DHIMMA HAWAASAAODUU
Trending

Oduu: Gargaarsi USAID addaan cituun hojjettoota dhaabbilee siivilii hedduu irratti yaaddoo hojii dhabuu uumuu manni marichi ibse

Yisaaq Indiriis @Yishak_Endris

Finfinnee, Guraandhala 07/2025 – Dhaabbatni Gargaarsa Idil addunyaa Ameerikaa (USAID) deeggarsa kennu hatattamaan addaan kutuu hordofee hojjettoonni dhaabbilee siivilii hedduun yaaddoo hojii dhabuu akka saaxilaman Manni Maree Dhaabbilee Siivilii Itoophiyaa beeksise. Mootummaan yaalii dippilomaasii akka taasisu gaafateera.

Pireezidaantiin Mana Maree Dhaabbilee Hawaasa Siivilii Itoophiyaa Obbo Ahmad Huseen turtii Addis Standard waliin taasisaniin akka jedhanitti, yeroo ammaa kana walumaagalatti dhaabbileen siivilii kuma 5 fi 300 ta’an Abbaa Taayitaa Dhaabbilee Siivilii Itoophiyaa jalatti galmaa’aniiru.

“Isaan keessaa muraasni gargaarsa USAID irraa argatu. Kaan immoo Imbaasii, dhaabbilee idil-addunyaa garagaraa irra deeggarsa argatu. Dhaabbileen irra caalaa fi guutummaatti USAID irraa maallaqaan gargaaramanis jiru. Isaan kunniin haala hamaadhaan miidhamuu danda’u,” jedhan.

Itti dabaluudhaanis, “gargaarsi kun tasa osoo hin beeksisin dhaabbachuun dhaabbilee hawaasa siivilii qofa osoo hin taane, hawaasa isaan tajaajilan irrattis dhiiibbaa guddaa qaba,” jedhan.

Hojjettoonni dhaabbilee kanneen waliin waliigaltee waggaa sadii fi afuriin hojjechaa kan turan ta’uufi amma garuu gargaarsi USAID addaan cituu hordofee ji’a dhufu irraa eegalee mindaan hojjettootaaf kaffalamu jiraachuu dhabuu akka danda’uu fi adeemsi waliigaltee addaan cituu akka eegaluu hubachiisaniiru.

Ragaa lakkoofsaa ilaalchisee, dhaabbileen yeroo ammaa adeemsa kanaan miidhaman meeqa akka ta’e odeeffannoo qabatamaa kennuudhaaf dhaabbileen hundi pirojektii akkamii irratti hojjechaa akka turan, maallaqni hangamii pirojektichaaf akka ramadame, kutaalee hawaasaa meeqa fayyadaa akka turan, pirojektoota meeqa irratti hojjechaa akka turan beekuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru.

Walumagalaatti sababa kanaan miidhaa dhufuu danda’uu fi miidhaa sana irratti maal raawwatamuu akka qabu irratti xixineen sanada dhiyaatee marii gaggeessuuf yaadamaa jiraachuus ibsan.

“Kun mataan isaa waan baay’ee nu barsiisa” kan jedhan pirezidaantichi, itti dabaluudhaan “qabeenya nuuf kenname qabna, waraanaa fi waldhabdee irraa fagaannee gara misoomaatti ce’uu qabna” jedhan.

“Haalli yeroo dhaabbanni tokko maallaqa siif kennu qofa hojjetaa, yeroo deeggarsi sun dhaabbatu hojii dhaabu kun dhaabbachuu qaba. Qajeelfama kanas bu’uura marii gochuun barbaachisaa dha,” jedhan.

Namuu haala dhaabbata isaa irraa muuxannoo argate irratti hundaa’uun yaada adda addaa dhiyeessuufi mariidhaan gabbifachuun, rakkoo amma jiruuf qofa osoo hin taane walumaa galatti hojii hojjetamaa jiruuf furmaata waaraa kennuu akka qabu hubachiisaniiru.

Akkasumas sadarkaa aanaa, godina, naannoo, fi federaalaatti pirojektoonni hedduun dhaabbilee siiviliin hojjetamaa akka turan yaadachisuun, pirojektoonni kunneen qaama karoora misooma mootummaa ta’uu ibsaniiru.

Keessumaa tajaajilli lubbuu baraaruu hatattamaa kennamaa ture akeekkachisa tokko malee  addaan cituu kasuun, mootummaan ragaa barbaachisu irratti hundaa’uun hojii dippilomaasii akka gaggeessu waamicha dhiyeessaniiru.

Dhimma kana irratti yaada isaa Addis Standard’f kan kennan hoji gaggeessaan dhaabbata siivilii maqaan isaanii fi maqaan dhaabbata isaan gaggeessan akka hin eeramne gaafatan tokko, gargaarsi fi deeggarsi Dhaabbata Gargaarsa Ameerikaa (USAID) kennu hatattamaan addaan cituu hordofee rakkoowwan hedduun uumamuu akka danda’an himaniiru.

”Keessattuu hojiin baraarsaa hatattamaa gaaffii keessa jira,” kan jedhan hoji gaggeessaan kun, yeroo ammaa kana dhaabbanni isaanii miidhaa mudachuu malu irratti odeeffannoo walitti qabaa jiraachuu himan.

Kana malees, dhaabbileen kunneen hojjattoota isaaniif mindaa kaffaluu fi pirojektoota itti fufsiisuuf maallaqa waan hin qabaanneef qormaanni mudatu guddaa ta’u ibsaniiru.

Abbaan Taayitaa Dhaabbilee Siivilii Itoophiyaa gama isaatin ibsa Guraandhala 5, 2025 baaseen, murtee dhiheenya kana Dhaabbata Gargaarsa Ameerikaa (USAID) gargaarsa dhaabuuf murteesse itti dhiyeenyaan hordofaa akka jiru ibseera.

Murtii kana hordofuun dhaabbilee siivilii hayyama abbaa taayitichaa malee qabeenya dabarsuu, gatuu ykn gurguruun, ykn qabeenyaa fi maallaqa qaama sadaffaaf dabarsuunis karaa kamiinuu hojii pirojektii idileetiin walqabatu irraa kan dhorkame ta’uu cimsee hubachiiseera.

Ministeerri Fayyaas deeggarsa baajata hojii ykn kaffaltii dhaabbilee CDC ykn USAID irraa argamu hundi Amajjii 24, 2025 irraa eegalee akka adda citu mootummaa Ameerikaa irraa beeksisa isa qaqqabuu isaa beeksiseera.

Xalayaan Ministeera Fayyaa waajjiraalee fayyaa naannoo hundaaf raabsame irratti, “hojjettoota deeggarsa Ministeera Fayyaatiin qacaramanii fi kanneen waliigaltee waajjirri keessan CDC ykn USAID waliin taasiseen qacaramanii irratti hojiirra akka oolchitan isin gaafanna” jedha.

Manni Maree Dhaabbilee Siivilii Itoophiyaa ibsa kaleessa Guraandhala 06, 2025 baaseen, pirojektoonni USAID akka addunyaatti tibbana addaan cituun hojii dhaabbilee hawaasa Itoophiyaa keessatti socho’an irratti dhiibbaa hamaa geessisaa akka jiru ibseera.

Manni marichaa ibsa isaatiin, USAIDn dhaabbilee siivilii gargaarsa misoomaa fi namoomaa Itoophiyaa hedduu waliin hojjechuun madda deeggarsa guddaa ta’uu ibsuun, akka tasaa addaan cituun kun garuu dhaabbilee kanneenii fi hawaasa isaan tajaajilan irratti dhiibbaa hamaa fiduu akka danda’u ibseera.

Manni marichi waldaalee hawaasa Itoophiyaa bakka bu’uun, dhaabbilee hawaasa sababa kanaan miidhamanii dhiibbaa irra gahe hirdhisuuf madda maallaqaa kan biraa fi mala deeggarsa dabalatee mala dandamachuu qorachuuf garee addaa hundeessee jira.

Furmaata waaraa argachuuf marii gaggeessuuf qophaa’aa akka jirus akeekeera.

Dhaabbileen siivilii ciminaan akka hojjetaniifi keessumaa hojii lubbuu baraaruu keessatti  gargaarsa faayinaansii argachuuf filannoogaragaraa akka fayyadamanis gaafateera. AS

Related Articles

Back to top button