SIYAASA

Oduu: Gaggeessitoonni Itoophiyaa fi Somaaliyaa Imirii Qaataarii waliin “dhimmoota naannawaa fi idil addunyaa irratti” bilbilaan mari’atan

Finfinnee, Waxabajii 13, 2024 – Marii bilbilaan Waxabajjiii 12, 2024  taasifameen MM Abiy Ahmad(PhD) fi Imiriin Qaataarii Amiir Sheek Tamiim Bin Hamad Al Thaanii akkaataa “tumsa waloo biyyoota lamaanii” ittiin cimsan irratti mari’ataniiru.

Gaggeessitoonni lameen dhimmoota ijoo naannoofi idiladdunyaa waloorratti maria’chuun gabaafameera.

Imiriiin Qaataarii kuni pireezidaaantii Somaaliyaa Hasan Sheek Muhaammud waliin dhimma tumsa waloo biyyoota lameeniirratti mari’achuun akkasuma dhagahameera.Gaggeessitoonni lameen dhimmoota keessoo Somaaliyaa keessaa, dhimma naannooffi idiladdunyaarratti mari’ataniiru jedhame.

Mariin Abiy Ahmadiifi Imiriin Qaataarii gaggeessan kuni kan raawwatame erga ministeerri faaynaansii Ahmad Shidee gara Qaataarii imaluun ergaa Abiy Ahmad Imirii Qaataarii biraa gahee guyyaa lama boodadha.

MM Abiyyiifi Imiriin Qaataarii kuni daawwannaa hojiitiif Bitootessa 2023 keessa akkasuma “dhimma waloorratti mari’achuuf” wal qunnamanii ture. AS

Related Articles

Back to top button