ODUUSIYAASA

Oduu: Goojjam Lixaatti haleellaa dirooniin hidhattoota dabalatee namoonni 20 ol ajjeefamuu jiraattonni himan

Finfinnee, Sadaasa 07/2024 – Naannoo Amaaraa godina Goojjam Lixaatti haleellaa diroonii Kibxata Sadaasa 05, 2024 raawwatameen hidhattoota dabalatee namoonni hedduun ajjeefamuu jiraattonni Addis Standarditti himan. 

Godina Goojjam Lixaa keessatti jiraataa aanaa Achafar magaalaa Durbeetee maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafatan tokko, Kibxata darbe magaalattii keessatti lola cimaan akka turee fi haleellaan dirooniin raawwatamuu Addis Standarditti himaniiru.

”Kibxata lola cimaatu ture. Haleellaan qilleensaa iddoowwan hidhattoonni Faannoo keessatti leenji’aa turanitti illee gaheera,” kan jedhan jiraataan kun, itti dabaluun haleellaa kanaan “hidhattoonni Faannoo 16 ta’an osoo leenji’aa jiranii ajjeefamaniiru” jechuun ibsan.

Jiraataan kun itti dabaluudhaan haleellaan qilleensaa kun bakka adda addaatti raawwatamuu eeruun, naannoo isaan jiraatanitti qofa “namoota nagaa 3 ol boombii qilleensarraa darbatameen lubbuu isaanii dhabaniiru” jedhan.

Jiraataan nageenya isaaniif sodaachuu irraa kan ka’e maqaan isaa akka dhahamu hin barbaanne kan biraas haleellaan diroonii raawwatamuu mirkaneessaniiru.

”Waldhabdeen kibxata ture baay’ee ulfaataadha. Ganama naannawa mana kootti dhohinsi dhaga’e. Iyya baay’eetu ture. Nama sodaachisa. Haleellaa kanaan namoonni 30 ol ajjeefamaniiru” jedhan.

Akkasumas walitti bu’iinsi kun ammallee cimee itti fufuu fi isaan maatii isaanii waliin yaaddoo hamaa keessa akka jiran ibsaniiru.

”Lubbuu keenyaaf dhiphachaa jirra. Guyyaa irraa gara guyyaatti maal akka ta’u namni beeku hin jiru,” kan jedhan jiraataan kun waldhabdee irra deddeebiin uumamuun balaa guddaa keessa akka jiran himaniiru.

Ji’oottan 14 darbaniif naannoon Amaaraa waldhabdee humnoota mootummaa fi hidhattoota Faannoo gidduu gaggeeffamaa jiruun raafamaa jira. 

Ji’a Onkoloolessa 2024 keessa Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa fi mootummaan naannoo Amaaraa ibsa waloo baasaniin, hanga “nageenyi guutummaatti deebi’utti” “hojii seera kabachiisuu” akka itti fufan beeksisuu isaanii hordofee waldhabdeen kun daran hammaateera.

Ibsa kana hordofuun humnoota mootummaa fi hidhattoota Faannoo gidduutti walitti bu’iinsi akka haaraatti magaalota Goojjam Bahaa fi Lixaa keessatti gaggeeffamuun lubbuun namoota hedduu darbaa jira. AS

Related Articles

Back to top button