DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Gatiin imala Hajjii baranaa 90% dabaleera; Kunis daballii gatii sharafa alaan akka walqabatu manni marichi ibse

Finfinnee, Guraandhala 12/2025 – Manni Maree Waliigalaa Dhimma Islaamummaa Itoophiyaa daballii gatii imala hajjii kan baranaa irratti taasifame sababa gatiin sharafa alaa garmalee dabaluu isaatin kan uumame ta’uu beeksise.

Manni marichi kaffaltii imala gara hajjiitti taasifamu birrii 625,000 akka ta’u kan kaa’e yoo ta’u, bara darbee waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu  %90 ol guddachuun daballi olaanaa agarsiiseera.  

Hoggantoonni mana marichaa ibsa Guraandhala 11, 2025 kennaniin, bara darbee Hajjii raawwachuuf baasii birrii 329,000 akka ture kaasaniiru. Haa ta’u malee bara kana gara birrii kuma 625tti ol guddachuu ibsan. 

Kunis maallaqni biyya keessaa doolaara Ameerikaa waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu gadi bu’uu isaa daballii gatii akka taasifamuuf sababa ta’uu himan.

Pireezidaantii Itti Aanaa Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamaa Itoophiyaa fi Itti gaafatamaa Damee Hajjii fi Umraa Sheek Abdulaziiz Sheek Abdulwaliin akka jedhanitti, gatii Hajjii murteessuuf yeroon baay’ee akka fudhatee fi haala qabatamaa biyya keessaa fi biyya alaa erga qoratame booda kan murtaa’e ta’uu ibsaniiru.

Sheek Abdulaziiz itti dabaluudhaan, manni marichi kaffaltiin imala hajjii dandeettii ummanni kaffaluu waliin akka walsimuuf carraaqqii guddaa kan godhe ta’us, humni bittaa qarshii Itoophiyaa laafaa ta’uu fi meeshaaleen hundi maallaqa biyya alaatiin ta’uun isaanii kaffaltiin kun akka dabalu taasisuu ibsan.

“Manni marichaa baasii imala Hajjii dandeettii maallaqaa ummata waliin walsimsiisuuf carraaqqii cimaa taasisus, gatiin maallaqa Itoophiyaa gadi bu’uu fi kaffaltiin tajaajilaa hundi maallaqa biyya alaatiin kaffalamuun isaa baasii ol’aanaa kanaaf gumaacheera” jechuun ibsaniiru.

Haata’u malee, “kaffaltiin kun dhaabbilee tajaajila kennitoota biroo wajjiin wal bira qabamee yoo ilaalamu gadi aanaadha” jechuun himan. Itti dabaluunis kaffaltii Hajjii irratti jijjiiramni dabalataa akka hin jirre ibsuun, hujjaajonni fedhii qaban hatattamaan akka galmaa’an dhaamaniiru.

Akka gabaasa miidiyaaleetti Hajjii raawwachuuf bara kana doolaara 4,921 kan barbaachisu yoo ta’u, bara darbe garuu doolaara 5,076 ture. Kunis doolaara 155 hir’achuu agarsiisa. Haa ta’u malee, mootummaan Itoophiyaa dhuma ji’a Adoolesa 2024 sirna sharafa maallaqa biyya alaa gabaa irratti hundaa’etti akka jijjiramu murteesse waliin walqabatee gatiin maallaqa biyya keessaa gadi bu’uun maallaqni imala Hajjii kun birrii Itoophiyaatin akka dabalu taasiseera.

Kunis doolaara tokkoof birrii 57 irraa gara sadarkaa amma jiru doolaara tokkoof birrii 125tti dabaleera. Hir’inni gatii imala hajii dolaaraan jiru kun yeroo maallaqa biyya keessaatiin shallagamu baasii Hajjii akka dabalu gumaacha taasisuu ibsameera.

Waggaa darbe Musliimoonni miliyoona 1.83 ol ta’an Sa’uudii Arabiyaa magaalaa Makkaatti Hajjii kan raawwatan yoo ta’u, bara kana Hajjiin Waxabajjii 04 hanga 09, 2025 gidduutti ni raawwatama jedhame eegama.

Akka manni marichaa jedhutti Itoophiyaan imala hajjii kanaaf bakka 43,000 argatuudhaan biyyoota Afrikaa keessaa imaltoota Hajjii olaanaa galmeessisan keessaa tokko yoo taatu, kunis Naayijeeriyaatti aanuun sadarkaa lammaffaa irra jirti. AS

Related Articles

Back to top button