DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: “Gaaffiin keenya deebii yoo hin arganne hawaasa musliimaa mariisisuun tarkaanfii fudhanna” - Majliisa Tigraay

Finfinnee, Amajjii 03/2025 – Manni Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa Tigraay dhimma barattoota musliimaa Naannoo Tigraay magaalaa Aksuumitti hijaaba uffatanii akka hin baranne dhorkaman irratti “gaaffiin keenya guyyaa sadi keessa yoo hin deebine hawaasa musliimaa waliin mari’achuun tarkaanfii ni fudhanna” jechuun hubachiise. 

Manni marichi ibsa har’a Amajjii 03, 2025 laateen “Ministeerri Barnootaa Federaalaa uffannaa barattoota muslimaa ilaalchisee seera baase akka kabajamu gaafanna” jedhe.

Majliisni naannichaa ibsa ejjennoo qabxii 11 baaseen dhorkiin hijaabaa kun mirga namoomaa lammiilee, heera mootummaa, akkasumas seerota ministeera barnootaa fi naannichaa kan cabse ta’uu eeruun, naannichi rakkoo siyaasaa hamaa keessa osoo jiruu rakkoo dabalataaf karaa kan saaqu akka ta’e ibseera. 

“Barattoota musliimaa sababa waraanaan waggaa sadiif barnoota irraa fagaatanii turan deeggaruun osoo barbaachisu sababa hijaaba eenyummaa isaanii calaqqisu uffataniif qofa barnootaa ala gochuun seeraan alaadha,” jechuun qeeqe. 

Dhimmi hijaabaa kun dhimma falmii fi garaagarummaa uumuu hin qabne ta’uu kan ibse manni marichi, barfachuu isaan dura hatattamaan murtii argachuu akka qabu ibse.

Hoggantoonni manneen barnootaa qajeelfama Ministeera Barnootaatiin ala hijaabaa fi barnoota dhorkuudhaan barattoota musliimaa irratti miidhaa dhuunfaa, xiinsammuu fi diinagdee geessisan seeratti akka dhiyaatan gaafateera.

“Dhimmichi guyyoota sadii keessatti yoo hin hiikamne tarkaanfii naga-qabeessa ummata keenya waliin mari’annee fudhannu ni beeksifna,” jedhe.

Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa ibsa Roobii darbe baaseen dhimma barattoota Musliimaa sababa hijaaba uffachuu isaaniitiin ji’a tokko oliif barnoota irraa dhorkaman ilaalchisee hanga ammaatti “furmaanni laatame tokkollee hin jiru” jedhee ture.

Manni marichi waajjiraaleen dhimma amantaa mootummaa naannoo fi federaalaa tarkaanfii hatattamaa akka fudhatan waamicha dhiyeesseera. 

“Namoota sarbama seeraa kanaaf itti gaafatamummaa qaban irratti tarkaanfiin seeraa fudhatamuu qaba,” jechuun kutaan seeraa isaa dhimmicha hordofuu akka itti fufu ibseera. AS

Related Articles

Back to top button