
Finfinnee, Guraandhala 04/2025 – Naannoo Amaaraa godina Goojjam Lixaa ganda Jimmaat Enqooqima jedhamu keessatti humnoota mootummaa fi hidhattoota Faannoo gidduutti lola “meeshaalee waraana cimaatiin” taasifameen daa’ima ganna 14 dabalatee namoonni 4 ajjeefamuu jiraattonni Addis Standard’tti himan
Jiraataan gandichaa nageenya isaaniif sodaachuun maqaa isaanii akka hin dhahamne gaafatan tokko akka Addis Standard’tti himanitti, Kamisa darbe Amajjii 30, 2025 ”sochii humnoonni nageenyaa mootummaa naannoo sanatti taasisan” hordofuun muddamni akka eegale dubbataniiru.
“Muddamni kun kan jalqabe Kamisa darbe Raayyaan Ittisaa manneen jiraattota keessa naanna’ee oomisha qonnaan bultootaa yeroo fe’u jalqabeeti” kan jedhan jiraataan kun, itti dabaluun Jimaata itti aanutti “hidhattoonni Faannoo naannoo sanatti socho’aa turan” dhukaasa banuudhaan walitti bu’iinsi uumamuu himan.
Kana hordofuun guyyaan Jimaataa guutuu meeshaa waraana cimaadhaan humnoota nageenyaa mootummaa fi hidhattoota Faannoo gidduutti taasifamaa ooluu himan.
Walitti bu’iinsa kanaan daa’imni ganna 14 rasaasa karaa irraa maqeen ajjeefamuu kan himan jiraataan kun, namoonni biroo sadi immoo ”mana isaanii keessaa baafamanii humnoota nageenya mootummaatiin ajjeefamaniiru” jedhe.
Akkasumas yeroo waldhabdee uumameetti midhaan qonnaan bultootaa meeshaa gurguddaa kanaan rukkutamuun miidhamuu isaanii ibsaniiru.
Jiraataan naannoo sanaa kan biraan nageenya isaaniif maqaan isaanii akka dhahamu hin barbaanne, “meeshaa waraanaa gurguddaan lolli akka turee fi namoonni afur du’uu isaanii ni beekna” jedhan.
Sababa walitti bu’iinsa kanaan namoota ajjeefaman keessaa daa’imni ganna 14 du’uu kan mirkaneessan jiraataan kun, sirni awwaalchaa isaas bataskaana Gabri’eel keessatti akka raawwatame himaniiru.
Miidhaa namoota irra gaheen alattis, midhaan qonnaan bultootaa irratti miidhaa guddaan akka gahe jiraataan kun dabalee dubbateera.
“Bakka Baklab jedhamutti midhaan qonnaan bultoota guutummaan guutuutti meeshaa waraanaa moortaariidhaan barbadaa’e. Tuulaan xaafii guutummaatti barbadaa’eera. Xaafiin alatti boqqolloo baay’eenis gubateera,” jedhan.
Jiraataan kun itti dabaluudhaan, walitti bu’iinsa booda “dargaggoonni hedduun humnoota nageenyaatiin to’annoo jala oolaniiru” jedheera.
Haata’u malee, yeroo ammaa kan durii caalaa “nageenyi xiqqoo mul’ata jira” akkasumas magaalaan Jigaa “to’annoo Raayyaa Ittisa Biyyaa jala jirti” jedhan.
Sarara Jigaatti bakkeewwan akka “wangee fi Deepoo to’annoo hidhattoota Faanoo jala akka jiran” himaniiru.
Akkasumas naannoo sanatti walitti bu’iinsi yeroo baay’ee mudachaa akka jiru eeruun jiraattonni sodaa keessa jireenya isaanii itti fufuuf akka dirqaman dubbataniiru.
Tibbana naannoo Amaaraa godinaalee Goojam Lixaa fi Gondar Giddugaleessatti haleellaa “humnoota nageenya mootummaa” raawwataniin waliigalaan namoonni 20 ol ajjeefamuu Addis Standard gabaasuun ni yaadatama. AS