraaf itti dararamee aarsaa guddaas itti kaffale, waan milkaawee ija naqate itti fakkate.

Maal godhu garuu! Gammachuu fi ililleen sun hundi tokkichumaan gadi du’ee, hacuuccaa fi dararamni durii sun itti deebi’e. Yeroo hongeen bifa haaraadhaan itti bu’ee abjuu sabasaa ammas lafatti gadi gubu, Dameen amanuu daddhabee, waan jedhus wallaale. Hammeenya keessa bahee, garajabinni takkaa hinjirre hongee sana keessaa isaa guddatee dagaagu argee gadde. Sanyyin kun isa qabsoon uummata isaatii facaase akka hintaanes hubate. Ammas egaa madaa abdiisaa doolate sanaa gad liqimsee, qabsoo haqa sabasaatii waan danda’u hundaan tumsuu isaa hamma lubbuun isaa dabartutti itti fufe.

Biliqii Maayyii fi Fufiinsa Roorroo

Dur qarayyoon boonee kan har’a jaame
Kan ifni jiru guyyaan itti dhaame
Maal anaannataa gufuun yoo dhawamee?
Maal jedhanii…
Kan roorroon halagaa mukatti galchitee
Kan bilisummaan dhiiga qaadhimtee
Maalii abdiinsaa yoo duuti argatee?
Maal jedhanii…

Dameen biliqii isee dhumaa sana maal jedhee? Jiruu lafa tanaarraa hobbaafatee hafuura isee dhumaa yeroo baafate, maal hasaasee? Hogguu qariyyoon ijasaa foonii dimimmiftee dukkanni du’aa guyyaa saafaa isa liqimse mee maaluma herregee? Waa’ee hacuuccaa hamaa isa hidhaatti ol harkisee jaallan isaa bosonatti gad oofee sana maaluma jedhee? Maal hasaasee waa’ee bilisummaan jaalalleesee mara dhiigaan qaadhimachuu? Waa’ee dukkanni Waaqaas ifa baqqalatti jijjiiramuu? Abdiinsaa maal turee hogguu biliqittii dhumaa sana jireenya isaa guutuu of dura qabee utuu ilaaluu duuti isa mudate?,   

Dameen du’a isaa boodaan itti fufiinsa arge. Ilmoo gudeedasaa keessaa baate hinhorre. Akkuma qabaawota jireenya isaanii guutummaatti qabsoo Oromoof wareeganii, Dameenis fuudhee bultii hindhaabbanne. Warri isaas maatiin isaas qabsicha. Obboleettiin isaa garuu akka inni ilmoo godhatu jabeessitee kadhatte. Hiddi sanyii keenyaa sirratti hincitinii qacee keenya fufsiisi jetteen. Ilmoo maqaa kee baatee qacceekee fufsiisu guddifadhu jettee wargite. Dameen garuu ijoollee Oromoo kan qaccee qabsoo isaa fufsiisan kumaa kitialln qaba ture. Damee mitii, Abbaa Hoomaa naan jedhaa jechaa ture.    

Dhugumaanuu Dameen Abbaa hoomaa isa jaallatuu fi kabaju, hoomaa yeroo inni gargaarsa barbaadetti kunuunsee isa tajaajiluu ture. Jaallatamaa fi kabajamaan Abbaa Hoomaa kun garuu xoofoo du’aa sana kophaa isaa unate. Laga isee dhumaa sana namni namaa wajjin hincehu. Hidhaa foon isaattii bilisoomee biyya hafuuraatti cehuunsaa garuu ayyaannisaa akka hindaangeffamne taasise. Hafuurrisaa bilisaan golee fi qaawwaa hunda keessa lola’ee dhalattoota Waaqaa, kan du’ee fi kan jiru hunda walitti fide.

Dhugumaanis, hoomaa tu sireesaa marsee abbaa jaallatamaa qaalii kana kabajaa fi jaalalaan geggeesse. Hafuurri Damee bilisoomes jaalala isaanii dachaa dhaan deebiseefii eebba abbaa isa qaalii eebbise. Hamma hafuurri keessaa harattutti, Waaqa kan inni kadhateef, ijoolleesaa hoomaa kanaaf ogummaa ittiin tokkummaa dhaan wajjin jiraatan, kan isaan ittiin rakkoon Oromoo lafasaa bal’oo fi badhaatu sana ta’uu hubatan akka kennuuf ture. Sun kennaa Waaqaa ti, jedheen hafuurrisaa. Ija irraa hinfudhatinaa. Qeerransa eegee qabdaniittuu gad hindhiisinaa, hamma dhumaatti itti cihaa qabaa jedheen.

Hoomaan ijoolleesaas akkaan hafuurasaa dhagahan. Reeffi isaa galaanaa fi dachii meeqa qaxxaamuree biyya dhalootasaatti akka galuuf isaanis gama isaaniitiin eebbisanii geggeessan. Hafuurrisaa foonittii bilisoomes dukkana walakkaatti ifa baqqala, bakka manni hinjirretti mana oow’aa, bakka abdiin hinjirretti abdii cimaa argate. Akkanaan Dameen hammannaa Haadha Dachii isee hoggayyuu leellisaa jiraate sanatti galee, araddaa Sardaa Booraa, isa ayyaanasaa filate itti jiraate keessa boqote.

Seenaan nama qaalii kanaa bifa babbareedaadhaanis bifa fofokkataadhaanis itti fufaa jira. Kaayyoon Dameen dhaabbateefii hamma dhuma jireenya isaatti qabsaaweef waan qaalii hinduune ta’uunsaa, iddoo fi yeroo hunda keessa fululee hulluuqee kan barabaraan jiraatu ta’uun akkaan itti fufaa jira.

Haata’u malee, fufiinsa gaarii akkasii kana birammoo hacuuccaa hamaan Damee fi jaallan isaa jibbanii kumaa kitilaan irratti qabsaawanis itti fufaa jira. Biyyi isaa bifa mul’atuuf hinmul’anneen walwaraansa dhuma hinqabne keessatti liqimfamtee jirti. Uummani isaa qaaliin dararamuu itti fufanii har’allee guyyaa guyyaadhaan ajjeefamaa jiru. Ulfoon abbootii gadaa qaqqaaliin murruuqqii dhaan dhumaniiru. Uummanni nagaan kitilaan saamamaa fi buqqifamaa jiru. Gootonni sodaa tokko malee dhugaa ol qabanii leellisan, akka leencaatti adamfamanii ajjeefamaa jiru.

Gaafa Ebla 9, 2024, ija wagga Dameen itti awwaalametti Haati Dachii ammas dabaltee, dhiiga qulqulluu ilmasee qaalii, dhiiga Battee Urgeessaa waga’amtee unachuuf dirqamte, lubbuun isaa nagaa barabaraa keessa haa boqottu. Batteen dargaggoota Oromoo kan egeree saba isaaniif hoggana gaarii ta’anii waan ol bahaniif jecha kumaatamaan ajjeefaman bikka bu’a. Garajabeenyi daangaa hinqabne guutuu abdii egeree isaanii kichuutti kuteera. Dhiigni isaanii itti fufiinsaan Waaqatti ol iyyataa jira. Nutis itti fufiinsaan, bobboowaa gammaduu fi gagammadaa boowuun qaama nuuf ta’aa jirra. Badiisi kana fakkaatu fafa.         

Nuti saba gaddarra jiru. Maalif? Qaqqaalii egeree keenyaa dhabne, abjuu waloo keenyaa dhabne. Gootonni keenya qaqqaaliin, qaawwaa isaan onnee keenya keessatti bananii wareegaman tu nu dhukkubaaf boonya. Garuu ammoo ni gammadnas. Maaliif? Ajjeechaan goota qaalii tokkoo kan akka isaanii goota ija barbadaa ta’an kitilaan waan horuufi. Ibiddi ajjeechaan isaanii qabsiisu akka qabsoo isaan utuu lolanii kufan sana finiinsu waan beeknuufi. Gootonni keenya wareegaman kan leellifaman malee kan boowaniif akka hintaane waan hubannuufi. Jiruu isaanii, seenaa isaan nu dhaalchisanii fi hafuura isaanii hoggayyuu nu onnachiisuuf Waaqa galateeffanna. Akka faaruun Maal Jedhanii labsu, gootonni keenya hogguu du’a mudatan, abdii hindhaamne kana kan isaan nuu galaasan.


Yaadannoo Gulaalaa: Maartaa Kuwee Kumsaan, biyya Kaanaadaa keessa Piroofesara Yunivarsiitii Wiilfriid Lawriyeeridha. Piroofeesar Kuwee qunnamuuf karaa kuweekumsaa@gmail.com ni argamu.

Related Articles

Back to top button