ODUUSIYAASA

Oduu: Geetaachoo Raddaan caasaaleen bulchiinsa naannoo Tigraay “eeyyama malee” walgahii akka hin gaggeessine ajaja dabarsan 

Finfinnee, Hagayya 21/2024 – Pireezidaantiin Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay Geetaachoo Raddaa qajeelfama bulchiinsota godinaafi aanaa naannicha keessa jiraniif dabarsaniin “walgahii gaggeessuu kan danda’amu beekamtii pirezidaantii bulchiinsa yeroo naannichaa qofaan” akka ta’e beeksisan.

Pireezidaantichi xalayaa bulchiinsa godina fi aanaa hundaaf barreessaniin, bulchiinsi yeroo naannichaa dhimmoota ijoo yeroo hafe keessatti raawwachuu qabu akka jiran ibsuun, hayyama pireezidaantichaa malee Tigraay keessatti walgahii gaggeessuun dhorkaa ta’uu eeraniiru.

Bulchiinsi yeroo naannichaa “ganna kana eegalee hanga bara dhufutti lafa naannichaa hin deebifamneefi jiraattoonni gara qe’ee isaanitti akka deebi’an taasisuu, nageenya mirkaneessuu, hojiilee deebisanii ijaaruu raawwachuuf qophiirra jira,” jedhan. 

Dabalataan, “sagantaalee ganna kana raawwannu keessaa ittisa fi wal’aansa weerara koleeraa, lammiilee buqqa’anii deebisuu fi tokkummaa daangaa naannichaa eegsisu, baajata cufuu fi kan itti aanu raggaasisuu, fi hojiilee mootummaa jiru,” jedhan.  

“Sagantaalee kana cinaatti dhiisanii walgahiin gaggeeffamu bulchiinsa yeroo naannichaa kan miidhu waan ta’eef, walgahiin qindoomina hin qabne gaggeeffamuu akka hin qabne yaadachiisaa, gaggeessuuf yoo yaadamellee pireezidaantii naannichaa beeksisuun qofa ta’uu qaba.”

Qajeelfama kana ala walgahiin waamamu hunda fudhatama akka hin qabne kan eeran pireezidaantichi, hordoffii fi to’annoo cimaa akka taasifamu hubachiisaniiru. 

Hoggansa Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (TPLF) fi garee Pireezidaantii Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay Geetaachoo Raddaan durfamu gidduu qoqoodiinsa uumamuu dhimma ijoo naannichaa ta’uu ni beekama. 

TPLF Boordii Filannoo Biyyaalessaa irraa beekamtii osoo hin argatiin kora 14ffaa tibbana gaggeesseen Dabratsiyoon G/mikaa’eliin irra deebiin dura taa’aa gochuun filateera. Kana malees, dura taa’aa itti aanaa dhaabichaa kan turan Geetaachoo Raddaa itti gaafatamummaa paartii irraa kaasuun bakka isaanii Amaanu’eel Asaffaa dura taa’aa itti aanaa gochuun filateera.

Gareen Geetaachoo Raddaan durfamu yaa’ii dhuunfaatti gaggeesse hordofee ibsa baaseen, kora TPLF 14ffaa hoggansa dura taa’aa dhaabichaa Dabratsiyoon G/Mikaa’eliin gaggeeffamaa jiru murteewwan dabarsu kamuu “fudhatama hin qabu” jedheera. AS

Related Articles

Back to top button