ODUUSIYAASA

Oduu: "Gochaan hojii bulchiinsa yeroo danquu gara sadarkaa hammaataatti ce'e" - Geetaachoo Raddaa

Finfinnee, Sadaasa 25, 2024 – Gochaan hojiilee misoomaa Bulchiinsi Yeroo Tigraay raawwachaa jiru danquu gara sadarkaa yaaddeessaatti darbaa jiraachuu pireezidaantiin bulchiinsi yeroo Geetaachooo Raddaa himan.

Pireezidaantichi ibsa Sadaasa 15, 2017 ALI miidiyaaf laateen, “Siyaasni Tigraay rakkoo kana caalutti galaa jira,” jedheera.

Gochaaleen sadarkaa godinootaafi aanaaleetti gaggeeffaman hojiilee misoomaa bulchiinsa yeroo danquuf hojiileen seermalee gaggeeffamaa jiru jedhame.

Obbo Geetaachoon rakkooon bulchiinsa Adda Bilisummaa Oromoo (ABUT) gidduutti uumame siyaasaafi diiinagdee uummata naannichaarratti dhiibbaa guddaa uumuu Geetaachoon himeera. Gareen dantaa siyaasaa fedhii nagaafi tsagabbii uummataa ilaalcha keessa hin galchine aangoodhaaf jecha hokkora uumaa jiraachuus eeraniiru.


“Gareen yaa’ii gaggeesse caasaa godinootaafi aanaalee keessaa qabu fayyadamuun hojii mootummaa akka laamshahu taasisuun fonqolcha mootummaa gaggeessaa jira,” jedheera. “Gareen yeroo dheeraaf aangoorra ture” wanta hundaa humnaan ukkaamsuun aangootti deebi’uuuf hojjachaa jiraachuu dabalee ibseera.


“Xiyyeeffannoon guutuun keenya lammiilee deebisuu, nageenya uummata Tigraay mirkaneessuu ta’a jenneen kaayyoo karoorfanne cinaatti dhiisuun aangoo qabachuuf walirratti qabsaa’uuf dirqamneerra,” dabalee jedheera.


“Gareeen kanaan dura aangoo dhuunfatee ture karaa tokkos ta’ee biraatiin aangoo dhabee deebifachuuf sochii taasisaa jira,” jiraachuu ibsuun gareen kuni dhimmoota dursi kennamuufi malu cinaatti irraanfachuu Geetaachoon dubbateera. Rakkoon kuni siyaasa Tigraay daran hammeessaa jiraachuun eerameera.

“Fonqolchi mootummaa loltoota qofaan kan gaggeeffamuu miti, jechuun caasaan godinaafi aanaa fonqolcha kana milkeessuuf hojjachaa jiraachuun Geetaachuun ibseera.

Hojiin buqqaatota qe’eetti deebisuu sababa rakkoo siyaasaa kanaan danqamuu eeruun hojiin buqqaatota deebisuu haala gaarii ta’een raawwatamaa jiraachuu pireezidaantichi ibseera. Namoota qe’eerraa buqqa’an deebisuuf bulchiinsi yeroo mootummaa federaalaa waliin hojjachaa jiraachuus eereera.
Qooodamni siyaasaa kuni hojiirra oolmaa Waliigaltee Piriitooriyaa keessumaa buqqaatota Raayyaafi Tsallamtii deebisanii ijaaruurratti dhiibbaa uumuun Geetachoon dubbateera.

Yaa’iin gareen ABUT DabraTsiyoon Gabaramikaa’eeliin (PhD) durfamu gaggeesse seera-dhabeessa jechuun waldhabdee uumame karaa nagaatiin mariidhaan furuuf qophii ta’uu Geetaachoon ibseera.
“Akka ABUTitti ooluu yoo barbaanne humnoota keessootiin malee humnoota alaatiin ta’uu hin qbau,” jedheera. Mootummaan federaalaa rakkoo uumame furuun tokko ta’uun akka dhiyaatan gaafachuu Geetaachoon eereera.


“Raayyaan ittisaa birmadummaa Tigraay tiksuuf malee dantaa aangoo namoota dhuunfaa dhugoomsuuf hojjachuu hin qabu,” Geetaachoon jedheera. AS

Related Articles

Back to top button