ODUUSIYAASA

Oduu: Finfinneetti sagaleen dhukaasaa miseensota WBO dhageessisaniif poolisiin dhiifama gaafate 

Finfinnee, Muddee 09/2024 – Finfinnee naannawaa tokko tokkotti sagaleen dhukaasaa kaleessa dhagahame kan miseensota Waraana Bilisummaa Oromoo waliigaltee araaraan booda gara giddugala leenjiitti imalaa turan ta’uu Komishiniin Poolisiin Magaalaa Finfinnee ibse.

Waliigaltee araaraa Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Ajajaa WBO Zoonii Giddu Galeessaa duraanii Sanyii Nagaasaa gidduu Muddee 01, 2024 mallattaa’e hordofee miseensonni WBO hidhannoo isaanii waliin gara giddugala leenjii haaromsaa qophaa’etti imalaa jiraachuu poolisiin beeksiseera.

Haaluma kanaan hidhattoonni kunneen wayita Finfinnee qaxxaamuruun gara leenjii giddugala imalan dhiichisaa miira gammachuun dhukaasni meeshaalee waraanaa dhageessisan jiraattoota magaalaa Finfinneetti rifaatuu uumuu poolisii magaalichaa ibseera.

Poolisiin rifaatuu uumameef dhiifama gaafachaa, yeroo itti aanu haalli akkasii akka hin mudanne of eeggannoo fi sirreeffamni kan taasifamu ta’uu waadaa galeera.

Taatee kana hordofee paartiin Izeemaa ibsa baaseen hidhattoonni gara giddugala leenjiitti imaluuf yeroo gara magaalaa seenan dhukaasa dhageessisuun isaanii “lammiilee nagaa irratti dhiibbaa xiin-sammuu kan geessisu ta’uu beekamee dhaabbachuu qaba” jedhe. 

Hidhattoonni kunneen dursa meeshaa waraanaa isaanii qaama nageenyaaf dabarsanii kennu akka qaban hubachiiseera. 

Paartichi poolisiin rifannaa uumameef lammiilee dhiifama gaafatus, sababa dhukaasa kanaan “lubbuun lammiilee nagaa darbuu dhagahamaa jira” jedheera. Kanaaf mootummaan dhimmicha qoratee ummataaf odeeffannoo ifa ta’e akka kennu, olaantummaa seeraa akka kabachiisu hubachiiseera.

Tibbana mootummaa waliin waliigaltee araaraa mallatteessanii kan galan qondaala Waraana Bilisummaa Oromoo duraanii Sanyii Nagaasaa ibsa Muddee 06 laataniin, waliigaltichi guyyoota lama booda hojiitti akka seenu ibsuun isaanii ni yaadatama. 

Marii mootummaa waliin taasifameen waliigaltee keeyyatoota 13 qabu mallatteeffamu eeruun, waliigalteen mootummaa waliin taasisanis “dhimmoota nageenyaafi hiree waraanaa irratti” akka xiyyeeffatu ibsaniiru. 

Gama mootummaa irraa qabiyyee waliigaltee Pirezidaantii Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa fi ajajaa WBO Zoonii Giddu Galeessaa duraanii Sanyii Nagaasaa gidduu Muddee 01, 2024 mallattaa’e hanga ammaatti ifa hin taane.

Waliigalticha tibbanaa hordofees Waraanni Bilisummaa Oromoo ibsa baaseen Sanyii Nagaasaan ji’oota dura “sababa naamusaan” garee kana keessaa ari’amuu eeruun, waliigalteen ammaa kunis “WBO kan ilaallatu miti” jechuu ni yaadatama. AS

Related Articles

Back to top button