ODUUSIYAASA

Oduu: Dura taa’aa Izeemaa duraanii Yashiwaas Asaffaa hiikaman; Qindeessitoota hiriira Sadaasa 30 gara Finfinnee dabarfaman

Finfinnee, Waxabajjii 10/2024 – Namoonni siyaasaa hiriira mata duree “Waraanni haa dhaabbatu! Nagaan haa bu’u!” jedhuun Sadaasa 30, 2016 ALI waamame tureen walqabatee hidhamanii baatilee lama oliif Naannoo Affaar kaampii waraanaa Awaash Arbaa keessatti hidhamanii turan torba Jimaata darbe gara Finfinneetti dabarfaman. 

Qindeessitoota hiriiricha kan turan duraa taa’aa Paartii Warraaqsa Uummattoota Itoophiyaa (PWUI) Zinaabuu Abarraa dabalatee namoonni torba gara Finfinnee waajjira poolisii sadaffaatti dabarfamanis hanga ammaatti maatii isaanii waliin qunnamuu akka hin dandeenye dura taa’aa itti-aanaa paartichaa Maggaabii Biluuy Abirahaam Haayimaanot Addis Standard’tti himaniiru. 

“Namoonni siyaasaa kunneen waajjira poolisii sadaffaatti mana dukkanaa keessatti dararamaa jiru,” kan jedhan Maggaabii Biluuy Abirahaam, “qaamoleen mootummaa gocha kanarraa akka of qusatan” dhaamaniiru.  

Haaluma walqabatuun, qindeessitoota hiriiricha keessaa tokko kan ta’an Dura taa’aan Paartii Lammiilee Itoophiyaa Haqaa Hawaasummaaf (Izeemaa) duraanii Yashiwaas Asaffaa hidhaa torban tokko booda Sanbata darbe Waxabajjii 08 gadi lakkifamuu haati warraa isaanii Aadde Muluu Birhaan Addis Standarditti mirkaneessaniiru. 

Akka aadde Muluun jedhanitti, Obbo Yashiwaas yeroo hidhaa irraa bahan dhukkubsatanii waan tureef gara hospitaala Maqraz jedhamu geeffamuun wal’aansa erga argatanii booda gara mana isaanii galaniiru. 

Caamsaa 31 to’annoo jala oolanii hanga hiikamanitti mana murtii kan hin dhiyaanne Obbo Yashiwaas, sababni hidhaa isaanii “miidiyaa fayyadamuun namoota kakaasuuf yaaluun” shakkamanii akka ta’e itti himamuu eeraniiru.

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa, naannoo Amaaraatti walitti bu’iinsa humnoota mootummaa fi hidhattoota Faannoo gidduu gaggeeffamuun walqabatee labsii yeroo muddamaa Hagayya 04, 2023 eegalee baatilee kudhaniif hojiirra oolaa ture yeroonsaa xumuramuu hordofee namoota yeroo labsichaatti hidhaman akka gadhifaman tibbana hubachiisuu ni yaadatama.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Komishinichi namoota adeemsa raawwii labsicha keessatti hidhaman akka gadhifaman, daangeffamoonni sochii akka kaafamaniifi tajaajiloonni hawaasaa akka eegalan waamicha dhiyeesseera. AS

Related Articles

Back to top button