Finfinnee, Sadaasa 18/2024 – Pireezidaantiin Bulchiinsa Yeroo Tigraay Geetaachoo Raddaan qormaanni siyaasaa jiraatuus, bulchiinsi isaanii Eertiraa waliin hariiroo nagaa uumuuf kutannoo akka qabu mirkaneessan.
“Eertiraa waliin nagaa buufachuu barbaanna; kana booda waraanni filannoo ta’uu hin qabu,” jechuun af-gaaffii gaazexaa biyya Xaaliyaanii ‘Avvenire’ jedhamu waliin taasisaniin dubbataniiru.
Walgahii dooktaroota tola ooltummaa Xaaliyaan, Turiin keessatti gaggeeffamu irratti hirmaachaa kan jiran Geetaachoon, bulchiinsi isaanii Eertiraa waliin nagaa uumuu akka barbaadu ibsaniiru.
Haa ta’u malee, waraana waggoota lamaaf gaggeeffamaa ture irratti yakka lammiilee nagaa fi dubartoota irratti raawwatameef itti gaafatamummaa fi haqa mirkaneessuuf mala idil-addunyaa barbaachisaa ta’uu cimsanii dubbataniiru.
Loltoonni Eertiraa ammallee naannolee Tigraay hedduu humnaan to’atanii akka jiran kan eeran Obbo Geetaachoo, akka fakkeenyaatti naannawa Iroob kaasaniiru.
Akkaataa waliigaltee Piritooriyaatiin waraana Eertiraa naannoo Tigraay keessaa baasuun itti gaafatamummaa mootummaa federaalaa ta’uu eeruun, ta’uus Eertiraa waliin nagaa buusuu akka barbaadan dubbataniiru.
“Dursa garuu Eertiraan yakka raawwatameef itti gaafatamummaa fudhachuu qabdi,” jedhan. Itti dabaluudhaan, warreen namoota nagaa fi dubartoota irratti haleellaa raawwatan itti gaafatamuu qabu” jedhan.
Haqa mirkaneessuuf hojimaanni idil-addunyaa barbaachisaa ta’uu kan eeran Obbo Geetaachoon, “waraana Itoophiyaan alatti loltoonni biyyoota biroo waraana kanarratti waan hirmaataniif” komishiniin idil-addunyaa hundeeffamuu akka qabu hubachiisaniiru.
Waa’ee waliigaltee Piritooriyaa yeroo gaafataman, “warreen waraanichi akka itti fufu dhiibbaa uuman hedduu jiraatanis waliigaltichi gandoota Tigraay hedduu keessatti waraanni akka dhaabbatu, sagaleen rasaasaas akka hin dhagahamne godheera,” jedhan.
Ta’us raawwiin Waliigaltee Piriitooriyaa harkifachuu irraan kan ka’e buqqaatonni mana barumsaa fi kaampii keessatti jiraachuuf dirqamuu ibsaniiru.
Garaagarummaan siyaasaa Tigraay keessatti mudate ilaalchisee wayita deebisan, qoqqoodinsi jiraachuun isaa dhugaa ta’uu ibsuun, “garuu gara fuulduraatti tarkaanfachuuf tokkummaa nu barbaachisa, ummanni keenya nagaa qofa gaafachaa jira” jedhan. AS