DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Godina Waagimraatti weerara dhibee gifiraa mudateen lubbuun daa’imman 15 darbe

Finfinnee, Waxabajjii 22/2024 – Naannoo Amaaraa Bulchiinsa Waagimraatti weerara dhibee Gifiraa hongeen walqabtee mudateen lubbuun daa’imman 15 darbuu waajjirri fayyaa godinichaa Addis Standarditti beeksise.  

Hogganaan waajjira fayyaa bulchiinsa Waagimraa Obbo Asaffaa Nagaash, godinichi ”rakkoo fayyaa hawaasaa baay’ee walxaxaa ta’e” akka qabu eeruun, yeroo ammaa kana walumaagalatti namoota gara 1800 ta’an dhukkuba gifiraatin qabamuu himaniiru.

Godinichatti hongee sababa hanqina roobaa bara 2015 ALI mudateen walqabatee dhibeewwan koleeraa, gifiraa, busaa fi dhibee beeyladarraa gara namaatti darbu mudachuu ibsaniiru. Yeroo ammaan kana dhibeen busaa babal’achaa jiraachuu kan eeran aanga’aan kun, adda durummaan garuu dhibee gifiraa “sadarkaa yaaddessaarra” gahuu dubbatan. 

Itti dabaluunis, dhibeen gifiraa baatii Onkoloolessa keessa aanaa Sahalaatti mudatee gara aanaalee hundatti babal’ate baay’inaan daa’immanii fi maaguddoota umurii 70oota keessa argaman miidhaa jiraachuu himan.

Keessumaa sababa hongee fi hanqina nyaataan lakkoofsa daa’imman, haadholii ulfaa fi harma hoosisan dabalaa jiraachuu eeran. 

Dabalataan rakkoon nageenyaa waggoota sadii ol turee haala kana hammeessuu himaniiru. “Aanaalee Abargallee, Tsagibij, Daanaa Jibraa jiran sababa rakkoo nageenyaan qoricha geessuu, ogeessota fayyaa bobbaasuu fi socho’anii hojjechuu hin danda’amne. Sababa kanaaf daa’imman hedduu du’aa jiru,” jedhan. 

Baatii Sadaasa darbe keessa hongee aanaa Sahaal keessatti mudateen lubbuun namoota jaha yoo darbu, baayladoota kuma 10 ol ta’an du’uu Addis Standard gabaasuun isaa ni yaadatama. 

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Hongeen kun hammaatee itti fufuun torban darbe ganda Bilaazaa keessatti lubbuun namoota 2 darbuu VOAn gabaaseera. Lubbuu namoota darbe dabalataan beeyladoonni 5000 ol du’aniiru. AS

Related Articles

Back to top button