ODUUSEERA FI HAQA

Oduu: Gamtaan Awurooppaa “falmattoota mirga namoomaa mana hidhaa jiran” dabalatee qaamolee saddeetiif badhaasa kenne

Finfinnee, Caamsaa 31/2024 – Gamtaan Awurooppaa kaleessa Caamsaa 30, 2024 Finfinneetti falmattoota mirga namoomaa manneen hidhaa biyyattii garagaraa keessatti argaman dabalatee dhaabbata fi namoota dhuunfaa saddeetiif Badhaasa Mirga Namoomaa Shuman (EU Schuman Human Rights Award) kenne. 

Sagantaa badhaasa fi beekamtii kennuu mooraa waajjira Gamtaa Awurooppaa Finfinneetti argamu keessa gaggeeffame kana irratti Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Gamtaa Awurooppaa Roolaand Koobiyaa dabalatee bakka bu’oonni biyyoota gamtichaa argamaniiru. 

Gamtichi namoota dhuunfaa jaha biyyattii keessatti mirgoonni namoomaa akka kabajamaniif dhiibbaa gochuu fi warreen sagalee hin qabneef sagalee ta’uurratti hojii fakkeenyummaa qabu hojjetan jedhe kan badhaase yoo ta’u, isaan keessaas Komishinarri Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa Daani’eel Baqqalaa (PhD) ni argamu. 

Namoonni badhaafaman kunneen; Komishinar Daani’eel Baqqalaa (PhD), Daayirektara Giddugala Falmattoota Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa Yaareed H/maariyaam, Dura teessuu Waldaa Dubartoota Hormuud kan taate Gaarii Ismaa’el Yusuuf, hundeessaa Liigii Mirgoota Namoomaa Gaanfa Afrikaa Geetuu Saaqqataa, Dura taa’aa dhaabbata ‘Quum La’akaabaabii’ Malkaamuu Ogaa fi hundeessaa giddugala aadaa Fandiqaa Malaakuu Balaay ta’uu ibsameera.

Dabalataan Waldaa Ogeessota Seeraa Dubartoota Itoophiyaa akka dhaabbataatti waggoota soddoman darbaniif mirgi dubartootaa akka kabajamuuf gumaacha taasiseef beekamtii kan laatameef yoo ta’u, “falmattoota mirga namoomaa mana hidhaa jiran” bakka isaan hin argamnetti waloodhaan beekamtiin laatameera. 

Badhaasni “falmattoota mirga namoomaa manneen hidhaa adda addaa keessa jiraniif” jedhamee laatame kun waajjira gamtichaa Finfinneetti argamu keessa bakka ifatti mul’atutti akka kaawwamu ibsameera. 

Ambaasaaddarri gamtichaa Roolaand Koobiyaa sirna badhaasa kanarratti haasawa taasisaniin, badhaasni kun Itoophiyaatti yeroo jalqabaatiif kan kenname ta’uu ibsuun, waggoota dhufan keessatti waggaa waggaan akka laatamu abdii qaban ibsaniiru.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Gamtichi kabaja mirga namoomaaf xiyyeeffannoo akka kennu kan eeran ambaasaaddarichi, waliigalteewwan daldalaa gamtichi biyyoota adda addaa waliin taasisus kabaja mirga namoomaa ilaalcha keessa kan galche ta’uu ibsaniiru.  mirga. Mirgoonni namoomaa kabajuun hariiroo daldalaa gamtichaaf ulaagaalee barbaachisan keessaa tokko ta’uu dubbatan. AS

Related Articles

Back to top button