ODUUSIYAASA

Oduu: Dhaabbileen Nageenyaa Itoophiyaa fi Keeniyaa ‘WBOn naannawaa daangaatti uggura fi saamicha raawwachaa jira' jedhan

Finfinnee, Hagayya 22/2024 – Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) naannawaa daangaa Itoophiyaa fi Keeniyaatti uggura namootaa, saamicha, fi gocha seeraan ala albuuda baasuu raawwachaa akka jiruu fi garee al-Shabaab waliin hidhata akka qabu” hoggantoonni Odeeffannoo fi Nageenyaa Itoophiyaa fi Keeniyaa ibsan. 

Tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenyaa Itoophiyaa akka ibsetti, Daayirektara Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya Itoophiyaa Redwaan Huseen fi gita isaanii Keeniyaa Nuraddiin Mohaammad Hajii kaleessa Finfinneetti walarguun dhimmoota “rakkoo nageenyaa fi sochii humna finciltootaa naannawaa daangaatti socho’an” ilaalchisee mari’ataniiru. 

Marii isaaniin gareen hidhattootaa Waraana Bilisummaa Oromoo daangaa Itoophiyaa fi Keeniyaatti, akkasumas Keeniyaa keessa “lammiilee butuu, saamicha, qabeenya barbadeessuu fi sochii namootaa danquu” raawwachaa akka jiru ibsuu isaanii Tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenyaa Biyyaalessaa ibseera.

“WBOn garee shororkeessaa al-Shabaab kan Somaaliyaa keessatti socho’u waliin kallattiin walitti dhufeenya qaba” kan jedhe Tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa, itti dabaluudhaanis “gareen kun dhiheenya kana lammiilee Kooriyaa lama butee Al-Shabaabitti dabarsee kenneera,” jedhe.

Kana malees, gareen kun “daldala kontirobaandii, daldala meeshaalee waraanaa seeraan alaa, hojiin albuuda baasuu seeraan alaa irratti bobba’e” dhaabuuf tarkaanfii hatattamaa fudhachuuf kallattii kaa’uu isaanii eerameera.

Akka odeeffannoo tajaajila nageenya biyyaalessaa irraa argametti, biyyoonni lameen yaaddoo shororkeessummaa “gareewwan lamaan” naannicha irratti danqan waliin ittisuu fi hambisuuf hojii qindoomina qabu cimsuuf murteeffachuu beeksisaniiru.

Gareen hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) himannaa irratti dhiyaate kana ilaalchisee hanga ammaa wanti jedhe hin jiru. 

Hoggantoonni dhaabbilee nageenyaa lameen, waraanni Sudaan karaa nagaan akka furamuufi biyyattiin gara nageenya duraan qabdutti akka deebituutti waloon akka hojjetan ibsaniiru. AS

Related Articles

Back to top button