Oduu: Goojjam Lixaa Aanaa Quwaarititti sababa “caasaan mootummaa diigameef” miindaan hojjettoota mootummaa ji’a sadiif harkifate

Finfinnee, Amajjii 01/2025 – Naannoo Amaaraa godina Goojjam Lixaa aanaa Quwaarit keessatti “caasaan mootummaa waan diigameef” hojjettoonni mootummaa ji’oota sadiif miindaan isaanii akka hin kaffalamne fi rakkoo ulfaataa keessa akka jiran Addis Standard’tti himan.
Hojjataan mootummaa nageenya isaanif jecha maqaan isaanii akka hin eeramne gaafatan Addis Standard’tti akka himanitti, naannoo sanatti humnoota nageenyaa mootummaa fi hidhattoota Faannoo gidduutti walitti bu’iinsi irra deddeebiin uumamuu eeruun aanichi yeroo ammaa to’annoo hidhattoota Faannoo jala akka jiru ibsan.
“Yeroo ammaa caasaan mootummaa diigameera” kan jedhan hojjetaan mootummaa kun, sababa kanaan ji’oota sadan darbaniif mindaan isaaniif hin kaffalamiin jiraachuu himan.
“Miindaan erga nuuf kaffalame ji’a sadii ta’eera. Jalqaba bara kanaa irraa eegalee rakkoo keessa jirra. Nyaata guyyaa illee guutuu dadhabnee mana firoota keenyaatti galleerra. Daandiitti bahuuf fiixeerra geenyeerra” jedhan.
Aanaa Quwaarit dabalataan aanaalee godina Goojjam Lixaa keessa argaman akka Sakalaa, Dagaa Daamot fi Shindii keessattis rakkoon walfakkaataa mudachuu dhaga’uu isaanii eeruun, “haata’u malee aanaalee kanneen keessati miindaan harkifate deebi’ee gadi lakkifama jedhameera,” jedhan.
Ogeessi fayyaa kan biraa Addis Standard’tti akka himanitti, sababa “diigamuu caasaa mootummaatin” aanaa Quwaarit keessatti miindaa Onkoloolessa bara 2017 ALI irraa eegalee akka hin argannne ibsan.
Yeroo ammaa rakkoo ulfaataa keessa akka jiran kan ibsan ogeessi fayyaa kun, “nyaata guyyaa guyyaan nyaannu nu yaaddessa” jechuun yaaddoo isaanii himan.
Itti dabaluudhaanis, magaalaa guddoo godinichaa Finotasalaamitti “hojjetoonni mootummaa aanaalee ollaa irraa dhufan mallatteessanii mindaa isaanii fudhachuu akka danda’an” beeksisni akka ba’e jiraattota irraa dhaga’uu isaanii dubbataniiru.
Haa ta’u malee, haalli nageenyaa naannoo sana jiru mindaa isaanii hin kaffalamiin argachuuf gara magaalaa Finotasalaam deemuuf akka isaan hin hayyamne himaniiru.
Naannoo Amaaraatti waldhabdeen humnoota nageenyaa mootummaa fi hidhattoota Faannoo gidduutti deemaa jiru miidhaa adda addaa dhaqqabsiisaa jira.
Naannoo Amaaraa godina Walloo Kaabaa aanaalee Bugnaa fi Laastaatti daangeffama “hidhattoonni naannichatti socho’an” kaa’aniin buqqaatota 10,000 dabalatee namoonni 77,000 ol rakkoo namoomaaf hamaaf saaxilamuu gabaasni tokko mul’iseera.
Akka gabaasa Eegumsa Hawaasaa fi Hojii Gargaarsa Namoomaa Awurooppaa baasetti dubartoonni ulfaa fi harma hoosisan keessaa 79% fi daa’imman 70% hanqina nyaataa cimaa kan qaban yoo ta’u, 9.2% kan ta’an ammoo haala hamaa keessa jiru. AS