ODUUSIYAASA

Oduu: Goojjam Bahaatti barsiisonni lama “barnoota eegalchiisuuf yaaltan” jedhamanii hidhattootaan ajjeefaman

Finfinnee, Fulbaana 20/2024 – Naannoo Amaaraa godina Goojjam Bahaa aanaa Sinaan magaalaa Roob Gabayaa jedhamutti barsiisonni lama Roobii Fulbaana 18, 2024 haala suukaneessaa ta’een hidhattootaan ajjeefamuu bulchiinsi godinichaa beeksise. 

Barsiisonni ajjeefaman kunneen Getaandaala Annimaawu fi Attinkut Hunanyaaw kan jedhaman yoo ta’u, mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Roob Gabayaa keessa barsiisaa turan.

“Hidhattoonni barsiisota kanneen irratti ajjeechaa kan raawwatan hojii baruufi barsiisuu bara barnootaa 2017 jalqabsiisuuf sochii gootaniittu, maaliif mooraa mana barumsaa seentu?… jedhuuni” jechuun bulchiinsi godinichaa ibseera.

Itti dabaluunis, “ijoolleen egeree biyyaa ta’an akka hin baranneef barsiisota nagaa ajjeesuu fi barsiisota keessatti sodaa uumuun gocha hamaa ummata Amaaraaf yaaduu dhabuu irraa maddedha” jedhe.

Bulchaan Aanaa Sinaan Obbo Ayyanaw Dallalaa, barsiisonni lamaan kunneen hidhattoota Faannootin mana jireenya isaanirraa fudhatamanii ajjeefamuu VOAtti himaniiru. “Hidhattoonni barsiisota kana kan ajjeesan barnoota eegalchiisuuf sochii taasiftan jedhaniiti,” jedhan. 

Faannoo Amaaraa Goojjamitti itti gaafatamaa dhimma alaa fi diyaaspooraa ta’uu kan himan Simenah Mulaatuu gama isaaniin yaada VOA’tti laataniin, “hawaasa waliin mari’annee ijoolleen keenya sababa waraanaan akka hin miidhamneef barnoonni akka hin eegalamne jedhamee murtoo darbe hojiirra oolchaa jirra” jedhan.

Haata’u malee, “aanaa Sinaan keessatti barsiisonni hidhattoota Faannootin ajjeefaman hin jiran,” jedhan. 

Gama biraatiin godina Goojjam Bahaatti walitti bu’iinsa humnoota mootummaa fi hidhattoota Faannoo gidduutti gaggeeffamaa jiruun bara kanas barattoonni kuma dhibbaan lakkaawwaman barnoota ala ta’uu waajjirri barnootaa godinichaa beeksiseera. 

Hogganaan waajjira barnootaa godina Goojjam Bahaa Getaahun Fantee, barnoonni baranaa torbe kana yeroo eegalamu barattoota 710,000 godinicha keessatti argaman keessaa barattoonni 42,000 qofti barnoota eegaluu ibsaniiru. AS

Related Articles

Back to top button