DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Godinaalee Gujii lamaanitti gudeeddii, ajjeechaa seeraan alaa dabalatee sarbiinsi mirga namoomaa hamaa raawwatameera: Qorannoo 

Finfinnee, Waxabajjii 17/2024 – Dhaabbatni miti mootummaa Giddugala Guddina Mirgaa fi Dimokraasii (CARD) jedhamu haala qabiinsa mirga namoomaa godinaalee Gujii lamaan keessa jiru ilaalchisee qorannoo gaggeesse ifa godheera. 

Qorannoon Bitootessa hanga Caamsaa 2023 gaggeeffame kun godinaalee Gujii fi Gujii Lixaa keessatti walitti bu’iinsa gaggeeffamaa jiruun walqabatee sarbiinsi mirgoota namoomaa raawwatamuu mirkaneesseera. 

Humnoonni nageenyaa mootummaa fi Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) ajjeechaa seeraan alaa, hidhaa jumlaa, fi namoota nagaa humnaan hiraarsuu dabalatee dhiittaa mirgoota namoomaa godinaalee lamaanitti bal’inaan raawwataman keessa hirmaachuu qorannoon kun ibseera. 

Qorattoonni adeemsa qorannoo isaanii keessatti walumaagalatti dhiittaawwan mirga namoomaa 36 galmeessaniiru.

Bu’aa qorannoo dhaabbatichaa akka agarsiisutti, godinaalee Gujii fi Gujii Lixaa keessatti buqqaatii, qabeenya manca’uu, saamicha beeyladootaa, hidhaa jumlaa, gudeeddii fi miidhawwan saalaan walqabatan, ajjeechaa seeraan alaa, nama ukkaamsuu, reebicha fi dararaa xiin-sammuu raawwatameera. 

Qorataan mirga namoomaa fi paanaalistii qorannichaa kan ta’an Margaa Fiqaaduu, godinaalee lamaan keessatti waldhabdeen walqabatee hidhaan jumlaa gaggeeffamaa turuu Addis Standard’tti himeera. 

“Namoonni hedduu sababa ykn adeemsa sirrii malee to’annaa jala ooluun haala hamaa keessa dararamu,” jechuun ibseera. “Baay’een isaanii Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) waliin hidhata qabdu jedhamanii ykn mormii caaseffama godina Boorana Bahaa irratti hirmaachuun to’annaa jala oolfamu.” 

Akka Margaan jedhetti, waldhabdeen Oromiyaa keessattuu godina Gujii keessatti mudate mancaatii qabeenyaa bal’aa qaqqabsiiseera.

“Haleellaawwan manneen jireenyaa fi bu’uuraalee misoomaa barbaachisoo ta’an irratti itti yaadamanii raawwataman lammiilee nagaa hedduu mana dhabsiisuun rakkoo namoomaa hammeesseera.” 

Ogeettii dhimmoota koorniyaa, imaammataa fi misoomaa kan taate Naardoos Cutaa qorannoo kana ilaalchisee yaada Addis Standard’tti laatteen, godinaalee Gujii fi Gujii Lixaa keessatti miidhaan saalaa baay’inaan dabaluu himteetti.

Naannolee waldhabdeen miidhaman kanneen keessatti dubartoota fi shamarran gudeeddii, dararaa fi salphina dabalatee miidhaawwan garagaraa irra gahuun walqabatee rakkoo xiin-sammuuf saaxilamaa jiraachuu ibsite. 

Kana malees, godinaalee lamaan keessatti namoonni humnaan achi buuteen isaanii dhabamsiifamu bal’inaan mul’achuu isaatiin yaaddoo guddaa akka qabdu ibsiteetti. “Namoonni hedduun humnaan dhabamsiifamaniiru, kunis maatii fi hawaasa isaanii irratti dhiphina guddaa fideera.”

Dabalataan gochoonni akkasii mirga bilisummaa, nageenya dhuunfaa fi beekamtii seeraa isaanii kan sarbu ta’uu ibsiteetti. AS

Related Articles

Back to top button