DHIMMA HAWAASAAODUUSIYAASA

Oduu: Godina Wallagga Bahaatti haleellaa hidhattoonni raawwataniin lubbuun namoota 3 darbuun tokko madaa’e

Finfinnee, Fulbaana 03, 2024 – Haleellaa humnoonni hidhattoota Faannoo jedhanii of waaman godina Wallagga Bahaa ganda Margaa Jireenyaa keessatti Hagayya 31, 2024 raawwataniin lubbuun namoota sadii darbuufi namni tokko madaa’uu jiraattonni Addis Standard’tti himaniiru.

Jiraattonni godinichaa akka himanitti, halleellaa kana kan raawwatan miseensota garee “finxaaleyyii Faannoo” ofiin jedhan ta’uu ibsaniiru. Maqaan namoota lubbuunsaanii darbee Raggaasaa Godoo (40), Margaa Amantee (42) fi Balaachoo Daanyoo (40) ta’uu jiraattonni eeraniiru.

Jiraataa magaalaa Margaa Jireenyaafi fira namoota sadeen ajjeefamanii kan ta’e Dassaalany Filaatee Addis Standard’tti akka himetti, haleellaa kuni kan raawwatame yeroo namoonni nagaa kunneen gabaa Margaa Jireenyaatii gara ganda Wastiitti deebi’aa jiranitti ture.

Bulchaa ganda Wastii Xibabuu Muussee ajjeechaan akkasii raawwatamuu mirkaneessaniiru. Miseensonii raayyaa ittisa biyyaa iddoo sana kan gahan erga yakkichi raawwatamee booda ta’uu ibsuun haleellaa gareen hidhattootaa raawwatan kana dhaabsisuu hin dandeenye jedheera.

Haleellaan raawwatame kuni lubbuu namoota nagaa dabarsuufi maatileesaaniirratti miidhaa ulfaataa qaqqabsiisuu himu. Raggasaan abbaa ijoollee afurii, Margaafi Balaachoon tokkoo tokkoo isaanii abbaa ijoollee torbaa ta’uu Obbo Dassaalany ibsaniiru.

Namoonni ajjeefaman kunneen Fulbaana 1, 2024 Bataskaana Kidaana MIratiitti awwaalamuu bulchichi ifoomseera. Namni umrii 38 kan haleellaa kanaan madaa’e Dassaalany Chokkuuluu buufata fayyaatti wal’aanamaa jiraachuu himameera.

“Haa ta’u malee, haalli fayyaa isaa sodaachisaa waan ta’eef gara Hospitaala Giddaa Ayyaanaa ega dabarfamee booda gara Hospitaala Naqamteetti akka dabarfamu taasifameera,” firichatu jedhe.

Haalli nageenyaa naannicha keessa jiru sodaachisaa ta’uu ibsuun maatiilee miidhamtootaatiif gargaarsi hatattamaa akka taasifamu jiraataan kuni gaafateera. “Dhabamuun olaantummaa seeraa jiruu jiraattotaafi qonnanbultoota naannicha keessa jiraatanii hubaa jira,” dabalee jedheera.

Jiraataan ganda Margaa Jireenyaa biraa rakkoon akkasii jiraachuu mirkaneessuun qondaalonni aanaa rakkoo nageenyaa kana too’achuuf yaalii taasisuu hin dandeenye jechuun komateera.

“Bulchiinsi aanaa Kiiramuu tika akka nuuf taasisu gaafannee turre. Garuu itti gaafatamummaasaanii bahachuu hin dandeenye. Ummata sodaachisaafi gandoota akka Noonnoofi Limmuu keessaa akka baqatan taasisaa jiru,” jedheera.

Haleellaawwaan garaagaraa humnoonni hidhattootaa kuni irra deddeebiin raawwachaa turaniin jiraattonni daangaa Wallagga Bahaa kan daangaa naannoo Amaaraarra jiraatan qe’eesaanirraa buqqaafamaa turuu Addis Standard gabaasaa tureera.

Ji’oota afur dura mariin araaraa hawaasa lamaan gidduutti taaasifamuu hordofee qonnaanbultoonni qe’eesaaniitti deebifamuu jiraattonni kunneen eeraniiru. “Haala nama mararu yeroo deebi’anitti qaamni tika nageenyaa homaayyuu naannicha keeessa hin jiru ture,” jedheera.

Haa ta’u malee, bulchaa ganda Wastii Xibabuun mariin araaraa taasifamaa turuu eeruun dhalattoonni Amaaraa kan “too’annoo godinichaatiin ala ta’anii argaman” gochaan hidhannoo hiikachiisuu hin raawwatamne jedheera.

Humnoonni Faannoo ofiin jehdan kunneen gandoota Wafcii, Haroo, Dubuqiifi Caffee Guddinaa keessaa buufata waraanaa akka qaban bulchaan kuni ibseera. Ganda Bagii keessatti leenjii waraanaa gaggeessus jedheera.

Haaluma walfakkaatuun, gareen hidhattootaa kunneen haleellaa Caamsaa 05, 2024 aanaa Kiiramuu ganda Arroo keessatti raawwataniin lubbuun namoota sadii darbuu Addis Standard gabaasee ture.

Akkasumas, haaleellaa “gareen Faannoo” Caamsaa 06, 2024 Ganda Wastiitti raawwateen lammiileen nagaa saddeet ajjeefamanii ture. AS

Related Articles

Back to top button