ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Godina Horro Guduruu Wallaggaatti "xiqqaatu namoonni 15 ajjeefamuu" qondaalli aanaafi jiraattonni himan

Finfinnee, Hagayya 15, 2024 – Godina Horro Guduruu Wallaggaa aanaa Abbee Dongoroo keessatti xiqqaatu namoonni 15 ajjeefamuu bulchaan aanichaafi jiraattonni Addis Standard‘tti himan.

Godina Horro Guduruu Wallaggaatti jiraataa aanaa Abbee Dongoroo kan ta’e Abdataa Tasfaayee Addis Standard’tti akka himetti, haleellaa “hidhattoonni Faannoo ofiin jedhan” Hagayya 07, 2024 namoota gabaa dhaqaa jiranirratti iddoo Mirgaa jedhamutti ganama naannoo sa’aatii 2:30tti bananiin namoota shan ajjeesuun lama madeessaniiru. Namoota ajjeefaman keessaa dubartoonni Hawwii Kabbadaafi Warqinee Bayyanaa jedhaman jiraachuu jiraataan kuni himeera.    

Haleellaan biraa ganda Charuu keessatti gaggeeffamuufi namoonni nagaa jaha ajjeefamuu Tasfaayeen dubbateera. Hidhattoonni Faannoo kunneen uffata dambii humna addaa Oromiyaa duraanii fakkaatu kan uffatan ta’uu Tasfaayeen dubbateera.

Bulchaan aanichaa Katamaa Waaqumaa taateen kuni mudachuu amanuun “ajjeechaa ganda Charuu kana ka raawwatan “finxaaleyyii Amaaraati” jedheera. Namoonni madaa’an sadiimmoo wal’aansaaf gara hospitaala Dongooroo geeffamuu Obbo Katamaan himaniiru.

Akka Obbo Katamaatti, gochaa kana kan raawwatan hidhattoota Faannoo ofiin jedhan kan daangaa Oromiyaa keessa socho’aa jiraniidha.

Haleellaa gareen kuni irra dedeebiin taasisu hordofee sodaa nageenyaa qabaniif  jiraattonni ganda Charuu gara ganda Gararoofi Abbee Dangoorootti baqachuu bulchaan kuni himeera.

“Haleellaa Charuutti taasifameen lammileen nagaafi miseensonni humnoota mootummaa ajjeefamaniiru,’ jechuun poolisiin haaraa gara gandichatti ramadame tokko eessa buuteensaa hanga yoonaatti dhabamuu himeera.

Humnoonni Faannoo ofiin jedhan kunneen godina Baha Wallaggaatii buufata kan qaban yoo ta’u gara aanaa Dongooroo seenaa jiraachuu jiraattonni ni himu.

“Jiraattonni iddoolee haleellaan jiruu baqachuun gara gandoota aanaa Abbee Dongoroo nageenya qabaniitti dheessaa jiru,” jechuun baqattoonni kunneen rakkoo gaaga’ama namoomaa keessa jiraachuu Obbo Katamaan addeessaniiru.

Jiraattonni aanaa Abbee Dongoroo baqattoota kanneeniif deeggarsa taasisaa jiraachuu himeera. Haa ta’u malee, deeggarsi kennamu gahaa akka hin taane Obbo Katamaan dubbataniiru.

Obbo Katamaan haalli nageenyaa aanicha keessa jiru yeroodhaaf tasgabbaa’uufi sodaan nageenyaa akka hin jirre himu.

Jiraataa ganda Haroo Shoote kan ta’e biraa Ahmad Alii Addis Standard’tti akka himeetti, hidhattoonni Faannoo ofiin jedhan kunneen haleellaa gandicharratti bananaiin lubbuu namooota lamaa galaafachuufi hedduusaanii humnaan butanii dhabamsiisan hanga yoonaatti eessa buuteensaanii hin beekamne jiraachuu hima.

Akkasumas, Hagayya 09, 2024 haleellaan wal fakkaataan ganda Haanaafaaree Daargee iddoo addaa Kaataa jedhamutti gaggeeffameen qabeenyi imaltoota awutoobusii tokko guutuu saamamuu himeera.

“Hidhattoonni kunneen awutoobusii magaala Shaambuutii ka’ee imalaa ture karaarratti dhaabsisuun  moobaayilii, uffataafi qarshii imaltootaa saamaniiru,” Ahmadiitu jedhe.

Godinoota Wallaggaa kan naannoo Amaaraatiin wal daangeessan keessatti haleellaawwan walfakkaatoon hedduu itti fuffinsaan raawwatamaa turuufi rakkoon nageenyaa jiru hammaataa ta’uu Addis Standard gabaasaa tureera. Haleellaawwan garaagaraa garichi raawwate jedhameen jiraattonni godinoota Wallaggaa qe’eerraa buqqaafamaafi gaaga’ama namoomaatiif saaxilamaa turaniiru. AS

Related Articles

Back to top button