Oduu: Gujiitti sigiga lafaa iddoo albuudni itti baafamutti mudateen lubbuun namoota 8 darbe

Finfinnee, Guraandhala 04/2025 – Naannoo Oromiyaa godina Gujii aanaa Sabbaa Boruutti iddoo albuudni mala aadaatin itti baafamutti balaa sigiga lafaa mudateen lubbuun namoota saddeetii darbuu fi lama miidhamuu jiraattonni Addis Standard’tti himaniiru.
Balaan kuni guyyaa aanaa Sabbaa Boruu ganda Qanxichaa iddoo addaa Barzaafii jedhamutti kaleessa Guraandhala 03, 2025 waaree booda mudachuu jiraattonni himan.
Jiraataan ganda Qanxichaa taatee mudate ilaalchisee Addis Standard’tti hime tokko, namoonni miidhaman kunneen hojii albuuda baasuu kanaaf godinaalee Gujii lamaan irraa fi kutaalee biyyattii biroo irraa dhufan ta’uu himeera.
Akka jiraataan kun jedhutti, namoota lubbuun darbe keessaa sadii namoota tika nageenyaaf achi turan yoo ta’an kan hafan shan ammoo namootuma hojii albuuda baasuutti bobba’aniidha. Namoota lubbuun isaanii darbe keessaa Umar Booramaa Sullaa, Qananiisaa Baallii Qooree fi Teedii kan jedhaman akka argaman himeera.
Hallayyaan kuni tilmaamaan gara meetira 60 akka dheeratu kan eere jiraataan kun, namni kan biraa tokko ammoo dhagaa hallayyaarraa konkolaateen rukutamuun miidhaan qaamaa cimaan irra gahuun himeera.
Namoonni hojii barbaacha albuudaatti bobba’an hedduu ta’uu eeruun, lakkoofsi namoota balaa kanaan miidhamanii dabaluu akka danda’u jiraataan kaleessarraa kaasee iddoo kanatti argamu kun ni hima.
“Hallayyaan kun nam-tolcheedha. Halayyaan maashinni qote jiguun lubbuun namootaa darbe” kan jedhe jiraataan kun, hallayyaa kana kan qotame qajeelfama aanga’oonni mootummaa kennaniin ta’uu jiraataan ibseera.
Jiraataan kan biraa guyyaa kaleessaatii kaasee iddoo balaan mudate kana turuu himu, barbaachi lubbuu baraaruu ammas itti fufee jiraachuu himeera. Reeffi namoota lubbuun darbee awwaalchaaf gara qe’eesaniitti ergamuu jiraataan kuni dabalee himeera.
Kana malees, namoonni balaa kanaan lafa jala hafan biroo jiraachuu malu sodaan jedhu jiraachuu jiraataan kuni Addis Standard‘tti himeeera.
“Namoonni achi jiran hedduu waan turaniif namoonni miidhaman biroo jiraachuu malu sodaan jiru ni jira. Hojiin barbaaduu ammas itti fufeera,”jiraataa kanatu jedhe.
Dhimma kana ilaalchisee Addis Standard bulchaa ganda Qanxichaa qunnamuuf yaaliin taasise hin milkoofne.
Haata’u malee, Itti gaafatamaan Waajjira Kominikeeshinii Godina Gujii Obbo Ashannaafii Dhanqoo yaada BBC’tti laataniin, namootni lafti itti sigigaachuun lubbuun isaanii darbe kunneen albuuda warqii fi taantaalamii baasaa kan turan ta’uus himan.
Itti dabaluun balaan akkanaa godinicha bakka mala aadaatiin albuudni bahutti kan mudatu akka ta’e dubbataniiru. Kanneen mala aadaatiin hojjetan gurmaa’uun mala ammayyaa teeknoloojiin deeggarametti cehuun balaa akkanaa mudachuu danda’u xiqqeessuu malus jedhan. AS