DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Finfinneetti barattoonni musliimaa sababa uffannaa isaaniin ittifaman gara barnootaatti akka deebi’an majliisni gaafate

Finfinnee, Onkoloolessa 30/2024 – Magaalaa Finfinnee manneen barnoota tokko tokko keessatti barattoota musliimaa shamarranii irratti sababa uffannaa isaaniin “dhiibbaa fi dararaa amantaarratti xiyyeeffate” irratti gahaa jiraachuu Manni Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamaa Magaalaa Finfinnee ibse.

Manni marichi dhimma kana ilaalchisee xalayaa Biiroo Barnoota Magaalaa Finfinneetti ergeen, “dhiibbaan” barattoota musliimaa irratti gahaa jira jedhe kun torban lama lakkoofsisuu ibseera. 

Tibbana barattoonni musliimaa shamarranii niqaaba uffatanii mooraa mana barumsaa keessa akka hin seenne dhorkamuu fi sababa kanaan barattoonni hedduu torban lamaaf barnoota ala ta’uu isaanii dhimma ijoo miidiyaa hawaasaa ta’eera. 

Sana hordofee majliisni Finfinnee xalayaa barreesseen rakkoon kun erga uumame kaasee caasaan majliisa aanaalee fi kutaalee magaalaa manneen barnoota kanneen keessatti argaman jiru marii bal’aa taasisuun furmaata fiduuf yaalii taasisuu ibseera.

Haaluma kanaan waliigaltee manneen barnoota muraasa waliin irra gahameen barattoonni kunneen gara barnoota isaanitti akka deebi’an kan taasifame ta’uus, “guyyoota muraasa booda haala waliigalticha irraa baheen barattoonni haguuggii afaanillee akka hin godhanne dhorkamaniiru,” jedhe. 

Uffannaan barattoota musliimaa kanneen “qajeelfama naamusaa biiroon barnoota magaalichaa baase kan hin cabsine” ta’ee otoo jiruu, sababa hoggantoota tokko tokkoon barattoonni barnoota isaanirraa akka ittifaman taasifamuun barattoota irratti dhiibbaa xiin-sammuu uumuu ibseera.

Gochi kun “deeggarsa seeraa kamuu kan hin qabneefi hawaasa musliimaa fi mootummaa walitti buusuuf” kan yaadame ta’uu ibsuun, barattoonni mirgi isaanii eegamee gara barnoota isaanitti akka deebi’an gaafateera. 

Dhimma kana ilaalchisee biiroon barnoota magaalichaa hanga ammaa waan ifatti ibse hin jiru. AS

Related Articles

Back to top button