ODUUSIYAASA

Oduu: Dura taa’aan Ezema duraanii Yashiwaas Asaffaa yakka “hokkora kakaasuutiin” shakkamuun hidhamuu maatiin himan

Finfinnee, Waxabajjii 04, 2024 – Dura taa’aan paartii Lammiileen Itoophiyaa Walqixxummaa Hawaasaatiif (Ezema) Obbo Yashiwaas Asaffaa yakka “hokkora kakaasuutiin” shakkamuun Jimaata darbe too’annoo poolisii jala oolfamuu miseensi maatii himan.

Haati warraa Yashiwaas Aadde Muluu Addis Standard’tti akka himnaitti, “miseensonni poolisii uffata dambii hin uffatin” Jimaata darbe galgala keessaa naannooo sa’aatii 1:00tti gara mana jireenyaasaa dhaquun “gaaffiidhaaf barbaadamta” jedhanii fudhatanii deemuu himteerti.

Poolisonni kjnneen Yashiwaasiin too’annoo jala kan oolchan xalayaa mana murtii malee ta’uu ibsaniiru. Yashiwaas Finfinnee waajjira polisii sadaffaatti kan argaman yoo ta’u poolisiin “miidiyaa fayyadamuun hokkora kakaaseera” himata jedhu Yashiwaasirratti banuu Aadde Muluun eeraniiru.

Obbo Yashiwaas “miidiyaa hin qabu” jechuusaa hordofee miidiyaa hin qabu jechuun akka mallatteessuu taasifameera jetteerti. Battaluma sanatti, poolisiin mana jireenyaa Yashiwaas sakkatta’uun himameera.

Obbo Yashiwaas paartilee siyaasaa biroo waliiin ta’uun “waraanni haa dhaabbaatu, nagaan haa deebi’u” jechuun Sadaasa 30, 2016 kaasee Finfinneetti hiriira nagaa taasisuuf socho’aa turuun ni yaadatama.

Haa ta’u malee, “dhiibbaa mootummaan irrattii uumeen” hiriirichi dhoorkamuu qindeessitoonni hiriirichaa ibsanii ture. Hiriira kanaan walqabatee namoonni afur hidhamanii ture.

Obbo Yashiwaas bara darbe keessa fedhiisaaniitiin paartii Ezema keessaa of baasuunsaanii ni yaadatama. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button