ODUUSIYAASA

Oduu: Godina Arsiitti namoonni torba ‘humnoota mootummaatin ajjeefamuu’ maatii fi jiraattoonni himan

Finfinnee, Onkoloolessa 16/2024 – Godina Arsii aanaa Roobee Diida’aa ganda Sadiqaa Qarsaatti Onkoloolessa 10, 2024 namoonni torba humnoota mootummaatin ajjeefamuu fi saddeet biroo achi buuteen isaanii dhabamuu maddeen himan. 

Jiraattonni fi miseensonni maatii namoota kanneen akka ibsanitti, humnoonni mootummaa galgala guyyaa sanaa gara gandicha deemuun namoota “Shanee [maqaa mootummaan Waraana Bilisummaa Oromoo ittiin waamu] waliin hidhata qabdu” jedhan iddoo tokkotti sassaabuu eegalan. 

Miseensi maatii sababa nageenyaaf jecha maqaan isaa akka hin dhahamne gaafate tokko Addis Standard’tti akka himetti, humnoonni nageenyaa galgala naannoo sa’aatii 3:30 irratti gara mana isaanii dhufuun barataa kutaa torbaffaa kan ta’e Abdulaaziz Abduljalil akka ala bahu gaafatan.

“Shanee waliin hidhata qaba jedhanii himachuun konkolaataa isaanii keessa akka seenu ajajan. Eessa geessitu jenne gaafannaan callisaa nuun jedhan,” jedha miseensi maatii kun.

Ergasii halkan keessaa naannoo sa’aatii 8:00 irratti iddoo Amalamaa jedhamutti Abdulaziiz namoota jaha biroo waliin rasaasaan rukutamuu miseensi maatii kun hime. Namoonni ajjeefaman Abdulaziiz Abduljaliil, qonnaan bultoota Huseen Mamaa fi Abdusalaam Hajii, Misabaa Mahmud, akkasumas barattoota sadii Indatoo, Qarsoo fi Sibee jedhaman ta’uu ibsan.

Jiraataan ganda Sadiqaa Qarsaa kan biraan Addis Standard’tti akka himetti, reeffi namoota du’anii akka hin awwaalamneef dhorkame jira. “Gaddi dhorkamee jira; haati tokko reeffa ilma ishee fudhachuuf yeroo yaaltu humnoota mootummaatiin dhorkamteetti,” jedhe.

Maddi odeeffannoo kan biraan ajjeechaa kana hordofuun “humnoonni mootummaa namoota du’an keessaa dargaggoota afur uffata waraanaa itti godhuun Shanee ajjeesne jechuun giddugala ganda Sadiqaatti mul’isan.”

Kana malees, namoonni saddeet – Kamaal Umar, Anas Umar, Basir Majid, Salam Majid, Kamal Kasoo, Mohaammad Umar, Taajuddin Muktaar, fi Mahmud Alii achi buuteen isaanii hin beekamne.

Maddeen Addis Standard dubbise kunneen aanaa Roobee Diida’aa buqqaa’insi jiraattota baadiyyaa, jeequmsaa fi hidhaan jumlaa hammaachuu himan. “Humnoonni mootummaa nama mootar saayikilii irratti argan hunda reebu, mootar saayikilii argatan kamiyyuu fudhatu” jedhe.

Dhimma kana ilaalchisee waajjira nageenyaa aanichaa qunnamuuf yaaliin Addis Standard taasise hin milkoofne.

Ji’a Hagayya darbe godina Arsii aanaa Asakootti haleellaa raawwatameen Luba ykn Qeesii tokko dabalatee namoonni jaha ajjeefamuun, sadi biroo madaa’uun ni yaadatama. AS

Related Articles

Back to top button