ODUUSIYAASA

Oduu: Ergamaan Addaa Ameerikaa dhimma Waliigaltee Piriitooriyaarratti mari’achuf gara Itoophiyaa ni imala jedhame

Finfinnee, Fulbaana 04, 2024 – Gaanfa Afrikaatti Ergamaa Addaa Ameerikaa Maayk Haamar imala hojii Fulbaana 03 hanga 13, 2024 tti gara biyyoota hedduu taasisuun dhimma Waliigaltee Piriitooriyaarratti mari’achuuf gara Itoophiyaa ni imala jedhame.

Ibsi Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa baase akka agarsiisutti, Ambaasaaddar Maayk Haamar hojiirra oolmaa Waliigaltee Piriitooriyaa ni gulaala jedhame. “Ameerikaan mootummaa Itoophiyaafi Bulchiinsa Yeroo Tigraay deeggaruuf kutannoo qabdu itti fufti,” ibsichatu jedhe.

Gargaarsi kuni “loltoota duraanii hidhannoo hiikkachiisuu, bittinneessuufi hawaasatti makuu karaa nagaa qabeessaafi seera-qabeessa ta’een buqqaatota qe’eetti deebisuufi haqa ce’umsaafi itti gaafatammmaa mirkaneessuu” of keessatti hammata.

Kana malees, ergamaan kuni akkaataa rakkoon nageenyaa naannolee Oromiyaafi Amaaraa ittiin hiikamurratti qondaalota mootummaa waliin ni mari’ata jedhamee eegama.

Ambaasaaddarri kuni aanga’oota Gamtaa Awurooppaa waliin mari’achuuf gara biyyoota Biraaseelsiifi Beeljiyeemii ni imala jedhameera. Akkasumas, haala siyaasa Keeniyaarratti ni mari’ata ta’a.

Daawwannaan Haamar taasisu kuni waldhabdeen dura taa’aa Adda Bilisummaa Ummata Tigraay (ABUT) DabaraTsiyoon G/Mikaa’eeliifi Pireezidaantii Bulchiinsa Yeroo Tigraay Geetaachoo Raddaa gidduutti yeroo uumame kanattiidha.

Yaa’ii 14ffaa ABUT Adoolessa 19, 2024 gaggeesseerratti DabraTsiyooniin dura taa’aa paartichaa taasisuun irra deebiin filateera.

Paartichi itti aanaa ABUT Geetaachoo Raddaa hogganaa biiroo nageenyaafi itti gaafatamaa  biiroo pireeezidantii naannichaa duraanii Amaanu’eel Asaffaatiin bakka buusee ture. Taateeen kuni paarticha gidduutti qooqqoodama jiru hammeesseera. Amaanu’eel barreessaa mana marichaa ta’uunis tajaajileera.

Qoqqoodamni uumame kuni hojiirra oolmaa Waliigaltee Piriitooriyaarrratti dhiibbaa uuma jechuun sodaa qaban ibsaa jiru. AS

Related Articles

Back to top button