Oduu: Gargaarsi Ameerikaan Itoophiyaaf taasistu dhaabachuun fayyadamtoota sagantaa farra HIV 270,000 ol akka miidhuu UNAIDS ibse

Finfinnee, Guraandhala 06, 2025 – Ameerikaan gargaarsa namoomaa Itoophiyaaf taasiftu addaan kutuun lubbuu fayyadamtoota sagantaa farra HIV 270,000 ol ta’an naannolee Oromiyaa, Gaambeellaafi magaala Finfinneetti argaman rakkoorra akka buusuu Sagantaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii AIDS irratti hojjatu (UNAIDS) jedhamu ifoomseera.
UNAIDS ibsa Guraandhala 05, 2025 baaseen, gargaarsi Ameerikaan taasiftu addaan cituun fayyadamtoota dhalaa, dubartootaafi miidhamtoota HIV hedduu rakkoo keessa akka galchu ibseera. Tajaajilli kunneen qorannoo HIV, waldhaansa farra vaayrasii, qorannoo TB fi dhibee saal-qunnamtiin darbaniifi miidhaa koornayaa addaan cituu akka danda’u eerameera.
Gidduugalli tajaajilaa cufamuu, waliigalteen hojjattootaafi tajaajilli uumtoota hubannoo addaan cituun gargaarsa saaxilamtootaaf taasifamu akka addaan citu taasisa jedhameera.
Adda cituun tajaajila Finfinnee, Oromiyaafi Gaambeellaa keessatti sababa “addaan cituu” isaatiin gareewwan baay’ee miidhaman keessaa tokko kan fayyadamtoota 235,560 “kana booda kondoomii akka hin arganne” taasifaman faalama HIV haaraa fi dhukkuba walqunnamtii saalaatiin daddarban ittisuuf gargaaran of keessaa qaba.
Gareen dabalataa murtee kanaan miidhame, walumaa galatti namoota 18,075, kana booda tajaajila fayyaa fi kunuunsaaf deeggarsa hin argatan.
Kana malees, namoonni 2,385 ta’an wal’aansa ittisa vaayirasii, yaalii TB fi dhibee saalqunnamtiin daddarbanii akka hin arganne ibsameera.
Murteen pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp dabarsan dhaabbilee gargaarsa namoomaa kan akka UNAIDS rakkoo keessa galcheera.
Maallaqa gargaarsa biyya alaa guyyoota 90f addaan akka citu Pireezidaanti Tiraamp Guraandhala 20, 2025 ajajuu hordofee Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa hojjattoonni hojii akka dhaabaniifi “gargaarsaa fi waliigalteewwan turaniif, baasiin gargaarsa biyya alaa haaraa hatattamaan akka dhaabbatu” dhoorkeera.
Ministirri Dhimma Alaa Maarkoo Ruubiyoon yeroo gamaaggama gargaarsa alaa guyyoota 90 keessatti “sagantaalee gargaarsa namoomaa lubbuu baraaran” akka itti fufan eeyyamuun ajaja dabarsee ture.
Haa ta’u malee, ajaja hojii dhaabuu darbe Kanaan sirni fayyaa Itoophiyaa daran hubamuu fi hojjattoonni odeeffannoo galmmeessan 10,000 ta’an hojii dhaabuun haalicha hammeessuu UNAIDS ibseera. Taateen kuni keessumaa qabiyyee odeeffannoo fayyadamtootaa daran hubeera jedhe. Murteen kuni tattaaffii Itoophiyaan sirna fayyaa guddisuuf taasiftu huba jedhameera.
“Leenjiifi gargaaraa ogeeyyii fayyaatiif laatamu hubuun adeemsa Itoophiyaan HIV ittisuuf taasisftu duubatti harkisa,” UNAIDS jedheera. Ogeeyyiin fayyaa ittisa HIVtiif duula barbaachisu akka hin taasifne dhoorkas jedhameera.
Gargaarsi USAID addaan cituu hordofee Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa, ibsa Amajjii 31, 2025 baaseen, kaffaltiin hojjattoota USAID akka dhaabbatu biiroolee naannootiif ajaja dabarsuunsaa ni yaadatama.
Murteen kuni hojjattoonni dhaabbilee agargaarsa Ameerikaatiin qacaraman 5,000 ta’an hojii malee akka hafan akka taasisu gabaasoleeen ni agarsiisu.
Murteen gargaarsa addaan kutuu mootummaan Ameerikaa dabarse kuni “harkifannaa rifaasisaa” tajaaila HIV addaaan kutuu qaqqabsiisuu UNAIDS ibseera.
Karoorri Hatattamaa Pirezidaantichaa Gargaarsa Eedsii (PEPFAR) bittaa ri’ajantoota fe’umsa vaayirasii fi Daa’immanii Dafanii wal’aanuu (EID) %100f itti gaafatamummaa akka qabu, ibsuun gargaarsi addaan cituun dhiyeessii murteessaa kana kan daangeessu ta’uu himeera.
Akka UNAIDS ibsutti yeroo ammaa Itoophiyaatti namoota kuma 503f karaa dhaabbilee fayyaa 1,400 guutuu biyyattiitti wal’aansi farra vaayirasii kennamaa jira. Kana malees, sababoota akka sirna fayyaafi misooma dinagdee gadiaanaatiin Itoophiyaan ittisa HIVtiif biyya gargaarsa alaarratti hundoofte ta’uu ibsameera.
Saganataa PEPFAR gargaarsaa Pireezidaantii Ameerikaa duranii Joorjii Dabliiyuu Buushiin bara 2003 keessa eegalame yoo ta’ua hanag ammaattti gargaarsa Doolaara biliyoona sadii Itoophiyaaf taasisuu Imbaasiin Ameerikaa Finfinneetti argamu ifoomseera. Namoonni miliyoona 2.7 ta’an qorannaa HIV taasifachuufi ijoollee maatii hin qabne 349,000, daa’imman saaaxilamoofi guddiftoota isaaniitiif karaa sagantaa kanaatiin tajaajilli gorsaa kennamuun eerameera.
Kana malees, gargaarsa, waldhaansa farra vaayirasii dhiirota, dubartootaafi daa’imman 450,000 oliif taasifamu imbaasichi ifoomseera. Tajaajjilli kun buufataalee fayyaa biyyattii keessatti argaman 1,000 (98%) ta’an keessatti kennamaa turuun eerameera. AS