Oduu: Gamtaan Awurooppaa namoota kirkira lafaatiin hubamaniif gargaarsa €200,000 ramade

Finfinnee, Guraandhala 12, 2025 – Gamtaan Awurooppaa (EU) hawaasa kirkira lafaatiin tibbana naannoo Affaar, Amaaraafi Oromiyaa keessatti mudateen miidhamaniif gargaarsa namoomaa Yuuroo 200,000 ramaduu beeksise.
Gamtaan Awurooppaa ibsa Guraandhala 11, 2025 baaseen, maallaqni kun duula Waldaan Fannoo Diimaa Itoophiyaatti taasisaa jiru maallaqa, bishaan qulqulluu, mooraa boqonnaa(dahoo), eegumsa fayyaa, tajaajila qulqullinaafi fayyaa hatattamaa dabalatee gargaarsa barbaachisaa ta’e kennuuf akka gargaaru ibseera.
Pirojektiin ji’oota afuriif turu kun hanga dhuma Caamsaa 2025tti kan adeemsifamu yoo ta’u, namoota naannolee miidhaa cimaan irra gahe keessatti argaman 10,000 ta’an fayyadamoo taasisuu kan kaayyeffateedha. Maallaqni kun gumaacha Gamtaan Awurooppaa Fandii Deebii Balaa Hatattamaa (DREF) Federeeshinii Waldaalee Fannoo Diimaa fi Baatii Diimaa Idil-addunyaatiif taasisu keessatti kan ramadamuudha.
Sochiin kirkira lafaa tibbana naannoo Amaaraa godina Shawaa Kaabaa kan naannoo Affaar waliin wal daangessu jiraattota tilmaamaan kuma 10 ta’an irratti dhiibbaa geessisuu isaa gabaasni ni mul’isa. Kunis Affaaritti namoonni 55,000 balaa kanaan miidhamaniifi Oromiyaa keessatti 30,000 miidhaman dabalatee, waliigalatti lakkoofsi namonni saaxilaamanii gara 100,000 ta’u.
Gargaarsi Gamtaan Awurooppaa taasise kuni yeroo murteessaa ta’etti kan taasifame yoo ta’u, namoonni dhuunfaa buqqa’an mooraa dhiphaa namoota hedduun guutame, rakkoo nyaataa, bishaaniifi tajaajila barbaachisaa ta’e argachuun isaanii daangeffame keessattiidha. Akka gabaasni dhiheenya kana Addis Standard baaseetti, namoonni kirkira lafaa kanaan miidhaman gargaarsi mootummaafi dhaabbilee gargaarsa namoomaa “gahaa miti” jechuun ibsaniiru. AS