DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Gabaasni FAO-WFP Itoophiyaa biyyoota beelaan hubamuuf jiran keessatti ramade

Finfinnee, Adoolessa 19, 2024 – Gabaasni Dhaabbanni Nyaataafi Qonnaafi Sangantaan Nyaataa Addunyaa (FAO-WFP) waloon baasan Itoophiyaa biyyoota Afrikaa beelaan hubamuuf jiran keessatti ramade. Biyyattiin gaaga’ama hir’ina miidhaan nyaataa kan waraana, qaala’iinsa jireenyaafi balaa uumamaatiin walqabatuun hubamaa jirti jedhe.

Lammiileen miliyoona 13tti dhiyaatan ji’oota Adooleessaafi Fulbaana gidduutti gargaarsa miiidhaan nyaataa hatattamaa akka barbaadan gabaasichi eereera. Akkasumas, namoonni miliyoona afur ta’an buqqa’anii naannoolee Oormoiyaa, Somaalii, Tigraay keessatti argamaniidha.

Daa’immaa umriii shanii gadiifi haadholiin daa’ima hoosisan dhibee hir’ina miidhaan nyaataatiin saaxilamuun himameera. Lammiilee rakkatan kanneen gargaarsa miidhaanii dabalataa taasisuun rakkoo beelaa salphisuun barbaachisaa ta’uu ibsichi ifoomseera.

Guraandhala hanga Caaamsaatti dhiyeessi miidhaan nyaataa akka dabalataa kan omishamu ta’us naannoleen waqtii kanatti hin miidhaan hin omishne beelaaf kan saaxilaman ta’a. Naannolee kanneeniif gargaarsi miidhaan nyaataa daballataa barbaachisaa ta’a jedhame.

Raagni qilleensaa akka agarsiisetti, Caamsaa hanga Fulbaanaatti bokkaa cimaa roobu akka malu eeruun dhuma bara 2024 keessa omishni loonii gadi bu’uu akka danda’u ibameera.

Akka gabaasichaatti, qaala’iinsi miidhaan nyaataa rakkoo kana kan hammeessu yoo ta’u qaala’iinsa miidhaan nyaataa %22.7 fi qaala’iinsi waliigalaa %19.9 gaheera jedhame.

Dahaabbanni mallattoolee beelaa qoratu (FEWS NET) gabaasa baaseen, naannoleen Tigraayiifi kaababaha Amaaraa Caamsaa hanga fulbaanaatti beelaan kan saaxilaaman ta’uu ibsee ture. Lmmiileen miliyoona afur ta’an akka beela’an addeessee ture.

Naannoo Tigraay keessatti namoonni 400 beelaan du’uu aanga’oonni naannoo Tigraay Muddee 2023 beeksisanii ture.

Akkasumas, naannoo Amaaraa godina Waaghimiraatti ji’a Sadaasa 2023 keessa namoonni 20 beelaan darbuu fi loon 85,000 ol dhumuu aanga’oonni amananiiru. AS

Related Articles

Back to top button