DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Gamtaan Awurooppaa duula weerara Koleeraatiif miliyoona €1 ramaduu ibse

Finfinnee, Caamsaa 13, 2024 – Gamtaan Awurooppaa maallaqa gargaarsa namoomaa hatattamaa weerara Koleeraa too’achuuf godhamuuf oolu doolaara miliyoona tokko ramaduu beeksise.

Hagayya 2022 kaasee weerara mul’ateen namoonni 44,044 kooleeraan qabamuun lubbuun namoota 571 darbuu gamtichi ibseera.

Bitootessa 2023 kaasee immoo saffisaa guddaadhaan dabaluu eegaluun namoonni 2,276 dhibichaan faalamuun lubbuun namoota 50 yoo darbu lammiileen miliyoona 3.3 ta’an dhibichaaf saaxilamanii argamu.

Gabaasni caamsaa 2023 keessa bahe akka mul’isetti, namoonni 6,200 naannolee 54 mudachuun namoota 94 ajjeesuun miliyoona torba balaaf saaxileera.

Jalqaba Hagayya 2023 weerarri kuni babal’achuun 16,800 ta’an faalamuun lubbuun 370 naannoolee Oromiyaa, Sidaamaafi Somaaliyaatti darbeera.

Guraandhala bara kanaa keessa Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) Finfinnee, Dirree Dawaa, Affar, Amaaraa, Giddugaleessa Itoophiyaa, Oromiyaa, Sidaamaafi kibbalixa Itoophiyaatti buufataalee too’annoo Koleeraa 17 ijaaruu ibseera.

Ji’a Eblaatii kaasee torbanitti namoonni 600 ol dhukkubichaan qabamaa jiru. “Weerara kana ittisuun sababoota hongeefi rooba waqtii malee kan weerarichi akka hammaatu taasisuutiin danqameera.”

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Gargaarsi hatattamaa Gamtaan Awurooppaa laatu dhaabbileen gargaarsa namoomaa tajaajila bishaan, qulqullinaafi fayyaa babal’isuun duula ittisa dhibee kanaa hambisuuf kan oolu ta’a jedhame.

Gamtaan Awurooppaa miliyoona €1 gargaarsa ittisa Koleeraatiif oolu ji’a Sadaasa 2023 keessa ramadee ture. AS

Related Articles

Back to top button