ODUUSIYAASA

Oduu: Hiyumaan Raaytis Waach naannoo Amaaraatti humnoonni mootummaa 'yakka waraanaa raawwataniiru' jedhe

Finfinnee, Adoolessa 03/2024 – Dhaabbanni mirga dhala namaaf falmu Hiyumaan Raaaytis Waach jedhamu humnoota tika nageenyaa Itoophiyaa yakka waraanaatiin yakke.

Akka gabaasa Hiyumaan Raayts Waachitti, humnoonni tika nageenyaa mootummaa hojjattoota fayyaa, dhukkubsattootaafi bu’uuraalee fayyaa naannoo Amaaraa keessatti argaman irratti miidhaa geessiseera jedhe. Dhaabbileen gargaarsa namoomaa meeshaalee wal’aansaafi qoricha raasanirratti dhiibbaan gahuu dhabbatichi eereera.

Hagayya 2023 kaasee hojjattoonni gargarsa namoomaa sagal ajjeefamuu dhaabbatichi ifoomse.
Akkasumas, sababoota rakkoo nageenyaa, haleellaa, waraanaafi labsiin yeroo ahtattamaatiin hojiin gargaarsaa damqamuu himeera.

“Gareen finxaaleyyii” naannicha keessa socho’u buufataalee fayyaa 967 barbadaa’uufi ambuulaansonni 124 butamuu dhaabbatichi addeesseera.

Qaamoleen garaagaraa qorannoo taasisuu dadahbuufi gazexeessitoonni gara naanichaa imaluun gabaaasuu dhaabuu irrraa kan ka’e odeeffannoon naanncihaa bahu daangeffamuu gabaafameera.

Waxabajjii 14, 2024 keessa walitti bu’iinsaa hidhattootaafi humnoota mootumma gidduutti uumameen walqabatee rakkoo mudateen lubbuun namoota 2,000 darbeeras jedhe.

Mootummaan Itoophiyaa haleellaa dhaabbilee fayyaarratti raawwachaa jiru akka dhaabu gaafatameera. Kana malees, qaamoleen idiladdunyaa kan akka Gamtaa Afrikaafi Gamtaa Awurooppaa dhiibbaa akka taasisan gaafatameera.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Haleellaa hojjattoota fayyaa, dhukkubsattoota, dhaabbilee fayyaa,fi geejjibarratti haleellaan raawwatamuu ibsameera. AS

Related Articles

Back to top button