
Finfinnee, Muddee 18/2024 – Giddugalli Dagaagina Mirgootaa fi Dimokiraasii (CARD) uggurri Abbaa Taayitaa Dhaabbilee Hawaasa Siiviliitiin irratti kaa’ame ture erga kaafamee guyyoota muraasa booda irratti deebiin uggurame.
Bakka bu’aan dhaabbata Giddugalli Dagaagina Mirgootaa fi Dimokiraasii Addis Standard dubbise akka jedhetti, dhaabbatichi kaleessa Muddee 17 xalayaa irra deebiin ugguramusaa ibsu isaan qaqqabuu hime.
Xalayichi sababa murtoo dhaabbaticha irra deebiin ugguruuf darbe yeroo ibsu, “akkaataa akeekkachiisa kanaan dura kennameefin tarkaanfiiwwan sirreeffamaa hin fudhanne” jedha.
Maddi dhaabbatichaa kun himannaawwan Abbaan Taayitaa Dhaabbilee Siivilii dhiyeesse ”sirrii kan hin taanee fi haqa kan hin qabne” jechuun ibse. Dhaabbatichi erga uggurri kanaan dura irra ture kaafamee sochii idilee akka hin jalqabneefi pirojektoota haaraa akka hin jalqabne hubachiise.
“Himannaawwan akkasii akkamitti mirkanaa’uu akka danda’an ifa miti,” jechuun maddi kun dabalee ibseera.
Akeekkachiisni uggura kanaaf sababa ta’ees ”himannaa ifa hin taane fi ragaadhaan hin deeggaramne” of keessaa qaba jechuun ibseera. “Qabiyyee isaa irratti ibsa dabalataa argachuuf Abbaa Taayiticha waliin haasa’uuf adeemsarra turre,” jedhe.
Itti dabaluun, “murteen kun waan gama keenya jiru ibsuuf ykn of ittisuuf carraa akka hin qabne nu taasise,” jedhe.
Baatii Sadaasa darbe Giddugala Dagaagina Mirgootaa fi Dimokiraasii (CARD), Waldaa Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (AHRE), fi Ogeessota Seeraa Mirgoota Namoomaaf (LHR) “gochaalee dantaa biyyaa miidhan irratti hirmaatan” jedhamuun ugguramanii turan.
Dhaabbileen kunneen “yeroodhaaf” erga ugguramanii torbanoota muraasa booda Muddee 11 uggurri irraa kaafamuu ni yaadatama.
Dhaabbileen idil addunyaa mirga namoomaaf falman murtoo uggura kanaa qeeqaa turaniiru. Dhaabbatni mirga namoomaa idil addunyaa ‘The World Organisation Against Torture’ jedhamu murteen mootummaan dabarse kun “dirree dhaabbilee siviilii dhiphisa” jechuun qeeqe.
Mootummaan murtee kanaaf akka sababaatti dhaabbilee siviilii kunneen ‘walabummaa siyaaasaa hin qaban’ kan jedhe ta’uus dhaabbatni mirga namoomaa idil addunyaa kun ibsa isaatin sababni mootummaan kaa’e “bu’uura hin qabu” jedhe.
Dhaabbatni mirga namoomaaf falmu Aminastii Intarnaashinaal gama isaatin murteen dhaabbilee siivilii sadii dhorkuun “dirreen siviilii dhiphachaa jiraachuu agarsiisa” jechuun qeeqe. AS