DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Gondaritti daa'imni waggaa lamaa butamtee ajjeeffamuu hordofee namoonni dheekkaman hiriira bahan; namoonni lama ajjeefaman

Finfinnee, Fulbaana 03/2024 – Naannoo Amaaraa magaalaa Gondaritti daa’imni waggaa lamaa Nolaawwit Zagayyee jedhamtu namootaan butamtee erga fudhatamtee booda kaleessa Fulbaana 02, 2024 ajjeeffamuun dallaa mana jireenyaa warrashee keessatti gatamtee argamte.

Ajjeechaa kana hordofuun jiraattonni magaalichaa dheekkaman hiriira kan gaggeessan yoo ta’u, boodarra dhukaasa humnoonni nageenyaa baneen namoonni lama ajjeeffamuu jiraattonni himaniiru.

Daa’imni kun Hagayya 30, 2024 mana jireenya warrashee magaalaa Gondar keessa argamu irraa butamtee fudhatamuu jiraattoonni Addis Standard dubbise himaniiru. 

Boodarra qaamoleen daa’ima kana butan abbaasheetti bilbilanii “mucaa kee uggurree jirra, poolisiitti yoo himtan garuu ishee ajjeefna” jechuun isa akeekkachiisan. 

Daa’ima kana gadhiisuufis jalqabarratti birrii miiliyoona tokko kan gaafatan yoo ta’u, booda gara kuma 300tti gadi hir’isuu isaanii himameera. 

Abbaa fi haadha Nolaawwit uummata kadhatanii birrii kuma 200 sassaaban namoota mucaa isaanii butaniif kaffalanii daa’ima isaanii eegaa yeroo turanitti, ajjeefamtee reeffi ishees dallaa mana jireenya isaanii keessa gatamee argan. 

Ajjeechaa kana hordofee jiraattoonni magaalichaa hedduu kaleessa dheekkamsa isaanii ibsachuuf gara daandiitti bahan. 

Namni taatee ture ijaan argan tokko Addis Standard’tti akka himanitti, namoota dheekkamsa isaanii ibsachuuf gara adabaabayii magaalittiitti bahan irratti dhukaasa “humnoonni nageenyaa mootummaa” bananiin yoo xiqqaate namoonni lama ajjeefamaniiru. “Namoonni biroo lamas madaa’aniiru.”

Jiraataan magaalaa Gondar kan biraan taatee kana mirkaneessuun, erga yeroo dhiyoo asii magaalittii keessa uggura fi yakkoonni walqabatan baay’achaa jiraachuu himaniiru. 

“Ummanni jireenya gadadoo jiraachaa jira. Guyyaa shan duras haadha fi intalli ishee mana isaanii keessa otoo jiranii namoota isaan butuuf yaalaniin rasaasaan ajjeefamaniiru. Intalti ajjeefamte barattuu Finfinnee turte,” kan jedhan jiraataan kun, gochawwan raawwatamaa jiran duuba “caasaan mootummaa” jiraachuu mala jedhan.

Kanaafis, poolisii tokko dabalatee namoota yakka kana keessatti hirmaatan dhiheenya kana to’atamuu isaanii akka fakkeenyaatti kaasaniiru.

Kana malees, qaamoleen maqaa “Faannoo” jedhuun magaalattii keessa socho’an akkasumas namoonni kanaan dura hannaa fi saamicha irratti bobba’anii turan rakkoo nageenyaa naannoo sana jiru akka carraatti fayyadamuun gocha kanarratti harka qabaachuu malu jedhanii akka shakkan himan. 

Ajjeechaa daa’ima Nolaawwit Zagayyee hordofee Waajjira Dhimma Dubartoota, Daa’immanii fi Hawaasummaa Naannoo Amaaraa ibsa har’a baaseen, taateen butamuu erga yeroo dhiyoo asii biyyattii keessatti raawwatamaa jiru balaaleffachuun, “lammiin kamiyyuu humnoota daa’immanii fi dubartoota irratti miidhaa raawwatan seeratti dhiyeessu qofa osoo hin taane, tarkaanfii haqa qabeessaa fi barsiisaa ta’e irratti akka fudhatamu gochuun namoota miidhaman cinaa akka dhaabbatu” gaafateera.

Mana Maree Bulchiinsaafi Nageenya Magaalaa Gondar ibsa har’a Fulbaana 03, 2024 baaseen, namoota yakka ajjeechaa, butuu fi saamichaan shakkaman 49 to’annoo jala oolchuun qorannoo gaggeessaa jiraachuu beeksiseera. Dabalataan magaalittii keessa yaaliin olaantummaa seeraa mirkaneessuuf godhamu cimee akka itti fufu ibseera. 

Itoophiyaa keessa, keessattuu naannolee Oromiyaa fi Amaaraa keessatti taateen maallaqa argachuuf jecha namoota butuu fi ukkaamsuu baay’achaa jira. 

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ibsa har’a Fulbaana 03, 2024 baaseen Itoophiyaa bakka garagaraatti, keessattuu naannolee Oromiyaa fi Amaaraa keessatti nama butanii maallaqa gaafachuun hammaachaa dhufuu eeruun, mootummaan tarkaanfii bu’a qabeessaa akka fudhatu gaafateera. 

Akka komishinichi jedhutti, uggurri kun kan daran hammaate waldhabdee yeroo dheeraaf tureen walqabatee “laafina seera kabachiisuu fi caasaa mootummaa uumameeni” jedhe. 

Akkaataa hordoffii fi qorannoo komishinichi gaggeesseen, gochoonni nama butuu kan raawwataman “gareewwan saamichaaf gurmaa’anii fi miseensota nageenyaa mootummaa tokko tokkoon” ta’uu eereera. 

Gocha nama butuu kana waaraan dhaabsisuuf nageenya mirkaneessuu fi waldhabdeewwan jiran karaa nagaan furuu akka barbaachisuus hubachiiseera. AS

Related Articles

Back to top button