ODUUSIYAASA

Oduu: Gaggeessitoonni Somaaliyaa fi Eertiraa dhimma 'birmadummaa fi tokkummaa daangaa Somaaliyaa’ irratti mari'atan

Finfinnee, Onkoloolessa 10/2024 – Pirezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammadi fi Pirezidaantiin Eertiraa Isaayyaas Afawarqii kaleessa Asmaraatti walarguun dhimma hariiroo biyyoota lamaanii, akkasumas haala yeroo naannawaa fi idil-addunyaa irratti mari’achuu isaanii gabaafame. 

Ministirri Odeeffannoo Eertiraa Yamaana Gabramasqal fuula X isaanirratti akka ibsanitti, marii gaggeessitoota biyyoota lamaan keessatti “birmadummaa fi tokkummaa daangaa” Somaaliyaa  dhimma ijoo ta’ee ka’eera. 

Pireezidaant Hasan Sheek Mohaammad kaleessa Onkoloolessa 09, 2024 daawwannaa hojii guyyoota sadiif gara Asmaraa imalan. Ministira Dhimma Alaa Somaaliyaa Ahmad Mo’alim Fiqii dabalatee jilli Somaaliyaa wayita buufata xiyyaaraa idil addunyaa Asmaraa gahu Pirezidaantii Eertiraa Isaayyaas Afawarqiin simatameera.

Daawwannaan kunis Pirezidaant Hasan Sheek Mohaammad bara 2022 erga filatamanii booda imala gara Asmaraa taasisan torbaffaa isa taasisa.

Yamaanan akka jedhanitti, mariin kun keessumaa “birmadummaa fi tokkummaa daangaa” Somaaliyaa cimsuu irratti xiyyeeffachuun haala tumsa biyyoota lamaanii cimsuun danda’amu bal’inaan kaaseera. 

Gaggeessitoonni kunneenis “sirna ittisaa fi nageenyaa cimaa hojiirra oolchuu” dabalatee “dhaabbilee ciccimoo fi birmadummaa qaban” ijaaruun barbaachisaa ta’uu cimsanii dubbataniiru.

Mariin kun kan gaggeeffame waliigaltee wal-hubannaa ulaa galaanaa Itoophiyaa fi Somaalilaand gidduu mallatteeffame hordofee Gaanfa Afrikaatti muddamni yeroo dabalaa dhufeettidha. 

Leenjii Eertiraan Waraana Biyyaalessaa Somaaliyaaf kennaa jirtu kan kaasan gaggeessitoonni biyyoota lamaan, ijaarsa biyyaa Somaaliyaa deeggaruuf tumsa isaanii babal’isuuf waliigalaniiru. AS

Related Articles

Back to top button