Finfinnee, Muddee 10/2024 – Naannoo Amaaraa godina Goojjam Lixaa aanaa Dagaa Daamoot magaala Faras Beetiitti hoggantoonni sadarkaa aanaa fi gandaa 37 hidhattootaan ajjeefamuu jiraattonni Addis Standard’tti himan.
Jiraataan sodaa nageenyaaf maqaan akka hin eeramne gaafatan akka jedhanitti, ajjeechaan kun Muddee 06, 2024 hidhattoota “Faannoo” ofiin jedhaniin raawwatamuu himaniiru. Ajjeechaan kunis lola magaalattii keessatti ji’oota lama dura gaggeeffameen kan walqabatu ta’uu eeran.
“Ji’oota lama dura magaalattiitti waraanni cimaa taasifamee ture. Waraanichi ulfaachaa dhufuun Raayyaan Ittisaa magaalattii gadhiisee bahe. Yeroo kanatti aanga’oonni kunneen qofaatti hafan,” kan jedhan jiraataan kun, yeroos hidhattoonni Faannoo gara magaalattii seenuun aanga’oota “funaanuu” jalqabuu himan.
Guyyaa jalqabaa bulchaa aanichaa to’achuu jiraataan kun himaniiru. “Bulchaa aanichaa erga to’atanii booda kophee miilarraa baasanii miila duwwaa hawaasa fuuldura naanneessaa turan.”
Sana booda aanga’oota aanichaa, bulchaa gandaafi hoggantoota milishaa lakkoofsaan 97 ta’an to’annoo jala oolchuu jiraataan kun dabalanii himaniiru.
Ji’oota lamaa oliif erga hidhanii sababa lola tibbana humnoota mootummaafi hidhattoota kanneen gidduutti mudate hordofuun Jimaata darbe Muddee 06, 2024 aanga’oota qabaman keessaa 37 ajjeesuu jiraataan kun Addis Standard’tti himaniiru.
“Namoota qaban keessaa garii isaanii iddoo gabaa magaalattii ala argamu Gabaa Qidaamee jedhamutti ajjeesan,” jedhan.
Jiraataan kan biraa Alamuu Bihoonanyi jedhaman ajjeechaa aanga’oota kanneen irratti raawwatame Addis Standard’tti mirkaneessaniiru.
“Aanga’oonni kunneen kan to’ataman ji’a Fulbaana keessa yeroo Faannoon magaalattii to’atteetti ture. Lakkoofsaan dhibbaa ol ni ta’u,” jechuun aanga’oonni mootummaa isaan beekan 20 ol ta’an ajjeefamuu jiraataan kun dubbataniiru.
Namoota qabaman keessaa maallaqa hanga birrii miliyoona tokkoo kafalanii kan bahan jiraachuu Alamuun ni himu. “Bulchitoonni gandaa hedduu maallaqa gaafataman kafalanii bahaniiru.”
Dabalataan awwaalchi namoota ajjeefaman guyyaadhuma walfakkaataa bataskaana Gabri’eeliifi Madaanaalamii magaalattii keessatti argamaniitti raawwatamuu himan.
Yeroo ammaa humni Raayyaa Ittisa Biyyaa magaalattii to’achuu kan eeran jiraataan kun, haata’u malee jiraattonni sodaa keessa jiraachuu himan.
Ajjeechaa aanga’oota kanneeni hordofee Hogganaan Biiroo Nageenyaa Naannoo Amaaraa Dassaalany Xaasoo ibsa Muddee 06 laataniin, “humnoonni finxaaleyyii Faras Beetiitti namoota 37 haala suukaneessaa ta’een ajjeese” jedhan.
Humnoonni kunneen namoota tajaajila hawaasaa kennaa turan 97 Onkoloolessa 09, 2024 kaasee hidhanii tursiisuun Muddee 06 namoota 37 “haala suukaneesaan” ajjeesuu himan. “Gochaan raawwatame kuni safuu ummata Amaaraatii ala kan ta’eedha” jedhan.
Bulchiinsi Godina Gojjaam Lixaa gama isaatiin, hidhattoota “finxaaleeyyii” jedhee ibse namoota 90 ta’an Fulbaana kaasee hidhanii turiisuu eeruun tokkoon tokko isaanirraa maallaqa birrii miiliyoona tokko fudhachuu ibseera.
“Haa ta’u malee haleellaa raayyaan ittisa biyyaa Muddee 06, 2024 halkan keessaa sa’aatii 6:00tti irratti gaggeesse dandamachuu kan dadhabe gareen kun lammiilee nagaa 37 jumlaan ajjeeseera” jedhe.
Naannoo Amaaraatti walitti bu’iinsa humnoota mootummaa fi hidhattoota Faannoo gidduu gaggeeffamuun, hidhattonni Faannoo aanga’oota naannichaa irratti ajjeechaa yeroo raawwatan kun kan jalqabaa miti.
Tibbana Sadaasa 1, 2017 ALI Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Aanaa Qobboo Obbo Darribee Ballaxaa rasaasa hidhattoota kanneen irraa dhukaafameen ajjeefamuu Addis Standard gabaasuu ni yaadatama. AS