ODUUSIYAASA

Oduu: ‘Garaagarummaan siyaasaa uumame gara rakkoo nageenyaatti akka hin jijjiiramne hojjechaa jirra’ - Lt. Janaraal Taaddasaa Warrada

Finfinnee, Hagayya 21/2024 – Pireezidaantii Itti aanaa Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay fi hogganaa damee nageenyaa naannichaa Letanaal Janaraal Taaddasaa Warrada haala nageenya naannichaa ilaalchisee ibsa har’a Hagayya 21, 2024 laataniin, “garaagarummaan siyaasaa naannicha keessa uumame gara rakkoo nageenyaatti akka hin jijjiiramne” xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru ibsan.

Magaalaa guddoo naannichaa Maqaleetti waltajjiiwwan gurguddoo siyaasaa dabalatee dhimmoota biroo irratti xiyyeeffatan rakkoo nageenyaa tokko malee gaggeeffamanii xumuramuu eeruun, “Ashandaa dabalatee ayyaanonni dhufan kutaalee naannichaa hunda keessatti nagaan akka gaggeeffaman qophii gooneerra” jedhan. 

“Rakkoon nageenya naannichaa booressu hin jiraatu” kan jedhan Lt. Janaraal Taaddasaa, itti dabaluun garaagarummaan siyaasaa uumame “akkamitti furuun gara carraa gaariitti akka jijjiirru irratti xiyyeeffannee hojjechaa jirra,” jechuun ibsan. 

Kana malees, hoggantoonni garaagarummaan gidduu isaanii uumame ”laphee isaanii bal’isanii garaagarummaa isaanii toftaa siyaasaan akka furan” waamicha dhiyeessaniiru.

“Humni nageenyaa naannichaa walaba ta’ee nageenya ummataa eegsisuuf ni dhaabbata. Humni nageenyaa hojii siyaasaaf, siyaasni ammoo hojii nageenyaaf haala mijataa uumuu qabu” jedhan.

Siyaasni Tigraay “giddu seentummaa qaama alaarra bilisa ta’ee dhalattoonni Tigraay qofa akka keessa hirmaatan” taasisuuf hojjetamaa akka jiru kan ibsan Lt. Janaraal Taaddasaan, uummatni Tigraay rakkoo dabalataaf akka hin saaxilamne humni nageenya naannichaa tattaaffii taasisaa akka jiru dubbataniiru.

“Galmi kun akka milkaa’uuf tumsi humnoota Tigraay keessa socho’an hundaatu ​​jira, itti fufuu qabas,” jedhan.

Dhimmi ijoo kan biraa Lt. Janaraalichi kaasan ammoo adeemsa buqqaatota gara qe’ee isaanitti deebisuudha. Gama kanaan, hanqinaalee jiran guutuu keessatti gahee Raayyaan Ittisa Biyyaa irraa eegamu olaanaa ta’uu ibsaniiru. 

Hoggansa Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (TPLF) Dabratsiyoon G/mikaa’eliin durfamuufi garee Pireezidaantii Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay Geetaachoo Raddaan durfamu gidduu qoqoodiinsa uumame dhimma ijoo tibbanaa ta’eera.

TPLF Boordii Filannoo Biyyaalessaa irraa beekamtii osoo hin argatiin kora 14ffaa tibbana gaggeesseen Dabratsiyoon G/mikaa’eliin irra deebiin dura taa’aa gochuun filateera. Kana malees, dura taa’aa itti aanaa dhaabichaa kan turan Geetaachoo Raddaa itti gaafatamummaa paartii irraa kaasuun bakka isaanii Amaanu’eel Asaffaa dura taa’aa itti aanaa gochuun filateera.

Gareen Geetaachoo Raddaan durfamu yaa’ii dhuunfaatti gaggeesse hordofee ibsa baaseen, kora TPLF 14ffaa hoggansa dura taa’aa dhaabichaa Dabratsiyoon G/Mikaa’eliin gaggeeffamaa jiru murteewwan dabarsu kamuu “fudhatama hin qabu” jedheera. AS

Related Articles

Back to top button